Injifannoo Qaqqabaa: Maaltu jira gara keessan sana?

Gadaa Hundeiif Injifannoo Qaqqabaa

Injifannoo Qaqqabaa: Maaltu jira gara keessan sana?
Gadaa Hunde Waraqaa qorannoo tokkotu dhihaata; dabalataanis dhimmoota Afaan Oromoo barsiisuurrattis dalagaalee jalqabamantu jiru.
Injifannoo Qaqqabaa: Waraqaan dhihaatu dhimma maaliirratti?
Beekan Gulummaa: Dhimma Oromoorratika; keessumattuu dhimma fincila xumura garbummaa uummanni Oromoo itti jiru kana!
Injifannoo Qaqqabaa: Mata duree Maal jedhurratti?
Beekan Gulummaa: Fincilaafi Diddaa Barattoota Oromoo: Nagaa, Haqaafi Dimookiraasii Barbaachaafi Tarkaanfii Deebii Mootummaa Abbaa Irree Xoophiyaa’’ kan jedhurrattidha.
Injifannoo Qaqqabaa: Yoomi?
Injifannoo Qaqqabaa: Eessatti?
kanaa maal jedhan? Maalittis jiru? H. Uummata Oromoorraawoo maaltu eegama? Fuuldureen saba Oromoo maal ta’uu qaba? Kan jedhamaniifi kan kana fakkaatantu erga waraqaan qorannoo dhihaate booda mareedhaan tumsamu!.
Injifannoo Qaqqabaa: Ajaa’iba Waaqaa; ajaa’iba Rabbi!. Utuu jennuu afaan maaliitiin dhihaata?
Beekan Gulummaa: Afaan Ingiliziitiin dhihaataka!
Injifannoo Qaqqabaa: Maal jechuudhaa? Afaan Oromoo maal si goonaan afaan faranjiitiin qorannookee dhiheessuuf jirta gurbaa? Atis afaan keenyaan qoosuu jalqabdee?
Beekan Gulummaa: Lakkii turimee siifan ibsaa. Ani afaan faranjii jaalladhee yookaan danda’eefis utuu hintaane, hayyoota mooraa Yunivarsiitii sana keessa jiraniif waan dhihaatuuf afaan isaan danda’aniin hammuma danda’u dubbachuu fedheeti malee ani Afaan Oromootiin baradheen as gahee isumattan jiras. Afaan Ingilizii kunoo dirqamatu asitti nadubbachiise malee hojiinkoofi barruuwwankoo marti Afaan Oromooti. Anillee jaalala guddaan Afaan Oromoo kanarraa qaba.Yeroo tokko tokko yaadan ibsachuu barbaadu tokko tokko afaan isaaniin ibsuufi dadhabee yeroon itti aariin morma na hudhe hedduudha. Utuu akka garaakooti Afaan boonsaa waaqayyo ittiin na uume kanaan dhimmootakoofi kan Oromoo dubbadheen boqonnaa argadha ture. Egaa gaafa abbaa biyyaa taane tarii…
Injifannoo Qaqqabaa: Tole! Gaariidhaa akkas taanaanoo! Garuu eenyu eenyufaatu argama guyyaa sanatti?. Uummanni keenya baay’een achi jiruu?
Beekan Gulummaa: Gaaffii gaarii; kan gaafa sana argaman jedhamanii eegamaa jiran. a. Hawaasaafi hayyoota Yunivarsiitii Harvard, b. hawaasa Oromoo magaalaa Boston’fi Cambridge keessatti argaman hundaafi hawaasa Xoophiyaa (Amaara, Tigiree, Ertiraa, Somaaliifi guutummaatti ardii Afrikaarraa dhufanii naannoo sana jiraatan maraaf waamichi ta’ee jira).
Injifannoo Qaqqabaa: Gurbaa! Gurbaa!…Maaliif jara kana waraqaa mata duree dhimmi keenya ho’aa yeroo ammaa ilaallatu kanrraatti afeertani? Yoo isaan Loltuu Agaaziifi warra ‘Liyyuu Poolisii’’ jedhaman fidanii dhufanoo? Maaloo waan kana irratti yaadaa malee.
