Biyyi “Tophiyaa” Jedhamtuu Ummata Oromoof Mana Gabrummaati!

Akkuma hundii kenyaa senaa irraa hubannettii waggaa dhibba tokko duraa ummantii Oromoo ummataa biyyaa mataa isaa qabuu, Sarara dangaa bekkamaa kan qabuu fi Sirnaa dimokratawaa fi sirna dimocrasii hammayyaaf bu’ura kan ta’ee sirna gadaa jalattii kan bulu turee. Akkuma senaan dubattuttis yeroo sanatti ummatnii habashaa yeroo dheraaf qabenyaa Oromoo samichaa fi ummataa Oromoo balessuuf biyya Oromoo cabsanii senuu dhaf deddebisanii Oromoo irratti waraaana banaa akka turani dha. Waggota heddu dhaaf biyya Oromoo cabsanii waan seenuu hin dandeenyeef habashotni bargamaa ce’u dhaan maqaa amantatiin qabatanii meshalee hammayya fi loltota biyya alaa irra gargaarsa argachu dhan lolaa hamaa biyya Oromoo irratti banu dhaan ummata Oromoo heddu galafataaniruu. Gototni ummata Oromoo yeroo sana garuu yeroo dheraa sana kessattii gara bargamaa ce’anii gargaarsa biyyota alaa tokkollee osoo hin gafaatin Eboofi gachanaa qofaan waranaa habashota kan meshaa hammayyaafi loltoota hammayyan durfamee duraa tokkummaan dhabbachuun biyya isaa cabsanii akka hin seennee ofirraa ittisuu dhaan debisaa ka turee akka ta’ee senaan akka gaarittii nuuf himaa. Ummatni habshaa waggota dheraafis gargaarsaa meshaa ammayyafi loltota biyya alaa dhaan fayyadamanille dangaa Oromoo cabsanii senuuf hin dandenyee turee. Gototni Oromoo habshota meshaa hammayyan waraana itti banan osoo hin sodaatiin yeroo dheraaf duraa dhabbatanii ofirraa ittisuun biyya isanirra dinota isanii kana debisaa turani. Ummatni Oromoo yeroo sanaa haaluma kanaan osoo jiraatuu, bara jarraa 19ffa keessaa waraannii habashaa namtichaa minilik hitlar Afrikatiin durfamuu meshaa ammayyaafi loltota ammayya akkasumas qesota habshaa taabota fi fannoo bachisee maqaa amantiitiin biyya Oromoo cabsee senuun biyya Oromoo gabrummaa jalaatti darbe. Akka seenan himuttis waraannii minilik bofa gurrachaa kun ummataa Oromoo hedduu fixeera. Dhirota keenyaa kuma heddun lakkawwaman harka mirgaa irraa ciruun mormatti rarraseera, dubartota kenyaa kuma heddun lakkawwaman halaa sukkannessan harmaa irraa hamsiseera ykn cirsiseera, qabenyaa Oromoo samsiseera, Aadaa, afaani fi enyummaan Oromoo akka baduu godheraa, ummataa habashaa biyyaa Oromoo kessaa akka faca’anii fi akka Oromoo to’ataan tasiseera, Loon Oromoo dhukkubaan akka dhuman summii itti naquun loon Oromoo ficcisisee Oromoon belaan akka dhumu tasiseera, walumaa galattii bay’inni ummata Oromoo miliyona 10 irraa garaa miliyona 5tii akka hir’atuu tasiseera. Egaa bara Sanaa irraa egalee hangaa har’aattii biyyii “Topiya” jedhamtuu gutummaattii ummata Oromoo kan dur biyya mataa isaa qabuu turee irraa fudhattee; manaa gabrumma, mana hidhaa, manaa enyummafi Aadaa isaa tuffattuu, manaa afaan isaa hacuccu, mana ilmaan isaa hidhaatti uggurtu,manaa ilmaan isaa ajjestu, mana ilmaan Oromoo akka binensaatti ilaaltuu, mana ilmaan isaa lafaa isaa irraa buqqistuu fi mana biyya isaa irra arituu akka tatuu tasiseera. Biyyii tophiya jedhamtu kun egaa wagga dhibbaa duraa humnaan kan ijaramtee ta’uu irra darbee, yeroo Sanaa egalee hangaa har’aa ummataa Oromoo kan hirarsaa jirtuu tatee itti fufteetti, Oromiyaan habashaafi Afaan habashotaatiin weraramtee jirti. Ummatni habashaa dinumaan isaan Oromoo irratti qaban yeroo Sanaa kan egalee haa ta’u malee yeroo amma daranuu jabatee ittumaa calaa kan dhufaa jiruu ta’aa jira. Har’aas biyya Topiya kessatti Oromoon afaan bafatee maliif dubbata, maliif mirga isaaf falmataa, maaliif ani Oromoo ofiin jedhaa, Oromoon gadi anaa ta’ee jirachuu qabaa ilalchii jedhuu karaa habshotaan ittuma dabalaa demaa jirachuu isaa ifattii argaa jirraa. Waraanni ilmaan habshaa kessattuu Yeroo dhihoo kasee bektotaa Oromoo warren wa’ee rakko fi dhimmaa Oromoo addunyaatti ibsaan irratti bananiifi har’aas waraanni isaan enyummaa Oromoo balessuuf karaa karaan nurratti banaa jiraan waan bay’ee nu barsisaa jiraa. Holollii Oromoo maqaa balleessuu enyummaa Oromoo dhabamsisuuf media warren ilmaan habshaan gaggeffamaa jiruu wanni ibsuu Oromoon biyyaa Tophiyaa kessattii dinaa malee yoomiyyuu firaa akkaa hin qabnee ta’uu sirritti ifattii nuuf himaa jira. Egaa kunii ummatta Oromoo hundaaf bilbilaa dammaqinsaattii jedheen amana. Bay’een kenyaas akkaa dammaqnu kan nu tasisee ta’uu nan amana. Dabalatanis gabrummaa ummataa kenyaa irrattii umrii dhereffataa jirtuu kanaaf tokkummaan Oromoo furmaataa isaa dhumaa akkaa ta’ees bay’een kenyaa dulaa habashotaa kana irraa hubannerra jedheen amana.

