Baqattota Oromoo biyya amba kessatti darama jiran bira dhaabbachuu dirqama Oromo maraati!

Baqattota Oromoo biyya amba kessatti darama jiran bira dhaabbachuu dirqama Oromo maraati!
Akkuma beekamu yeroo ammaa gochaan sukkannessaa mootummaan Aduunya baqatotaa biyyaa amba irrattii gaggessa jiru waan addunyaa hunda gaddisisaa jiruu ta’uun ni bekama.baqattotaa kana kessaa bay’een isaani ilmaan oromo ta’us qubaa ni qabnaa.sabaabni hedduun oromoon itti biyyaa baqatee biyya akkuma oromoota lakkofsaan hedduu ta’anii biyyota olla fi biyyota biroo kessatti saba ilalcha siyasa isani irran kan ka’ee wayyaneen jirenya dhowwite gidiraan heddun itti hammaannaan sodaa lubbu isaaniif biyya irra gara biyyota Olla akka Jibuutii,somaalee fi sudaanitti baqatanii isaan boda kara adda addaatin biyya Saudi seenuun jireenyaa sukkanessa fi jirenya sodaan gutamen biyya ambaa kessa kan jirachaa jiran dha.
Ilmaan oromoo biyya isaanii kessattii sababa rakkoo ilaalcha siyaasaa qaban irran kan ka’e ogummaa qabaniin hojiitti bobba’anii of gargaaruuf maatii isaanii gargaaranii akkuma ilmoon namaa tookko jirattutti jirenyaa gaariif nagaa qabuu akka hin jiraannef asinis achinis motummaan wayyaanee gufuu itti ta’ee jirachuun bekkama dha. Oromoon harka dhibba kessa 95 ol sababni guddaan ittin biyya jallatan irra ba’ani gidiraa heddu biyyota ambaa kessatti argaa jiraanif jireenyaa adda ta’ee jirachuuf filatanii osoo hin taanee sababa sodaa lubbuu isaaniif sirna ajjesaa wayyaanee jala jiraachuu hin dandenyeef qofa kan baqatani ba’ani dha.
Torban darbaan kessaas warren reebichaafi samicha ummata biyya arabaatiin irraa ga’ee irraan kan ka’ee osoo hin jaallatin dirqamaan gara biyyaatti kan deebi’aan kessaa ilmaan oromoo warren ta’an wayyaneen calalamani deggertota ABO dha jechuun akkaa ija adda ta’een ilalamu qabanfi namota kana duka bu’uu akka qaban kadirota wayyaneef dirqamni itti kennamu isaa misensotni wayyanee ifa baasani jiru.
Ilmaan oromoo ogummaaa qabaniin hojittii bobba’anii nagaan hojjetanii jiraachuuf yoo hin dandenyee,saba ilalcha siyaasa qaban irran kan ka’e carraa hojii argachuus yoo hin qabaanne ,hojii mataa isaanii umanii hojjechufis yoo hin dandenyee,lafti isaan qaban irra buqqisuun wayyaneen gaaffi tokko malee irra fudhamee abba qabenyaa habashotaaf kan biyya alaatti yoo hiramu ,gaffii kaasaniif debiin isanii mana hidhaafi ajjechaa yoo ta’uu,ilaalcha siyaasa itti amanan qabaatani jirachuus yoo hin dandenyee,biyya dhalatani guddatan kessa akka hin jiraanne akkuma bineensaatti qawween yeroo adamsamani,biyyaarra baqataniis biyyaa amabaa kessatti nagaan jirachuu yoo hin dandenye,addunyaa kana irraa essa dhaqanii ha jiraataniree? waan nama ajaa’ibu kessaa yeroo amma finfinnee dabalatee magalota gurguddoo oromiya kessa ummatnii habashafi tigrotaa heddumminaan qubacha fi qabenyaa hedduu horachaa bakka jiranitti Ilmaan oromoo magalota oromiya irra sababota adda addaan dirqamaan akka godananfi biyya gadhisanii akka biyya ambaa kessatti dararaman tasisaama jiraachuun hojii wayyaneen biyya oromoo gutumma gututti dhunfachuuf gochaa jirtuu ta’un waan hubatamu qabu dha . yeroo amma magaalota oromiya kessatti ijaarsaa manafii fooqii adda addaa kan ijaaraa jiruu hedduminaan ummata habasha fi tigrota dha,afaan hedduminaan dubbatama jiruus afaan oromoo osoo hin taane afaan habashotaa akka ta’ee heddun kenyaa waan ifatti argaa jirru dha,lafa oromoo kessaattii maannen barumsaa afaan amharaan banamee jiru lakkosaan heddu ta’ee jira. akka wali galaattii wayyaaneen ilmaan oromoo dirqamaan akka biyya isaanii gadi lakkisanii baqatan sababa adda addaa itti funaanaa biyya oromoo ammoo ummata habashaaf tigree itti naquun hojii wayyaaneen fulduratti oromoo biyya dhabsisuu dhaf irraatti hejjechaa jirtu ta’uun waan dagatamuu hin qabne dha . Motummaan wayyanee har’as ummata oromoo godaa hangaa gubbaattii siyaasa isaa akka deggeran YKN miseensaa akka ta’uu qaban dirqisisaa jira .warren didan garuu jireenya akka hin jiraanne ifatti rakko irraan ga’aa jira.Dirqisisuu irra darbee warreen miseensa ta’uu didaniif warren ilalacha siyaasa wayyanee mormaan sababa adda addaa itti barbaaduun ABO dha jedhee mana hidhatti tortorsaa jira.warreen kaan ammoo sababa adda adda itti barbaaduun gufuu itti ta’uun hojii isanii irraa akkaa dhaabbatan fi carraa hojii biyyitti kessattii akka hin arganne taasisuun abdii murannaadhaan biyyaa isanii irraa gadhisanii godaansaa akka filataan dirqamsisa jira.Warreen dirqamaan godansa filataan kun egaa bakka godaansaattii kessattu biyyota Olla fi biyya akka Saudi Arabiyatti dararamni hedduun akka irra ga’uu danda’uu utuu hubatanii maaliif godanuu jenne gaffii waan kasnu miti.Sababni isaas harkaa motumma wayyaneen du’uu irra jedhanii carraa biroo waan dhabaniifi yoon du’es yoon jiradhess carraa kiyya yaluun qabaa jechuun murtee ofirratti murtessuun godaansaa filatanii waan demaniif. Hala kanaan lammiwwan Oromoo hedduun yeroo Baqattota Oromoo biyya amba kessatti darama jiran bira dhaabbachuu dirqama Oromo maraati!
dirqama oromummaa share godha lamii koo