Beekan Gulummaa: KKK Haaa ktktkktktkktktkkt Gurbaa! Maal Waraqichi Xoophiyaa keessatti dhihaata seetemoo?. Biyya Amarikaa biyya walabummaafi bilisummaan dubbii guutummaa guutuutti siif eegamudhaam. Biyya yoo Afaan Oromootiin dubbatte yookaan barruu Oromoo maxxansite, yookaan qixa haqaarraa dhaabbattee badiisaatiif mootummaa balaaleffatte itti mana hidhaa seentu, duutu (ajjeefamtu) yookaan hojiif barnootarraa ariyatamtu mitiim biyyi kun!. Kanaafuu, hinsodaatiin adaraakee kormako!. Kaayyoon guddaan jarri waamamaniif ammoo ijaa ijaatti waan firoonni isaanii biyya Xoophiyaa saba Oromoorratti dalagaa jiran taa’anii akka dhaggeeffataniifi suuraaleefi fakkiiwwan wareegamtoota Oromoo ija isaanii akka ilaalaniif meeshaalee ammayyaa kanaan ragaa hunda qopheessinee xumurreerraaf.
Injifannoo Qaqqabaa: Akkas taanaan gaariidha. Dhiifama ani biyyan amma jiru kanatti Abjuudhaanis yeroo hunda waan jarri nadoorsistuufani. Utuu jennuu, Miidiyaalee garaagaraa

waamtaniittuuoo? Adaraa keessaan achuma keessatti afaan qofaan dubbatamee akka hinhafnemmoo; akka Oromoo guutuu addunyaa bira dhaamsi kun nuuf ga’uuf irratti nuuf hojjedhaa. Keessumattuu hojii qeerroofi qarreen amma itti jirru kanaaf isin hojii dippilomaasiifi sagalee keenyaa addunyaan ga’uurratti nuuf dalaga. Jecha Hayyuu keenyaa Prof. Mararaa nayaadachifte; Faranjiifi Waaqnuu yoo jabaatan nama gargaaru’ jedhe. Kanaafuu nuuf cimaa adaraa; Wayyaanee dhabamsiisuuf nutuu geenya!.
Beekan Gulummaa: Isa xumurree jirra. Miidiyaalee Oromoos ta’ee miidiyaaleen warra Faranjii guyyaa sanatti kaan qaamaan akka argaman; kaan ammoo sarara toora qilleensaarra akka nuquunnamaniif hojiin marti xumurameera. Miidiyaalee hawaasaa Oromoon qabduufi kan Yunivarsiitichi qabu mara keessaan guutummaa addunyaaf nitamsa’a. Dabalataanis, dalagaaleen gaafas raawwatamu marti galma guddaa (big gallery) Yunivarsiitichi qabu sana keessaa akka olkaa’amuuf eeyyamsiifameera. Kun ammoo duguuggaa sanyii mootummaan Xoophiyaa raawwataa jiru kun dhaloota dhufuuf akka darbuufi addunyaanillee dhimma kana akka beektuuf hubattuuf kan itti yaadamuun waggaa kana keessa irratti dalagnedha.
Injifannoo Qaqqabaa: Baay’ee gaariidhaa. Garuummoo Wayyaaneen miidiyaa keessan akka qilleensarraa gadi hinbuufneef adaraa of eeggannaa godhaaka.
Beekan Gulummaa: Gurbaa!, Cal jedhi! Maal sodaataan kuni?.. Maal Wayyaaneen qilleensa Amarikaarraatti aaboo maalii qabdi? Lakkii ati hafuura sodaa kana ofirraa calaasi?. Wayyaaneen ofumasheeyyuu muka qabdee lakkistu dhabdee olii gadi akka saree maraatuu ta’aa jirti. Kanaafuu, kana booda Wayyaanee sodaachuun reeffa mootii isaanii Mallasaa Zaanawwii boolla keessatti sodaachuudha. Oromoon lafa maqaa nama du’een qabamee ture mara akka deeffateefi suuraa mootiishee duraaniillee akka guggubee daaraa taasise argaa hinturremoo ati?. Barri kun bara sodaan gola keessa naanna’anii du’a namaaf hin oolle sana baqatan utuu hintaane, falmanii qabsaa’anii injifannoo gonfatanidha!
Injifannoo Qaqqabaa: Dhiifama, adaraa na ofkolchi. Gochi jara kanaa Xiinsammuukoo waan miidheef yeroo hundaa akkan ofitti amanamummaa hinqabaannee na taasise malee, Sanyii keenya keessa dabeessi tokkoyyuu hinjiru. Ammaan tana hundi keenyaa gara kutannee jirra; yeroo dhihootti injifannoo haaraa galmeessuun keenya hinhafu. Yoon lammata sodaadhee lafeen goototaafi abboota keenyaa duraanii nagaafata.
