Seenaa Generaal Taaddasaa Birruu

13

Seenaa Generaal Taaddasaa Birruu

TaaddeeGootichi beekamaan ilma Oromoo onneen isaa waa’ee saba isaaf dhiigdu kun kan dhalatee guddate Godina shawaa kaabaa nannoo salalee aanaa Hidhaabuu Abootee iddoo addaa Siree Morose jedhamutti dhalatee akka guddate seenaan tarree gootota Oromoo keessatti barreefame hedduun ragaa baha. J/Taddasaa Birruu akkuma ijoollee naannoo isaa biro ijoollumaan loon tiksaarra darbee umriin isaa yoo barnootaaf gahu mana barumsaa amantaa ortodoksiitti afaan gi’izitiin barumsa amantaa hodofuudhaan afaan gi’iizii bareessuu fi dubbisuun kan yeroo itti hin fudhanne ture.

Haa ta’u malee daa’imni kun abbaan isaa quuqama sabaa waan qabuuf yeroo lola Xaaliyaani irratti duulee dirree waranaa irratti wareegamee ture. yeroo kana duuti abbaa isaa baay’ee isa gaddisiisee osoo jiruu Haati isaas rifaatuu abbaa manaa isherraan kan ka’e abbaan manaa ishee du’ee guyyaa saddetammaanitti(80) lubbuun isheellee darbuu danda’eera.Qormaanni jireenya walirratti leenca kana qunnamte akka inni barnoota isaa addaan kutuuf itti lallabde.

Kana booda dargaggeessi jaalala maatiisaa dhandhamee hin quufne kun karaa abbaa isaa qabachuun Xaaliyaani irratti duuluuf bosona akka gale dirree seenaa gootota oromoo keessatti barreefameera. Yeroo kanatti Essumni(obboleessi haadha isaa) Baraanbaraas Beekaa jedhamu waliin kutachuudhaan loltoota mataa ofii ummatanii biyya isanii faashistoota irraa buusuuf gara hallayyaa Calanqootti kutaan.

Xaaliyaanoonni meeshaa waranaa Ammayaa fi loltoota saanyinsii quufaan qabattee waan hirirteef falmiin ture caalmaa warra xaliiyaaniif dhundhumtee,waraana sa’aa 24 taasifameen J/Taddasaanfaa naannoo hoolqa Fincii jedhamtee waammamtuutti marfamanii harka laataan.sana boodaas akka qabamanii Hidhamtoota baay’ee waliin Gara Moqaadishootti ergamanii achitti J/Taddasaa Birruu hidhaan umrii guutuu akka itti murteefamu taasifamee ture.Egaa umrii sanatti dararamuun faashistootaani abdii kan kutachiise osoo hin taane,caalatti jabina kenneefi seenaa Ummanni oromoo har’a akka warqeef meetiitti laalu kana dalaguu danda’eera.

Akkuma J/Taddasaan mana hidhaa fashiistootatti rakkoon hedduun isa dararteen Biyyi sumaaliyaa harka Xaaliyaanootaati baatee kolonii Ingilizitti kufte. Ta’iin kun immoo B/J Taddasaa Birruu fi namoota isa fakkataniif carraa cimaa ta’ee ummame.egaa hidhaan umri guutuu ture suniis carraa kanaa fashalaa’era. Haaluma kanaan gootichi kun dandeettii cimaa qabachuun isaa erga beekamee gara loltoota ingiliziitti makamuu danda’e. yeroon kun baay’ee sukanneessa ta’uu isaa dubbistoonni koo akka hin daganne hubachiisuun fedha!! yeroo gurraachummaan akka namatti hin lakka’amne fi qooddaan sanyi fi amantii itti daraaredha. kana keessatti garuu kormi kun ga’umsa ol’aanadhaan warruma adii waliin socho’aa turuunsaa ni yaadatama.

Kan namatti tolu, fedhii fi jaalala biyya isaatiif qaburraa kan ka’e loltoota san keessaa gara raayyaa polisii humna dafee qaqqabaatti jijjirame biyya isaatti deebi’e.
Sanan boodaas hogganummaadhaan iddoo hedduu hojjechuu isaa ragaleen funannamaan lafa kaa’u.Yaa dubbistoota barruu kanaa! amma kan nurraa egamu maal akka ta’e secoondii muraasaaf akka of gaafattaan isin dirqamsiisuun barbaada!

Seenaa Qabsoo fi Seenaa mana hidhaa

Qabsoo ummata Oromoo yeroo sanii waliin wal qabatee Waldaan Wal gargaarsa Maccaaf Tuulamaa akka hangafaatti laallamuu isaa eenyuma jalaa waan dhokatu miti.waldaan kun yeroof maqaa wal gargaarsaatiin ejjennoo haa jalqabu malee, yeroon booda sirna qabsoo oromoorratti xiyyeefanno isaa cimsachaa deemee ture.