Egaa kanumaan wal qabatee Jaarmiyotni maqaa Oromootiin bakkaa adda addaatti biyya kessatti ijaramaa jiranillee yeroo dhihoo dhaa as waranaa ilmaan habashotaatin ummataa Oromoo irratti banamaa jiruu irraa waan bay’ee hubachaa akka jiran abdiin qaba. Biyya tophia kessatti habshoota waliin tanee wayyanee Angoo irraa busnee sirna warraaqsa dimokrasi dhuga dhabne mana tokko jalaa jiraanna jedhani maqaa adda adda dhan achii ba’anii of gurmessun diina ofitti dabarsanii of kennuu akka taateen huba dha.

Mee akkamitti Oromoon ummataa akka dinaattii isa ilaaluu, ummataa afaan Oromoo dhagaahuu hin barbaannee, ummataa qabenyaa Oromoo samuuf kaatu, ummataa enyumaa Oromoo tuffatu fi ummataa enyumaa Oromoo balessuf irriba dhabee bulu, ummataa afaanfi Adaa kan mataa isaa namarratti fe’uuf deemu waliin gara fulduraatti akkamin jirataa? Biyya tophiyaa jedhamtuu kana jalatti mee Oromoo isa kamtuu habashoota waliin gammachuun jirataa? Mee magalotaa Gurguddoo Oromiyaa kessaa afan ba’inaan dubbatamaan kan hubatee arge jiraa? mee magalota gurguddo Oromiyaa kessa qabenyaa gurgudda kan qabu ykn kan to’atee jiru saba isa kam akka ta’ee kan hubatee beeke jiraa? mee magalota gurguddoo Oromiyaa kessa bay’ina sabota biraa garamitti akka demaa jiru kan hubatee bekee jira? mee magalotaa Oromiyaa kessa bay’ina manneen barnoota afaan amaraa meqaa akka ta’aan kan hubatee bekee jiraa? walumaa gala mee Oromiyaan garaamitti akka demaa jirtuu kan hubataa jiruu jiraa? Mee dhimmi kun furmaataa kan argatuu biyyuma Tophiyaa jedhamtu kana jalatti sirnuma wal fakkataa amma jiruu dhabuun ni ta’aa? Kana hundaa akka gaffittan dubbistota barruu kanaaf dhisee darba.

