“Korma Sambataa”

“Korma Sambataa”

Bar- tokko biyya keenya keessa qonnaan bulaa tokkotu ture. Qonnaan bulaan kun, horii (lowwan) dhibbaa ol qaba ture. Waan kana ta’eef akka aadaa naannoo’saatti garaacha uffateera.Kunis mallattoo qabeenya guddaa qabaachuusaa kan argisiisudha.

Qonnaan bulaan kun baruma baraan korma qalee nama waamee, sambata dhaabbata ture. Sababiin isaas Sambatni sooressa akka eeguuf, kan hin qabne’mmoo qabeenya kenna jedhee amana ture. Kana irraa kan ka’e jaarsoliin hooda kana yookiin dudhaa kana beekan akka isa eebbisaniif korma qaleewaame.Kormi qalamu kunis Korma qonnaa hin jalqabne coomaa ture.Korma qalmaaf qophaa’e kana malee, gaafa Sambata dhaabbatu sanaaf buna qalaan,itittuun, aannan, booki(Daadhiin), farsoofi kan ayyaanichaaf barbaachisan hunduu qophaa`eera.

Haaluma kanaan namooti Korma Sambataaf qophaa`e qalan, teepha/wadaroo/ ittiin kormicha takaalanii qabanii kuffisaniifi billaa ittiin morma kutan,harkaan qabatanii, qaluuf qophaa’aniiru.”Cidha abbaatu bareechata” akkuma jedhamu, qonnaan bulaan kun, korma Sambataaf qopheesse kana namoota qaluuf waamamanitti gaanfa’saa hidhanii erga itti kennan booda, gara mirgaatti hanga kufutti dhaabbatanii eegaa turan. Warri qalan gaanfi Kormichaa akkuma hidhametti, teepha issaa dugda irra dabarsanii garaa jalaan wal-jala dabarsanii, luka lamaan gidduu baasanii, gara boodaatti yeeroo harkisan, kormichi kufe. Abbaa cidhaa kan ta’e qonnaan bulaan sun yeroo kana, haaduu (billaa) qaramaa morma isaa irra kaa`uun “ mijuudha” jedhee dhaadatee, kadhatee, “kun kan Sambataati” jechuudhaan morma kormichaa kute.

Dhiiga korma kanaa harkoo morma isaa jala ka`uun erga qeesee booda, quba’saa cuuphee morma isaa itti tuquudhaan “lubbuu na dheeressi !”jedhe.Adda isaas tuqee; “adda na jabeessi!” jedhee, sambata kadhate. Kana booddee gara manaatti ol galee, bidiruu muka urgeessaa irraa hojjatameefi baattuun issaa immoo muka waleensuu’rraa hojjetame irratti,dhiiga,buna qalaa, aannan,foon qaama kormicha qalame hunda irraa xiqqoo xiqqoo mummurame, haadha manaa isaa wajjin xebbee qophaa`e sana’rra kaa’an.Kanabooda;”Yaa ayyaanaa sooradhu !” jedhanii dhibaafatan.

Kana booddee gara gorduubaatti deebi`anii, farsoofi daadhii okkoteetti , aannan qabeedhaan, buna qalaan waciitiitti, kan kana fakkaatan naqamanii, qophaa`uu isaanii mirkaneeffatan. Qonnaan bulaan kun haadha manaa isaafi ijoollee’saa haaluma ofii isaa dhiigaan mormaafi adda’saa tuqe, quba’saa dhiiga cuubee, tokkon tokkoo maatii’saa morma isaaniifi adda’saanii tuqee, “lubbuu dheeradhaa! addas jabaadhaa!” jedhee eebbisee, haadha manaa’saa waliin wal-cina taa`e.

Keessummoonni dhufanis isaan eebisuu jalqaban.Namooti korma qalanis foon qaama hundaa mummuranii, fanoo qophaa’erratti fannisan. Abbaa cidhaa kan ta’e qonnaan bulaan sunis erga sirna dhibaafannaa kana raawwatee booda haadha manaa isaa wajjin gara gor-duuba (goorroo duuba) iddoo isaanii qophaa’e taa’an.

Namooti korma qalanifi namooti waamicha dhufanis gorduuba iddoo isaanii qophaa’erra taa’aniiru.Farssoofi,daadhiin,okkoteedhaan,buna qalaan xuwweetti,aannan qabeetti, naqamee, sirnaan kaa’amaniiru.