B/J Taddasaa Birruu fi Waldaan kun seena yoomuu himamee hin dhumne waliin akka qaban lammiin oromoo seenaa isaa beeku kamuu dhugummaa isaa himuu ni danda’a.

Mee B/J Taddasaa Birruu akkamitti gara waldaa kanaatti dhufaan laata? Waldaan Wal gargaarsa Maccaaf Tuulamaa Yeroo sanatti sanyiin oromoo ta’anii qondaaltoota sirna mootummaa H/Sillaasee iddoo garagaraa hojjetaniif gaaffii miseensummaa dhiyeessaniif keessaa B/J Taddasaa Birruun nama tokko ture.jalqabarratti akkuma loltoota Ingilizii keessa jijjiramee dhufeen sirni mootummichaa dhugumaan ummata oromoof waan dhaabbate itti fakkate, yoon miseensa waldaa kanaa ta’e ilaalchi qooddaa sabaa ummamuu danda’a, jechuudhaan shakkee akka dide ni dubbatama.

kanuma gidduutti mummicha ministeera yeroo sanii kan turaan Akiliil Hatewald namni jedhamu tokko Galgala wayii B/J Taddasaa Birruu Irbaataaf mana isaatti afferee osoo taphachaa jiraani waan tokko akeekkachiisee ture.B/J Taddasaa Birruu koree duula qubee waan tureef akka ummanni oromoo baratee doofummaa keessaa bahuuf tattafii inni gochaa ture daraan cimaa waan ta’eef Muummicha kana sodaachisuun hin hafne.Jeneralli kun oromoo ta’uusaas waan hin shakkineef akkas jedheeni ture”Taddasaa ati erga duula qubee kana eegaltee baradhaa! Baradhaa!jechuu baayistee jirta.baradhaa jechuun gaariidha garuu eeyyu barsiisuu akka qabnu adda baastee beekuu qabda.nuti yoo xiqqaatee,xiqqaate oromoo jaarraa tokko gara boodaatti hambisnee bitaa jirra.ummata kana nan barsiisa yoo jette galaana nurra garagalu”jechuudhaan soda ummata oromoorraa qabaan ibsaanif.kun immoo B/J Taddasaa Birruun Gadoodhaa akka Waldaa Maccaaf Tuulamaatti dabalamuuf karaa bal’aa bane.sana booda miseensummaaf laphee guutuun edda eeyyamamanii akkas jechuun dhugaa jiru bahanii turaan jecha muummichi ministeera sun jedhaniin eeruudhaan”wuskiin fuuldura kootti buufamee jiru dhiiga natti fakkate. gonkumaa miira koo to’achuu waan hin dandeenyeef,wuskiin naaf buufamemoo?ani bar qorichaan fudhachaa jiraam kanaafuu hin hin dhugu jechuudhaan dhiiseen bahe”jedhanii akka turaan ni yaadatama!

A.L.A bara 1966 keessa waldichi akkuma tasaa gara sochii siyaasa ol’aanaatti cee’uusaatiin miseensota lakkoofsaan hedduu ta’aan horachuu danda.eera.jijjiramni dhufe kunis bu’uurrisaa haasawa dadamaqiinsaa B/J Taddasaa Birruu taasisanidha.haasofni Jeneraalichaa waa’ee Muummichi ministeeraa ,angawoota mootummaa kan turaan,loltoota sadarkaa ol’aanaa gahanii fi oromoota gara dhaabbilee barnoota ol’aanoo galaan lakkoofsi isaanii akka hir’atu kan jedhu bakka Jeneraalli kun jirutti wal gahii gaggeefarratti ibsamuu isaas eeranii turaan.

Yeroon booda Shira Angawoonni ol’aanoon mootummaa H/sillaasee qopheessaniin B/J Taddasaa Birruu fi A/dhibbaa maammoo mazamir,namoota lakkoofsaan 7 ta’aan waliin gara mana hidhaa Alem Baqqanyitti darbataman.
Akka Jarri xaxanitti yakki B/J Taddasaa Birruu fi jaallaan hafan ittiin himatamaan “Heera mootumaa diiguudhaan tokkumaa ummata Itoophaa yeroo dheeraa cimee ture kan fashaleessu holola sobaa oofuudhaan ummata jeequmsaaf kakaastaan”kan jedhudha.
Galmeen himatamtoota lakkoofsaan sagal ta’aan kun kan armaan gadiiti:
1,Himatamaa 1ffaan B/J Taddasaa Birruu
2,Himatamaa 2ffaan A/dhibbaa Maammoo mazamir
3,Himatamaa 3ffaan Obbo Seefaa Tasammaa
4,Himatamaa 4ffaan Obbo Daadhii Fayisaa
5,Himatamaa 5ffaan Loltuu Lammeessaa Boruu
6,Himatamaa 6ffaan Q/M Mokonin Wasanuu
7,Himatamaa 7ffaan Obbo H/Maariyaam Gammadaa
8,Himatamaa 8ffaan Konoleel Alamuu Qixxeessaa
9,Himatamaa 9ffaan B/J Daawit Abdii….turaan

