Furmaanni rakkoo oromoo maali??

Furmaanni rakkoo oromoo maali??
JANUARY 26, 2017 / JIBRIL EBRAHIM
​#RAKKOO_FI_FURMAATA_UMMATA_OROMOO

#RAKKOO_UMMATA_OROMOO

Rakkoon saba keenyaa

– Gabrumma

– Hiyyummaa

– Walirratti duula

– Wal amantaa dhabuu

– Wal tuffachuu

– Shillaadha, sabni gabroome gabrummaa jalaa bahuuf qabsoo jajjabaa gaggeessuu qaba. Qabsoon tokko ummata ofii irratti (Karaa rakkoo tana keessaa nu baasa jedhee itti amane ummatas amansiisuun qabsoo guddaadha). Qabsoon tokko immoo diina irratti (tooftaa fii mala kanatu gara bilisummaatti nu geessa. Isa kana jedhee itti amane erga ummata ofii amansiiseen booda duula bilisummaaf godhamu qalbii guutuudhaan osoo of hin qusanne itti deemuudha). Amma bakki dubbiin jirtu asi.

– Qabsoo maaltu sakaale?

– Maaltu qancarse?

– Maaltu gaadi’e?

– Maaltu hoongesse?

– Maaltu huqqise?

– Maaltu laamshesse? jennee yoo kan wal gaafannu taate namni hunduu hooggana akka ta’e irratti walii gala (RAKKOO KEENYA NI BEEYNA jechuudha).

Garuu furmaanni hoo maali gaafii jedhuuf deebiin salphaa ta’ullee deebii san hojiirra oolchuun salphaa miti. Gareen qabsoo xaxee gaadi’ee, laamshessee lafa kaa’e haalan of ijaaree gaafii gara kamiinuu ka’uu danda’uuf dursa deebii waan qopheeffate fakkaata. Fakkeenyaaf….
-YOO GAAFIIN KUNI KA’E ADDAAN NU QOODA

– GAAFIIN KUN ILAALCHA GANDUMMAA YKN NAANNUMMAA QABA,

– GAAFIIN KUN DIINAAF KARAA SAAQA,

– GAAFIIN KUN GARAAGARUMMAA NU JUDDUUTTI UUMA,

– GAAFIIN KUN QILLEENSA NU SEENSISA,

– LAKKI KEESSA SEENNEE HOJJACHUU WAYYA,

– LAKKI CAL’ISNEETUMA DEEGGARUU WAYYA GAAFA TOKKO JIJJIIRAMNI DHUFUU WAAN DANDA’UUF,

– ITTI MAKAMNEE HOJJANNEE KEESSAAN JIJJIIRRAA FIDUU WAYYA, FII K.K. F jechuudhaan fooyya’iinsaa fii gaafiin sirriidhaa uggarama jechuudha.

Yoo kuni ta’e immoo namoonni erga karaa kanaan furmaata fiduuf yaalanii abdii kutaniin booda irraa fottoqanii dhaaba mataa ofii ijaarachuutu dhufa jechuudha. Erga kuni ta’een booda ammoo olola diina dhiisanii wolirratti oofuutu dhufa jechuudha,
– QABSOO OROMOO BITTINSAN,

– QABSOO OROMOO FACAASAN,

– SABA ADDAAN DIIGAN,

– GANDUMMAADHAAN DEEMAN,

– QABSOO DEEMAA JIRTU LAAMSHESSAN,

– QABSOOTTI GUFUU TA’AN,

– QABSOO GUFACHIISAN ISA JEDHU FII KKF JECHUUDHA.