Beekan Gulummaa: Hayyee amma siif hubadheen jira. Laphee jabaadhu kormakoo!. Kunoo dhaloonni qubee biyya keessaa harka qullaa Agaaziifi Milishaa Wayyaanee akka jilbeenfachiiste argaa turre mitii? Jaarmiyaan siyaasaa biyyichaa waan qabee lakkisu hamma wallaalutti qeerroofi qarreewwan keenyaa akka sagachiisan ifa addunyaa kanaa mitiiree?. Bilisummaafi olaantummaan mirga abbaa biyyummaa fagoo miti. Dhiiga gootota keenyaa dhangala’erratti bilisummaan marguuf jira; isaaniifis siidaa yaadannoo baraabaraa dhaabuufiif waan jirruuf adaraakee fincila xumura garbummaa eegalle kana ciminaan itti haa fufunu!. Kanas hiriyoota

qabdu mara kana naaf yaadachiisi. Garbummaan jaarraa tokkoof walakkaa nurra bubbulte kun yoo kutannoodhaan asitti daangaa itti hingodhiin sum’ii taatee dhalootatti nujalaa lufti.
Injifannoo Qaqqabaa: Ani kanin jedhu, mee waa’een Afaan keenyaa Afaan Oromoo kun biyya ambaa kanatti maal fakkaataa? Mee maalitti jirtuu?
Beekan Gulummaa: Kunoo alana gara hojiikoo isa guddaatti naaf deebite. Yeroo ammaa kana Afaan Oromoo Yunivarsiitii Amarikaa guddicha, Yunivarsiitii Harvard’ keessatti akka akaakuu barnoota tokkootti akka kennamuuf murtaa’ee erga barnoonni eegale amma baatii lama qaqqabuuf jedha. Yoo mirkaneeffachuu feetemmoo marsariitii barsiisichaa (www.beekanguluma.org) jedhu keessa seenii ilaali. Dabalataanis, Marsaa Yunivarsiitichaarra seentee (http://alp.fas.harvard.edu/oromo) mirkaneeffachuu dandeessa. Dabalataanis, teessoo dhuunfaa barreesichaan FB: (https://www.facebook.com/beekan.guluma,) Email: (beekanguluma@gmail.com), Twitter: (twitter.com/BeekanGuluma), Skype: (hayyuubeekan1) yookaan lakk. Bilbilaasa +1 (617) 319 44 98 ‘n Sa’aafi guyyaa isa barbaadde kamittuu argachuu nidandeessa. Dabalataanis, uummata Oromoo dabalatee firoonni Oromoo kamuu mana isaanii taa’aanii kallatumaan akka afaan isaanii afaan Oromoo barachuu danda’aniif haalli mijaa’eeraaf. Kanarratti filannoo lama qabu (kan jalqabaa sarara marsariitii Yunivarsiitii Harvard irratti kaffaltii barbaachisu Yunivarsiitichaaf kaffalanii galmaa’anii barachuun waraqaa ragaa argatu. Kanaafis qabxiileen akka tattaaffiifi dhamaatee qormaataafi hojii isaaniif kennu dalaganiitiin qabxiin (A, B, B+, C, C+, D fi F) jedhamuun isaaniif nikennama. Hubadhu!. Ardiilee torban dacheen kun baattu kana mararraa sarararratti barachuun danda’ameera. Jaarraan nuti keessa jirru kun kanaaf numilkoomseera.
Injifannoo Qaqqabaa: Ammawoo akka malee namiraqaansitan aboo!. Akkas taanaan Afaan Oromoo isa biyya Xoophiyaa keessatti afaan hojii mootummaa federaalaa akka hintaaneef dhorkame kana Afaan addunyaa irratti beekamu taasiftanika!. Barattoonni keenyaa kolleejjiifi Yunivarsiitiidhaa ba’an miliyoona lamaa ol kan hojii maleeyyii ta’an sababa Afaan abbaa isaanii kun federaala keessatti iddoo dhabeef jecha hojii maleeyyii ta’anii jiru. Aboo umurii nuuf dheeradhaa, bilisummaa saba Oromoo ijaan argaa deebanaa hora bargaagaa….