Himanni tokkon tokkoo isaanirratti dhiyaate mata dureen isaa kan gubbaatti Eerame haa ta’u malee qabiyyee gara garaa of keessaa qaba
Keessa mee kan B/J Taddasaa Birruu Akkas jedha:Bakka wal gahii hundatti uummata mootummaarratti meeshaa waraanaa qabatanii akka kaka’aan yoo dubbatu kanneen hafaan immoo ajajaa fi yaada isaa irratti walii galuu isaaniti jedhame.akkasumas A/dhibbaa Maammoo Mazamir Sinimaa Ampeyer keessatti Boombii Gad-dhiisuudhaan namoota hedduu madeessiteetta kan jedhullee garee himata isaaniti
Ragaan seeraa isaan lafa godhataan illee hojiin isaani poolisii akka turaan seenaan dhugaa baha. Kun immoo guutummaa guututti waan sobaan itti yaadamee qabsoo ummata oromoo kichuutti quucarsuuf karoorfame ta’uusaa hubachuun ni danda’ama.

Himata B/J Taddasaa Birruu fi jaallaan hafaan irratti qindaa’eef Jeneraalli kun callisanii hin teenye
Mee deebii isaan laataan keessaa muraasa yaa ilaallu
*Bilisummaa ummata tokko wantootni guutuu akka ta’u godhaan baay’ee ta’aan illee, qabxii gudhaan garuu seera baheen murtii madaallamaa wal qixa fayyadamuudha. Carraa koo haa tauu,yookaan waanaan sanyiidhaan adda ta’eef ta’ee hin barre.dur Itoophaanonni kanneen biro hanga har’aatti seeraan ajaja Girmaawii mootii mootichaan kennamutti fayyadamaa turaan anaaf waan kun hin fayyannee himatamuu fi hidhamuun koo na gaddisisuu irra darbee Warreen ana fakkataanillee abdi kan kutachiisudha

*Heera mootummaa keeyyata 3(a)irratti akka ibsutti muuduu fi Angoo irraa buusuu kan danda’u mootii mootichaa qofa jedha.seera adabbii lakk.126 gulantaan kan mulqamu ajaja mana murtitiin jedhee lafa kaa’a.kan koo garuu kanaan ala Aangoo himattota kiyyaatiin qofa gulantaan koo akka waan narraa mulqameetti ummata Itoophaatiif gazexaadhaan ibsame.kunis kan ibsu seerri anaaf kan hin hojjenne ta’uusaati.

*Hanga har’aatti qondaaltootni anaan wal fakkatu qabaan “Alem baqqanyitti”hidhamanii hin beekaan anarra garuu dabni kun narratti rawwate.Alem baqqanyittaan hidhamee argama.daba kanas kabajamoo mana murtitti iyyadheen achitti hidhamuun kee sirridha jedhamee murtiidhaan akkaan jiru ni yaadatama.

*Barumsaan kan duubatti hafaan saba oromoo akka barataan waanaan godheef saba addaan qoodde jedhamee dhimma bu’uura hin qabne kaniin ani hin hojjetiin har’a jaarraa 20ffaa keessatti yeroo ummanni Addunyaa hundi sanyiidhaan,amantiidhaan,gosaan,saalaan osoo wal hin qoodiin tokkumaa isaanii cimsatanii gara fuulduraatti hoofaa fi hojjechaa jiraan kanatti anarratti yaadni akkanaa dulloomaan kun qoodinsa sanyitiin waanin hin hojjenneen na rakkisuun ummata amma baratees ta’ee,dhaloota dhufu osoo hin gaddisisiin kan hin hafne,miidhaa isaas kabajamoon mana murtii kan hin daganne ta’uusaa nan abdadha.
qabxiilee kanaa fi kanneen kana fakkataan hedduu barreessudhaa gara mana murtii ol’aanaa yeroo sanatti iyyachuun isaa ni yaadatama.

