
Home
Sirna lakkoofsa oromoo fi gadaa oromoo
OBN Sad. 03,2011- Sirna lakkoofsa Oromoo fi gadaa Oromoo muraasasaa madda gara garaarraa argannee akka kanaa gadiitti dhiheessineera.
1, LAKKOOFSA OROMOO
Ummatni Oromoo Lakkoofsa qabaa? Gaaffii jettuuf deebiin eeyyeen ni qaba. Lakkoofsa qabaannanuu dhaha dhooftuun guyyaa,torbee,ji’aa, tibba, waggaa, bara, gadaa, jaarraa fi jaatamjaarraa/barkumee/ jechaa lakkaawataa uummataaf raagaa walanee dhiheessaa,Sirna Gadaa fi Amantii Waaqeffannaatiin uummata isaanii qajeelchaa fi bulchaa turan.
A, Haala Lakkoofsa itti Lakkaawatan
Lakkoofsa yoo lakkaayu safartuuwwan armaan oliitiin hima malee, caljedhee Qabeenya isaa lakkoofsaan hin himu,waan lagatuu fi teedatus qaba. Akka uummata biroo lakkofsota mallattoon yoo kaayachuu baateyyuu, Oromoon lakkoofsa haala heera uumaatiin walqabsiisee lakkaawata.
1-waaqa/Kallacha-Tokko maali? Tokkeen tokkichuma. |
2- Nama/Bokkuu/-Lama maali –Lamaan mucha Re’ee tokkeen-tokkittuma. |
3-Sunsuma ibiddaa/maatii/aadaa-Sadi maali? sadeen sunsummanii—– |
4-Mucha sa’aa/hormaata-Afur maali? Afran Mucha saayyaa—- |
5-Quba harkaa/firaa fi lammii /-shan maali? Shaman Quba harkaa—— |
6-Jahan jabbii qaraxaa/jahan ganyaa |
7-Torban guyyaa dilbataa –Torba maali? Torban naannoo sanbataa |
8- Saddeet-Lakkoofsa Gadaa/saddeet dhala leencaa/- saddeet maali? Saddeet dhala leencaa— |
9- Lakkoofsa ekeraa/saglan yaa’ii booranaa/Saglan addunyaa- sagal maali? Sagal lakkoofsa ekeraa |
10-Mana saddeeqa/kurnan mana waaqaa-kudhan maali? Kurnan Boolla saddiiqaa—— |
13-mallattoo raawwii dhuma jireenyaa ykn Du’aa |
15-Gadabaa- Kaayaa-kaayoo warra biyyoo uffatee |
20-Digdamman handaara kuulaa- |
30-soddomman uumaa ambaa |
40–afurtamman marsaa gadaa |
50—shantamman baatuu/yuuba/ gadaa |
60—jahaatamman humnaa |
70–torbaatamman dhaaba manaa |
80-saddeettamman damee qilxuu |
90-sagaltamman gama gaangoo |
100- Jaarraa/Dhibba ija gingilchaa |
700- jaatamjaarraa |
1000-Kuma tokko- Jaatamjaarraa /barkumee/ |
10,000-kuma kudhan. 100,000-kuma dhibba. 1,000,000-kitila tokko= kumaa kitila. |