Kanatu rakkoo ta’e. Nama sabaaf osoo hin taane dantaa ofiitiif deemutu qabsoo gaadi’e, nama dandeettii sii kennaa hoogganni qabaachuu qabu hin qabnetu hooggana ta’e, nama Abashaarra Oromoo sodaatutu hoogganaa ta’e, nama lubbuu ofii jaalatutu hooggana ta’e, nama wareegama qaamaaf qalbii kafaluuf hin qophaa’intu hooggana ta’e, nama diina dhiisee Oromootarratti garjabummaa mul’isutu hooggana ta’e. Kanaaf kkf yoo hin sirraa’in rakkoon jiru ittuma fufa.
#FURMAATA_RAKKOO_UMMATAA_OROMOO
Haa xiqqaatuu haa guddatu ummanni Oromoo rakkoo isaa baree jira. Rakkoo isaanii kana erga baree booda furmaata itti kennuun Ummata Oromoo irraa eegama. Qaama Ummata Oromoo hoogganu rakkoo jiru amansiisuu kan danda’amu yoo hoogganaan tole jedhee ufitti nama dhiisee itti siqanii amansiisudha. Kan gabrummaa jala jiru Ummata qofaa miti hoogganaa dabalateeti. Hoogganaan keenya yoo rakkoo keenyaaf furmaata hin goone qaama hawaasaa keessaa bahee akka seera Oromootti sirnaan nama rakkoo keenyaaf fala uumu jijjiirachuudha. Kunis osoo walirratti duula kutaa, Amantii fi dhaaba siyaasaa hin gahin (tuqin) dura tahuudha.
Amma garuu ummanni Oromoo walitti mufateera. Mufuu kana daddaftanii balleessuun dirqama keenya. Gaafa walii galtee dhaban Dhaaba biraa uumuun addaan diiginsa uumama. Fkn Dhaabbileen Ummanni Oromoo heddumaachuu irraa kan ka’ee #Alaabaa 8 oltu jira. Dhaaba kana sana jechuu baadhus dhaabbilee Ummata Oromoo bakka bu’uuf hundeeffame kan ibsu Afaan Oromoo fi Afaan English illee jechi #Oromoo jedhu keessa jiraachudha. Sanis tahee kan biraa
Dhaaba dhaabnee,

Kutaan walqoodnee,

Amantiin adda baanee,

Wal-gaarreffannee osoo diinaa fi walii keenya hin a’iin har’a geenyeerra. Hegeree Ummata Oromoo maal goona, maal tahuu qaba? jennee fala kaayuu danda’uu qabna. “Kan osoo hin beekiin wal’a’e, gaafa wal-beeke walitti mar’ata”. Osoo waliif hin beekiin walitti mufanne walitti araaramee kan madaa Ummata Oromoo fayyisuu qabu tokko tokkoo keenyaaf hooggantoota Ummata Oromooti.

Nuti Oromoon rakkoo jiru erga beeyne furmaata rakkoo haa keennudha yaanni koo ana ta’ee Ummanni Oromoo martuu. Yaa sabakoo namuu dhugaa jirtu dubbachuu dandeenya. Karaa hangafti keenya irratti milkii dhabee irraa deebinee hulaa sabni keenya irratti milkaa’u nuti faluu /maluun/ tooftaa dhaamudha. Tooftaa qindaayaa fi furmaata qabeessa ta’een.
Sabakoo Oromoo tooftaan ittiin fala argannu salphaadha. Garuu ija keessa wal ilaalaa hin jirru. Hiibboo taate dubbiin teenya. #Hiibboo beektuumii buna jaalaa afaan si kaayee jennaan namni deebii kennu hin jiru. Nuti ammoo hiibboo kanaaf deebisaa laachudha. Dhimmi hiibboo gabrummaa keenya ukkaamsuu hin qabu.
Yaa ilmaan Hayoo-meetoo obbolaa koo mee rakkinni jiraachuun erga beeynee, Furmaata yookaan fala isaa akkamiin wallaalla?. Ilaa akkas jennee wal amansiisuu qabna. Dhugaa jirtuuf Furmaata isaa nutuu ni beeyna, osoo na gaafatanii ni deebisa. Akka Xiinxala sammuu kiyyaatti.
– Tokkummaa jennee faarsuu ni agarra. Garuu tokkummaa hin agarru.

– Amantii wal qoodaan jenna. Jalaa hafuu qabna. “Saree fi ijoolleetu walitti nama buusa”dhimma ijoolleen amantii tokko jeequ kaafte kuuni callisee bira kutuu /yaada amansiisuu danda’u kaayuu.

– Dhaaba wal caalchifna. Kan saba keenya rakkoo baasu Dhaaba wal madaalchisuu miti, hojii fi rakkoo gabrummaa Dhaaba keenya hubachiisudha. Gareen Dhaabota Oromoo nama keessaa baheedha. Ummata harka jiru. Akkuma Ummata hoogganuu danda’an ummanni illee akka isaan hoogganu beekuudha.