Beekan Gulummaa: Afaankee Afaan saba guddaa afaan hojii federaalaa biyya Xoophiyaa ta’uunsaa fardiidha/dirqamadha. Kun jaalalaan qofa utuu hintaane, dirqamattuu dhiibee dhufeera. Isin bakkuma jirtanitti nuuf jabaadhaa adaraa. Dabalataanis, Uummanni Oromoo hiree mirga abbaa biyyummaasaaf halkaniif guyyaa waan dalagaa jiruuf Afaan keenyaa; Afaan Xoophiyaa, Afaan Afriikaafi Afaan Addunyaa ta’uunsaa abjuukoo dhumatedha. Kanaafis halkaniifi guyyaa irratti dalagaa jirra. Hamma tuffatamne ol kabajamuuf waan jirruuf xiiqeffadhaa hojjedha. Afaan Oromoo guddisuun hojii nama tokkoo qofa utuu hintaane, hojii uummata Oromoo maraa kan ilaalcha siyaasaa, amantiifi lagaarraa walaboomedha!
Injifannoo Qaqqabaa: Waa’ee barruu Oromoo mee maalumarraan geessee jirtaa? Akkuma durii barreessuufi gulaaluukee (dargaggoota keenyaaf) jajjabeessuukee itti fuftee jirtamoo akkam

akkami dubbiin kun?. Keessumattuu barreessitoota Oromoo lafaa burqaa jiran kanaaf maaluma yaaddanii jirtu?
Beekan Gulummaa: Gaaffii gaariidha! Ani kanan kana dura hojjedhurra dachaanan hojjetaa jira. Ergan gamanatti as ceheeti hanga guyyaa har’aatti dargaggoo biyya jiran 28 ta’aniif hojii isaanii gulaalee deebiseeraaf. Kaan mana maxxansaa seenaa jiraa; kaanis akka maxxanee saba bira gahee jiru quban qaba. Hojiin barreessuufi gulaaluu iddoon hindaanga’u. Isa dur caalaan Qeerroofi Qarree Oromootti siqeen jira. Miidiyaalee hawaasaa kanaan waan maraa mariyaataadha oolla. Ammoo qaamaanis akka deebinee wal arginu abdii guutuun qaba. Anis gamakootiin kitaabota biroo qopheesseen gulaalliif hiriyootakootti kenneen jira. Kanaafuu, dhimmi Afaan Oromoo dhimma boqonnaa nuuf kennuu hinqabnedha. Jabaachuu qabna. Dabalataanis, dhaaba barreessitoota Oromoo godoo tokko jalatti walitti isaan qabu hundeessuuf maqaa ‘Waldaa Barreessitoota Oromoo Addunyaa’ –Oromo International Writers Associations –OIWA’ jedhu dhaabuuf qophiilee jalqabneerra. Gaafa inni bakka ga’e, waan Oromoon barreessu marti muummee garaagaraa jalatti qoodamee afaan uummatichaatiin tajaajilli barreeffamaa guutuu addunyaa kanaa qaqqaba. Kanaafuu, abdiin fuula keenya dura jiru ifaadha. Dargaggoonni Oromoos kana booda akka nama abbaa dhabee hinta’ani; hojii isaaniitiifis beekamtiin guddaan nilaatamaaf. Dhaabbanni toora barreessuun qabsaa’uu kun Bilisummaa saba Oromoo boodas kan akka caasaa darbee jiraatu tokkootti itti fufudha.
Injifannoo Qaqqabaa: Aboo ati anumaan yaadaan nafuutee qilleensarra nanaannessiteka. Anis barruu tokko xumurataan jira naaf gulaalta adaraa. Utuu jennuu, barnootakee ammoo akkam goote jirtaa? Afaanumaan itti fuftemoo waan biraa qorachuu barbaaddee jirtaa?
