Jen. Huseen Bunee Daraaraa (1906-2009)

12418061_1004713186286866_8469953158802185234_n

 

 

Jen. Huseen Bunee Daraaraa (1906-2009)

Abbaa isaa obbo Daraaraa Godaanaa fi haadha isaa aadde Hawwaa Badhaasoo irraa bara 1906 Kibba Oromiyaatti, Baale keessaa naannoo Sawweena jedhamtutti dhalate. Yeroo san naannoo isaanii bakki barnoota ammayyaa itti baratan waan hin turiniif, barnoota amantii baratee, booddees barsiisaa ture.

Bara mootummaa Hayle Sillaasee keessa, cimina isaa ilaaluun aangoon kennaniifii Baalabbaata tahee naannoo isaa bulchaa ture. Haatahu malee, cunqursaa fi miidhaa nafxanyaan ummata isaarra geessisaa ture waan hubateef, cunqursaa kana jalaa ummata isaa baasuuf yaaduu eegale.

Walgahii Baalabbaatota kudha saddeet waliin magaalaa Gindhiir keessatti godhame irratti akka Nafxanyaatti gara galanii itti qabsaawan yaada kaase. Jarri garuu akka waan Oromoon Nafxanyaa ajjeesuu hin dandeenyetti waan fudhataniif sodaatanii yaada isaa kana harkatti didan. Inni garuu soda tokko malee gootummaadhaan akka Nafxanyaa ajjeesuun dandayamu itti agarsiisuuf sangoota isaa sagal gurguree, qawwee sadi bitachuun namoota saddeet tahanii Nafxanyaa adamsuu eegalan. Naannoo Sawweenaatti Nafxanyaa tokko ajjeesanii qawwee zinnaara guutuu waliin irraa hiikkatan. Reeffa nafxanyichaa ummatatti agarsiisuun, akka qawween Oromoo Nafxanyaa ajjeesuu dandeessu mirkaneesseef. San booda shiftaa jedhamee, gaara Goonii kan booda gaara Huseen Bunee jedhamutti waheloota isaa waliin galee qabsoo itti fufe. Warri laalaan gabrummaa itti dhagayamte Huseen Buneetti dabalamuun miseensonnillee huddummaachuu eegale. Qawween hedduun isaan barbaachise. Waraana isaa keessaa nama saddeet Somaaliyaatti ergee gargaasa qawwee Perezidaantii Somaalee yeroo sanii Aadam Addee gaafachuudhaan qawwee saddeet argatanii galan. Qawwee sadan jalqaba loon gurguree bitatee fi kan nafxanyicha ajjeesan irraa hiikkatan waliin qawwee kudha lamaan qabsoo itti fufan.

Bara 1970 tti Somaaliyaa dhaqee mootummaa Somaaleetti rakkoo Oromoo erga ibsee booda akka gargaarsa qawwee godhaniif gaafatee milkiidhaan qawwee hedduu argatee gaalatti fe’ee biyyatti gale. Qabsoo cimsanii naannoon biraallee akka waliin ka’anii qabsaawan waamicha qabsoo jabeessanii itti fufan.

Somaaleen maqaa Oromoo jedhu kana Oromoon akka ittiin hin waamamne dhiibbaa godhuun maqaa “Somaalee Abboo” jedhu Oromoof baasanii turan. Baqattoonni Oromoo Somaaliyaa jiran, maqaa Oromoof kenname, “Somaalee Abboo” kana balaaleffatan. Sababa kanaan mootummaan Somaalee baqattoota Oromoo magaalaa Muqdishootti walgahii waame. Itti aanaan perezidaantii Somaaliyaa yeroo sanii Jeneraal Muhammad Ali Samattar walgahicharratti argamuun baqattoota Oromoo lakkoofsaan namoota dhibba saddeet tahan keessaa nama tokko akka bakka buufatanii dubbisu gaafate; Ana jechuudhaan namni gaafa san bakka bu’ee generaaltichi gaafii gaafate Jen. Huseen Bunee ture. Afaan Soomalee sirriitti waan hin beeyneef Siraaj Haaji Isaaq turjumaana taheefii gaafiin inni gaafatame, “Nuti Somaalee Abboodhaan isin beeynaa yoomii as Oromoo taatan?” kan jedhu ture. Jen. Huseen Bunee deebii isaa kennuun dura gaafii gaafate; “Jecha Oromoo jedhu yoom dhageette ati?” jedheen. Jeneraaltichis “Bara 1962 dhagaye” jedheen. Jen. Huseen Bunee deebisee akkana jedheen; “Gaafni isin Oromoo dhageettan gaafa dhalattan, san dura isinuu rimaya turtan. Afrikaanota isin dura dhalatte Oromoon yoomii as jirti jedhaa gaafadhaa. Akka Oromoon gaafa ilmi namaa uumamu uumamte isinitti himanii. Ummata baldhaa lafa qabu, aadaa qabu, sirna gadaatiin bulu dhagayuu dhabuun keessan nama ajaa’ibsiisa!” Jeneraaltichi dubbii Jen. Huseen Bunee kanatti baayyee aaree walgahii xumure. Sababa kanaan waraanni Somaalee halkan Jen. Huseen Bunee fuudhee mana hidhaa lafa jalaatti hidhan.

Jen. Huseen Bunee mana hidhaarraa fuudhanii Perezidantii Somaaliyaa yeroo sanii Ziyaad Barreetti geessanii dubbisan. Ziyaad Barreen akka Jen. Huseen Bunee maqaa Somaalee Abbootiin yoo qabsaawe mana, makiinaa fi mindaa ol’aanaa godhaniif waadaa seeneef. Jen. Huseen Bunee garuu didee, biyya isaa bilisoomsuuf malee gurgurachuuf akka manaa hin bahin murannoon itti hime.
Ziyaad Barreenis gootummaa isaa kana xiinxalee, ajjeesuuf nama ummanni duuba jiru akka tahe waan hubateef waggaa sadi booda Jen. Huseen Bunee mana hidhaarraa bilisaan gadi lakkise.

Itti fuf