– Abdii kutuu. Dhaabnii fi jaarmiyaan Ummata Oromoo lola kaasuu dide amma booda waa’ee Bilisummaaf jecha Afaan koo hin kaasu jechuu fi k.k.f nif fala furmaata rakkoo Ummata Oromoo kaayuu dadhabuu.

“Tokko hin raguu, tokko hin boba’uu” jette Oromoon. Ani akka kiyyaatti rakkoo jiru ni beeka, furmaata rakkoo illee ni beeka. Kan dhuunfaa kootii yeroo natti fudhata malee ni furadha. Garuu rakkoo waliinii walwajjiin furuu dadhabuu keenyatu anaaf rakkoodha.
Oromoo koo dhugaa lubbuu koo gararraan isin jaaladha. Mee rakkoo waliinii kan isiniis beeytan, anis beeku, Tolaanis beeku, Galaaneenis
beektu…..kitilli keenya beeynu eenyu dhufee akka hiikuuf eeynamee? Eenyurraa eeyna furmaata eenyutuu dhufee gabrummaa anatu siif baata ati bilisoome jedhamee?. Kuni wanta nuti martuu xiinxaluu qabnuudha.

Wanta nurraa eegamu hojjachuuf qooda keenya bahuuf eenyuyyuu eeguu hin qabnu. Wanti beekuu qabnu namni marti fedhii fi hawwii tokko hin qabu. Dandeettiin namaallee wal adda rakkoo ani furuu danda’u anumatu furmaata. Rakkoo inni kaani furus isumatu furmaata. Fkn rakkoo Hawaasa, Diinagdee fi Siyaasaa tahuu mala.
Furmaata rakkoo ni beeyna, garuu teenyee harka namaa eegutti jirra. “Hangi ergatan hanga dhaqatanii” jedha Oromoon koo.
Tooftaa uftooltota, hooggantoota, hayyoota fi hayyoota Oromoo qofaa galchine. Tooftaa sana ufiittii deebifnee itti hojjachuudha. “Cittee hin warwaatan garaa jabaatan”. Kuni wanta nama eegnuu miti. Dhimma keenyaaf kan muree murteeffatu numa abbaa dhimmaa qofa. “Aare jedhanii yoo keessaa baasan ni dhaama”. Nuti Hayyuu fi beekaa, abbaa qabeenyaa, nama lafaaf namni beeke isaa rabbiin dandeetti kenne jechuun hayyoota fi sooreyyii qofa eeguun dhiphummaa fi duubatti haftummaa nutti dheeressuudha malee furmaata rakkoo keenyaa hin ta’u. Ammas dirqama Oromummaa keenyaa akka ta’ee beeynee osoo yeroo itti hin fudhanne irratti hojjachuu dha.

– “Mixiin wal-qabattee laga ceeti”

– “Gaaleen walgargaartee arba hiiti”.

– “Qaanqeen gurmoofte giimii taati”.
Sooreeyyii, hayyoota fi hooggantoota Ummata Oromoo qofaa isaanii rakkoo Ummata Oromoo kitila 50 irratti gatuu hin qabnu. Akkasitti yaanna taanaan yoomuu warra rakkoo taanee hafna.
Dirqama nurra jirtu gumaachaa jirra, addunyaa kanarratti bakki ati ofii kennitu hiikaa guddaa qaba, of tuffachuun hin barbaachisu. Namni tokko uf tuffata jechuun Saba Oromoo cinaa tuffatee xiqqeesse jechuudha. Dhimmi waloo keenyaa kuni tooftaa cimaa barbaada ani qofaa koo deemee ati qofaa kee deemtee jijjiiramni hin jiru anaaf atimmoo waliin hin mari’anne, Oromoon biroos akkasuma yoo jedhee shakkii hin qabu. “Waliin mari’ataan daba hin qabu”. Har’umaanuu, ammaayyuu anaaf ati isaanillee waliin haa mari’annuu.

Barreessitoonni:

Kadiir Abdullaxiif Hajjii

Sami Ali

Haftee Oromoo fi

Caalaa Waaq-shuumaa
Qindeessan:-#KADIIR_ABDULLAXIIF_HAJJII