Manni murtii Ol’aanaan kun murtii isaa murteessera. murtiin kunis madaa ummata oromoo baraa hanga baraatti okkolchiisaa ta’ee hafe.murtichi akkas ture B/J Taddasaa Birruu fi A/dhibbaa Maammoo Mazamir Du’aan akka adabamaan,kanneen hafaan jahaan ammo hidhaa cimaa waggota gara garaatiin akka hidhamaan murta’e
Murtiin kan Obbo Hayilamaaram Gammadaa sababa dhukkubsatani mana yaalaa jiraniif bira darbamee yeroon booda akka irratti murteessaan walii galaan.

Akkuma beekamu murtii du’aa kan mirkaneessu mooti H/sillaasee waan tureef kanneen biro akkuma jirutti mirkaneessee kan B/J Taddasaa Birruu murtii du’arraa gara hidhaa umri guututti fooyyesse.kunis kan ta’uu danda’eef Jeneraallichi fonqolcha mootummaa H/Sillaasee irratti mudde 5 bara 1953 aggamame ol’aantummaadhaan kan fashaleesse waan ta’eef,isa akka olmaatti lakka’eefi jedhama.

Murtiin A/dhibbaa Maammoo Mazamir akkuma itti cimetti itti fufee,walakkaa bara1962 mana hidhaa finfinneetti argamu Alem baqqany jedhamee waammamu keessatti akka fannifamee du’u taasifamee ture.

Gaafa gara du’aatti qajeeles kutataan kun akkas jedhee ture!
“Dhiigni koo dhiiga mirga cunqurfamoota ilmaan oromoo kabachiisuuf dangala’e waan ta’eef dhiiga gatii malee jige miti. Waaniin ani hin hojjetin hojjette jedhani sobaan murtii du’aa kan natti murteessise mootichaas ta’ee qondaaltootni sirnichaa garuu gatii isaanii yeroo gababaa keessatti idduma kanatti ummatota Itoophaa harkaa akka argataan shakkii tokkollee hin qabu.yaa oolu yaa bulu malee mirgi ummata oromoo dhiiga qabsaa’ota ilmaan isheetiin guutummaa guututti kabajamuun isaa waan hin hafne”jechuun dubbii isaa dhumaa saba jaalatuu fi jarreen shira xaxaniif dhaamee gara yoomuu hin deebine sanitti sokke.

B/J Taddasaa Birruu erga murtiin hidhaa umri guutuutti jijjirameefi gara magalaa Hararitti akka ergamee hidhamu taasifame.baay’ee osoo hin turiin immoo mana hidhaa magalaa Hararii gara mana hidhaa Galamsootti jijjirame.kun immoo carraa addaa Jeneraala kanaa fi ummata oromoof uume.B/J Taddasaa Birruu Hidhamaa amanamaa waan ta’eef carraa ummata waliin wal argee qabsoo ummata oromoo bifa haaraa ta’een fininsuu eegalu argate.Haalli gaariin ummameef tokko immoo ummanni Harargee yeroo sana qabsoo diddaa gabrummaa finiinsaa waan jiraniif ture.

Keessattu gootichi ilmi oromoo Elemoo Qilxuun bosona carcar galuudhaan lammi isaa harka alagarra baasuuf tattafi cimaa gochaa yeroo jirudha. B/J Taddasaa Birruu qunnamtisaa dhoksaan Elemoo Qilxuu waliin gochaa,ummaticha naannoo sani ammoo akka barataniif gorsaa fi tooftaa isaan barnoota amaleefatan fayyadamaa turuu isaa Maanguddooni ammallee lubbuun jiraan raga bahu.

Fulbaana 2 bara 1966 sirni H/sillaasee waan kufeef Dargiin B/J Taddasaa Birruu fi hidhamtootni biroos akka hiikkaman ajaja dabarse.
Ammallee sirni Dargii ummataaf akka hin taane kan hubate Jeneraalli kun cunqursaa yeroo dheeraaf ummata oromoorra ture faccisuuf qabsoo hidhannoo filatee bosonatti galuudhaan sirna Dargii wajjiin wal falmuu eegale.

Gabroofamuun ummata isaa Yoomuu boqonnaa kan dhoowwate B/J Taddasaa Birruu osoo Bilisummaa Uummata isaatif falmaa jiruu Bitootessa Guyyaa 9,bara 1967 harka oftultotaatti kufuun lubbu isaa yeroo dhumaatiif lammi jaalatuu dabarsee laate!!Taddasaan du’uus hojii boonsaan inni qomoo isaaf dalage baraa hanga barabaraatti laphee Uummata Oromoo keessaa akka lallabdu shakkii hin qabu!!
Xumureera!! Dogoggorri seenaa akka tasaa yoo jiraate,

na ofkalchaa!!!

Imimmaan Lakkuu keessaan!!