Egaa haaluma kanaan sagantaa eebbaa jalqabuuf daadhiifi farsoon okkotee keessaa qadaadaan (foolleen) buddusamee, eebbaaf abbaa manaatti kennan. Keessumman hanga wal-ga’anii hanga eebbisanitti, foollee akkuma itti kennametti qabatanii turan.Haaluma kanaan keessummoota waamaman keessa kan hangafa ta’e jaarsi tokko eebbisuu jalqabe.Abbaan manaafi haati manaas akkas jechuun qadaada eebbaa tokko qabatanii, eebba jalqaban.

“Qabatannii ? Jiruufi jireenya qabadhaa! Adeemsaa milkii argadhaa !Waleenssuu kormaa ta’aa! Bofa yaabbii dhowwadhaa!Handoodee kormaa ta’aa!bonaafi ganna lalisaa! coqorsa ta’aa !Ciracha Abbayyaa ta’aa !Hammaarraan isin hin fixin!Bishaan Abbayyaa ta’aa ! …” jechuudhaan coqorsa qabatanii eebisanii, ” unadhaa!” jedhan. Dabalataan immoo “itti guutaa!” jedhan. Akka fedhii isaaniitti yeroo farsoon okkoteetti naqamu alaa manaan,sa’aa namaan,” horaa bulaa!”jedhanii eebisan. Kana booda keessuummoota warra eebbisan kunniin hundaaf farsoo dabalanii itti guutaniif.

Eebba’tti aansees, buna qalaan faladhaanaan hundumaaf kenname. Keessummootaaf foon dheedhii diimina, farsoofi daadhii dhiheessan.Kan foon dheedhii hin nyaannef immoo, coomaafi diimina’rraa mummuranii mana guddaa cinatti kan argamu mana citaa gombisaan/gootaraan/ midhaanii keessa jiru keessatte jeeji’anii, muka’rra kaa’anii, abidda boba’erra qabanii waaduu jalqaban. Abbaan cidhaafi keessummooti waamaman taa`anii nyaachaa, dhugaa, taphachaa osoo jiranii, coomi ibiddarratti coccobu qoraan irratti waadaa jiran sana baayi’ee bobeessee ibiddi guddatee ol ka’ee keenyan manaa qabatee mana citaa san gubuu jalqabe.

Keessummooti waamamaniifi maatiin abbaa cidhaa,ibiddicha baalaan, bishaaniifi biyyoodhaan dhaamsuuf baayi’ee dhama’an.Garuu hindandeenye. Ibiddichi mana citaa sanaafi midhaan achi keessaafi mana jala ture kuntaala 100 daaraa godhe. Gammachuun duraan ture battalumaan gara gaddaatti geeddarame.

Kormi kun qe’ee namicha qonnaan bulaa sambata dhaabbatu kanaatti dhalatee kan guddatedha. Halkan dallaa cabsee, horii dallaa keessaa nagaan ciisaanii jiran akka dallaa cabsanii yaa`an gochuudhaan, midhaan olla isaanii duguuganii mancaasuudhaan yeroo baayi’ee abbaa idaa isa godheera.Yeroo garaa garaatti afalaamaadhaan himatamees gatii guddaa kaffaalaa ture.

Kormi kun yeroo baayi’ee tiksee jalaas miliqee, daandii gabaa qabatee, bakka fincaan itti fincaa`ame foolii fuudhee, baduudhaan tiksee rakkisaa ture.Qonnaan bulaan sambata dhaabbate kun korma baayi’ee qabu keessaa korma amma qalame kana keessaa filee qaluun’saa sagantaa Sambata dhaabbatuuf qofa osoo hin taane, rakkoo kanaa olitti ibsaman waan isa’rran ga’eef sababii kanaan obbaafachuufis ture.Kormichis baayi’ee gabbataafi coomaa ture.Ibidda kan kaases foon coomaa kormichaa ibidda’rratti coccobuu isarraa kan ka’edha.Qonnaan bulaan sambata dhaabbate kun osoo ijisaa ilaaluu qabeenyi isaa haala kanaan barbada`e.

Keessummoonni nyaachaa dhugaa turan kunniin, baayi’ee gaddan.Mana gubates battaluma sana deebisanii ijaaruuf koree gargaarsaa dhaabanii, sochii hatattamaa jalqaban. Koree mana ijaaru kana keessa, akkuma carraa ogeeyyonni ijaarsaa waan jiraniif, hojicha saffisuu danda`eera.Miseensoti korichaas hojii walii qooduudhaan carraaqii godhaniin ijaarsi jalqabamee hanga laaqanaatti dhibbantaa 70 ol xumuurame.