Oromoon gafa mammaku akkas jedha “Dhagaa ykn gomjii jijjiraniif ittoon hin mi’ooftuu”. Oromoon gafa mammaku sabaaba tokkorra ka’ee malee callisee miti kan mammaku. Dhimma Oromoo gabrumma jalaa basuu irratti yeroo hojjennuu walirra faffagaatani dhabaafi kayyoo jijijjiruu osoo hin taanee dubbiin dhaabuma tookko jalatti tokkummaan kayyoo ganama dhabbataniif cimsanii hojjechufii toftale Oromoo gutummaattii gabrummaafi saamicha jalaa baasuu danda’uu irrattii hojjechuu dha. Dhimman kana jedhefisi, warri kara filannoo naga qabsoofne sirnuma feeralizimi kan amma jiruun walfakkata umnee ummataa habashaa waliin jiraanna jedhaani jarmiyaa maqaa Oromotiin bakka adda addatti dhabuun sammuu ilmaan Oromoo gara meqatti adda ciccirani burjaajessaa jiran kun utu gadi ta’anii bektotafi qabsa’ota Oromoo mara waliin mari’atani bakka tokkotti dhufanii qabsa’ota Oromoo walfirfirsan tokkomsanii tokkumman waliin qabsa’uf wali galte utu umani gari dha jedhen amana. Akkaataa amma dema jiraniin garuu jalqabummarra rakkolee gurguddo Oromoo qunnama jiran akka wali galatti kan hubacha jirru ta’uun waan wal nu mormisissu waan hin taanee dha. Jalqabarratti waan itti yaadamu qabu ilmaan Oromoon hundi ykn garri caalaan gaffiin isaa gaaffii koloniifi gaffii mirga abbaa biyyummasaati male gaffii lammumma topiyaa kadhachuu miti, gaffii lammuumma Tophiyaatin jiraachuu miti. Biyyi Tophiya jedhamtu kellessas har’as boris Oromoof mana gabrumma YKN mana hidhaa dha. Sirnuma cunqursa darbefi amma jirun kan wal fakkatu jala jirachuu miti kan dhigni ilmaan Oromoo heddun dhangala’efis. Ummatni Oromoo ka barbaadu biyya Oromoo irra waggaa dhibba duraa humnaan fudhatamte debifachu dha. Biyyaa dangaa mataa ishee qabduu, biyyaa, Aadaa fi afaan qulqullu kan mataa ishee qabduu, biyyaa sirna dimocratawwaa gadaatioin bultu debifachuu barbaanna. Lammumman Tophiya Oromoof fakenya gabrumma dha. Kanaaf egaan waa hubachuu qabnuu heddun Oromoo biyya topiyaa dimokratofte ijaruuf fedhii qabaate kutannoon kan qabsa’uu waan jiru miti. Yoo jiratees bay’ee murasa ta’u mala. Oromoon waggaa dhibbaa ol gabrummadhuma jala jira, Aadaa fi Afaan isaa akka tuffatamu, afaan isaa dubbachuuf akka qana’uu kan gosisee biyya tophiyaa jedhamtu kana. Hanga har’as motumman habashotaatu Oromoo irratti waljijijjira malee Oromoo irraa gabrumman jijjiramee hin beeku. Hala kanan gara fulduraattis hin yaadamu, gidira Oromoo amma kessa jiruun waan wal fakkatu irran kan hafee jechudha. Sabaaf sablammota biroo waliin tanee qabsoofne erga wayyanee angoo irra busnee boda sirna federalismi dhuga biyya Tophiya kan mirgi sabaaf sablammota hunda kessatti kabajamu umne Oromoon angoo irra akka ba’u gona jedhaanii yaduniiyyu gowumma natti fakkaata. Akkuma nuti Oromoonni akkas jenne yadnuttti sabootni YKN dinotni Oromoo warri nuti wajjin tanee qabsoofna jennu toftaa mata isanii baafachuuf cisanii hin bulani (waan dabaa yaduuf habashan ciste bulte hin beektu). Waggaa 22 lama shira wayyaneen ummata Oromoo irratti rawaattee seenaa hundi knyaa beknu fi kan yoomuu nu kessaa hin baanee dha.

Sabaaf sablammotni biyya tophia kessa jiran kamiyyu ol’antumma saba isaani barbadu. Kanaaf callisani Oromoon gafaa gara angotti deemu Oromoo dhimma ofirratti ilaalaniif hin qabani. Kuni waanumaa hubachaa jirru dha. Warreen habashaa lolli ykn qabsoon isaani inni guddaan yerooo ammaa wayyane irratti osoo hin taanee Oromoofi Oromummaan akka tasuuma baduu akka tasuuma garaa angoo jedhamtutti hin siqnee dhorkachuu dhaaf halkan guyyaa qabsaa’aa jiru. Warren wayyanees lolaa habshootnii Oromoo irratti banaa jirtuu cimsitee akka deggertuu hundii kenyaa waan hubanne dha. Egaa mee firumman biyyaa Topiyaa jedhamtu kun Oromoof Gatii mal baasaa?

ilmaan “Minilik” amalli isaani bekamaa dha. Innis, biyya tophia jedhamtu biyya saba tokkoo, Biyya Aadaa tokkoo qofaa qabdu fi biyya ummatni hundi afan tokko qofa itti dubbachuuf dirqama qabu jedhanitu kan yaadan. Kana debisufidhas kan halkanif guyya carraqaa jiran. Kanaf ammo yomuu harka hin kennani. Kanaaf baruuf ammo FKN yoo fudhanne warreen habasha (warren amara) wayyanee kan isaan itti cimsaani balaleffachaa jiran “siyaasni sanyii irratti hunda’ee baduu qabaa ykn yezer politica Metfat alebet” jedhanitu. Kana jechuun maal jechuu dhaa? Gaffi isaa isinifan dhisaa. Kanaaf Hundi kenyaa garamitti akka demaa jiraan waan hubanne dha.