Beekan Gulummaa: Egaa akkuma agartu kana, bara kana ergan gaafa Hagayya 16, 2015 as seeneeti qorannoon guyyaa bitootessa 30, 2016 dhiheessu kanarran ba’e; kana cinattis barruulee dargaggoo Oromoo gulaaluufi ofiikoollee barreessuun itti fufe. Dabalataanis qabsoon jireenyaa jiraachuuf taasisanis akkuma jirutti jira. Waggaa kana kunoo akkanumaan dabarse. Fincilli qabsoo Oromoo biyya keessaa finiine kunis daran qalbiikoo tamsaasaa ture. Yaadaafi barruu qubakoon achuman jira; dirqama hayyummaa narraa eegamus yeroo bal’aa fudhachuun taasisaan ture. Egaa carraan ani argadhes kanbaatii 10 qofa waan ta’eef kanumaan goolabameera. Kan itti aanu ammoo Waaqayyootu beekaga. Haata’u malee, qabsoon barnootaafi ogbarruu Oromootiif taasisu kan duraarra caalaa akkan itti fufu waadaa hinjijjiiramne sabakoofi ofiikootiif seeneen jira. Bu’aa ba’ii hadhaa’aa barruu kana keessatti dhamdhamadhes akkuma jirutti baadhadhee jechuukooti. Keessumattuu walhubannaa dhabuufi kootu caalaafi ofjaallannaa bilchina dhabuurraa maddan tokko tokko akka ati fuulduratti miilla hinfuune sitaasisanis; abiddi ijaarsaafi qajeelummaa uumaan nama keessa kaa’ummoo salphaatti kan dhaamu miti. Gama barnoota itti fufuummoo asitti toora barnootaa dabalataa keessa seenuun salphaa miti. Wal’aansoo jabaatu jira. Gatiin barnootaaf kaffalamu akka malee guddaadha. Bilisaan argachuun ammoo ulaagaalee ciccimoo barbaadu. Kamiifiyyuu beekumsa bor ittiin sabakoof hojjedhu tokko tokko gonfataatuman jira. Barnotaa dabalataa barbaaduufis waanan ciisee rafu miti. Harcaatuu beekumsaa amma gonfadhe kanaanis sabakoof hojjechuu numan danda’a. Ammoo gatii qabsoo

qeerroofi qarreewwan keenyaa dhiig isaanii qulqulluun kaffalan kana animmoo qalamakoon ijaa ba’uuf ammallee dacha dachaan oonnataan jira!
Injifannoo Qaqqabaa: Waaqayyo sihaagargaaru; waa’ee marsariitii banatte kanaa xiqqoo naaf himuu dandeessaa? maaltu akka kana bantu sikakaase?
Beekan Gulummaa: Egaa akkuma ati beektuu? Jaarraa 21ffaa keessa jirra. Jaarraan kun jaarraa odeeffannooti. Kaayyoonkoo guddaanis hayyoonni Oromoo guutummaa biyya lafaarra jiraatan, beekumsa qaban akka salphaatti dhalootaan akka gahaniif walitti fiduufi walbarsiisuudha. Baldhinaan kaayyoon Marsariitii kana akkan uummadhu nataasises marsichuma keessa yoo seentee dubbiste argachuu nidandeessa. Ifatti kaayyookoo kaa’eera. Hubadhu obboleessakoo, akka Oromootti waan nurraa eegamu qixa irra hiriirree jirrurratti yoo dalagne bareeda. Hundi keenya bulchaa biyyaa hintaanu, hundi keenya loltuu hintaanu, hundi keenya abbaa dinagdee hintaanu. Garuu qixa keessa jirruun bu’aa buusnaan himata sammuu jalaa baaneerra jechaadha.
Injifannoo Qaqqabaa: Beekan, kun hawwiikooti, utuu naaf (nuuf) raawwatame nanjaalladha kan jettu qabdaa?
Beekan Gulummaa: ktktkt..Hawwiin ilma namaa galaanaati!. Akka Oromoo tokkootti waanuma yeroo ammaa kana garaa sabaa keessaa banbanaa jiru kana ija godhatee arguudha. Kan lammataa dhimman irratti leenji’eefi muuxannoo itti qabu kanaan aartii saba kanaa gama barreeffamaatiin hamma humnakoo achi butuudha; inni kaan ammoo ammaaf dhoksaadha….!!.
Injifannoo Qaqqabaa: Dhaamsa dargaggoota Oromoo biyya jiraniif qabdu yoo jiraate ittiinan siif gaha!
Beekan Gulummaa: Keessumattuu, barreessitoota Oromoo akka haamileen isaanii hincabne naaf gorsi. Kana booda hojii bilchaataa ta’erratti akka xiyyeeffatan, rakkina hundaa obsaan akka keessa darban, barnoota isaaniitti akka naaf jabaatan, fxg eegalame kanammoo hubannaadhaan akka keessatti qooda fudhatan, akka waljaallaataniifi dhibeewwan ilaalchaafi dantaarraa maddan mara mariin akka hiikkatan itti naaf himi.
Injifannoo Qaqqabaa: Nagaaf injifannoo guddaan biyyatti nuuf deebi’i obboleessako!
Beekan Gulummaa: Ulfaadhu; homaa shakkii hinqabaatiin yeroo dhihootti Oromiyaa lalistuu magariituufi ofiin of bulchite keessatti waliin gammaduuf jirra!
Hundumti keessan guyyaa Seenaa qabeetti kanarratti akka argamtaniif afferamtaniittu!
Kottaa, Saba keenya biyya Oromoo, Oromiyaa keessaa dhumaa jiruuf sagalee haataanuu!!