Miseensoti koree ijaarasa manaa, dadhabne osoo hin jedhin hojjechuudhaan sa`atii 11;00 yeroo ta’u balbalaa fi gorroo, akkasumas mana keessa wal-qixxeessuufi maraguu malee hojii % 90 raawwachuu danda`an. “Jirbiin wal-qabattee Aarba hiiti”, “Mixiin walqabattee laga wal-ceesisti”.Jedhu abbootiin mitiiree? Namichi kun “Korma qaleen hirdhuu koo kan naa guutu sambata, bacaqeessa rooba gannaa kan na baasee, gara booqa birraatti fayyaafi nagaan na ceesiseef gammachuun qabu jaarsolii biyyaa durattan galateeffadha jennaan kormichi duraan yeroo lubbuun jiru saawwan dallaa keessaa goolee, dallaa cabsee, midhaan olloota koo mancaasee, walitti na buusee, nagaan qabu gara wal-dhabbiitti na oofee, idaa keessa nagalche. Ollaan duraan kabajafi ulfinaan walii wajjin bara dheeraa jiraadhee wajjin walitti na buuse. Ibidichi akkuma hambaa hinqabu jedhamu mana koo keessa xaafiifi qamadii kuntaala 100 gubatee barbada`e.”Jechuudhaan gadda guddaatu itti dhaga`ame.

Namichi qotee bulaan kun gaddasaa garaatti qabatee, gogaa korma kanaa gogsee, itillee godhatee irra ciisuuf yaade. Haaluma kanaan goggogsuuf, guyyaa aduu keessatti isee, galgala immoo mammaree haraatii (qooxii) irra kaa’ee, bulcha ture. Hata`u malee hoomaan hantuutaa halkan gogaa marame sana keessa seenuudhaan sagalee gudaa dhaggeessisuudhaan maatii boqonnaafi irriba dhowwan.

Qonnaan bulaan “Kormi kun yeroo lubbuun jiru rakkoo narraan ga’aa ture itti xinnaannaan ammallee qalamee gogaan’saa rakkoo narraan ga’uu jalqabe.Itillee godhadhee yoon irra ciisemmoo kana caalaa irriba na dhowwuudhaan rakko kana caalu narraan ga’uu danda’a.” jedhee, karoora gogicharratti baasee ture dhiisee gara gabaatti geessee gurguruuf murteesse.

Haaluma kanaan gogicha akkuma mammarametti haraatii irraa gadi buusee, gara gabaatti fudhatee qajeele.Namichi akkuma gabaa ga’een, dhaabbii daakuu cina gogicha lafa kaa’ee kan bitu utuu eeguu, hantuutonni gogaa waliin dhufan keessaa yaa’uudhaan gara dubartoota taa’anii daakuu safaraniitti dacha’an.Battala kana dubartoonni taa’anii daakuu gurguran na’anii daldala isaanii irraa ka’anii iyyuudhaan naannoo sana’rraa baqatan.Jeequmsi gabaa hattuuf mijaa’a akkuma jedhamu, hattooti daakuu dubartoota sanaa saaman.

Xinnoo turee jeequmsi tasgaboofnaan, dubartoonnii iddoo daakuun’saanii jirutti yeroo deebi’an, daakuun isaanii saamamee, kaan’mmoo bibittinaa’ee arganii, “u !u !u !u” jechuudhaan iyya keessaa fuudhuudhaan gabaa jeeqan. “Daakuun keenya akka saamamu kan godhe namticha kanadha”Jechuudhaan qonnaan bulaa sana dhagaadhaan mataa bubburuqsanii dhiiga irra lolaasan.Yeroo kana qonnaan bulaan sun achuma iddoo dhaabbii daakuu itti gurguran sana’rra gadi quphanee, dhiiga mataa’saa irraa hxaa’achaa, “Gabaan fira hin beekttu jedhu mitii ree? Kormi ani Sambata dhaabbachuu qale yeroo lubbuun jiru rakkoo narraan ga’aa ture.Erga qalamee boodas kunoo rakkoo narraan ga’aa jira. Inni amma’mmoo hanga dhiigni koo gadi dhangala’utti miidhaa narra ga’aa waan jiruuf kana boodas rakkoo kana caalu utuu narraan hin ga’in, gara bakka namnni hin jirre, boolla qileetan darbadhee gatuun qaba” jechuudhaan gogicha baatee, gara bowwaa beekuutti fudhatee qajeele.

Haaluma kanaan ededa bowwaa sanaa’rra dhaabbatee gogicha akkuma marametti yeroo gadi darbachuuf gogicha ol kaasu sigigaatee qillee gadi fagoo keessa gogichaa wajjin keessa bu’ee du’e.

Marabbaa Atoomsaa tiin