Waaltina Afaanii!

Waaltina Afaanii!

Afaan Oromoo erga afaan hojii mootummaa naannoo Oromiyaa ta’ee waggoota 25 ta’eera. Afaan kanaan waajjiraalee garaa garaa keessatti ittiin hojjetama jira.Kitaaboleen barnootaa ittiin barreeffamanii afaan barnootaa ta’eera.Kitaaboleen asoosamaafi, seenaa,akkasuma hinbaayi’etin malee diraamaan,tiyaatirriifi fiilmiin Afaan Oromootiin hojjetamaa jiru.

Afaan kun akka guddatee waaltinaa’uuf mootummaa naannoo Oromiyaa biiroo aadaafi turrizimii Oromiyaa giddu-gala aadaa Oromootti,gareen waaltina Afaan Oromoo hundaa’ee sochii gaariirra jira.Jildii 11ffaa kana irratti, waa’ee kanaa akka ibsa nuu kennaniif rippoorterri keenya Masqaluu Baalchaa obbo Dirribaa Trrafaa,giddu gala aadaa Oromootti,qindeessaa garee moggaasa jechootaafi waaltina Afaan Oromoo haasofiisee ture.Obbo Dirribaa Tarrafaa yeroo isaanii wareeganii waan ibsa nuu kennan isaan galateeffanna.

Siifsiin Afaan ofiitiin barreessuufi dubbisuun hawaasa tokkoof bu’aan inni qabu maali?

Obbo Dirribaa Afaan ofiitiin barreessuufi dubbisuun faayidaalee hedduu qaba. Inni guddaan afaan ofiitiin barreessuufi dubbisuun sabboonummaa dagaagsa. Sabboonummaan immoo waan baay’ee of keessaa qaba. Inni duraafi hangafaa, waan ofii beekuudha. Of baruudha. Of ta’anii argamuudha. Kana jechuun aadaa, biyya, afaan, seenaa, amantii, duudhaa, safuu, sirna bulchuusaafi hawaasummaa, akkasumas sirna dinagdee ofii sirriitti beekuufi hubachuudha. As keessatti afaan ofiitiin barreessufi dubbisuun gahee inni qabu baay’ee murteessaadha. Afaan keenyaan kan barreessinuufi dubbisnu yoo ta’e eenyummaa keenyaafi maalummaa keenya sirriitti beekna, sirriitti hubannas. Aadaa, seenaafi afaan keenya sirriitti beekuun eenyummaa ofii beekuudha. kunuunsa barbaachisaa ta’es ni taasifnna. Duudhaafi safuu abaabileefi akaakilee keenyaa sirriiiti hubannee dhalootaa dhalootatti dabarsina. Kun eenyummaafi ofitti amanamummaa (Self steam) keenya cimsa; sabboonummaas dagaagsa.

Gama biraatiin afaan ofiitiin barreessuun dandeettii waa barreessuufi yaada ofii karaa salphaafi ifa ta’een ibsachuu keenya cimsa. Fedhii waa barreessudhaaf qabnu, fedhii yaada ofii sodaa tokko malee jechoota adda addaatiin ibsuu keenyaa cimsa. Afaan ofiitiin barreessuun guddina ogbarruufi afaan ofiitiifis faayidaan inni qabu olaanaadha. Afaan ofiitiin dubbisuunis akkuma kana faayidaa olaanaa qaba. Yaadrimeefi qabiyyee yookiin ergaa barreeffama tokkoo haala salphaa ta’een akka hubannu nu gargaara. Dandeettii dubbisuufi waa hubachuu keenyaa cimsa.

Afaan ofiitiin barreessuufi dubbisuun afaan biroo(Afaan lammaffaa) barreessuufi dubbisuuf illee daandii kan saaqudha. Afaan ofiitiin barreessuufi dubbisuun hojii kamiyyuu keessatti dhiibbaa xiinsammuu waan hin qabneef yaada keenya karaa salphaa ta’een akka ibsannuufi waa tokko sirriitti akka qalbeeffannuufi hubannuuf shoora olaanaa qaba jechuun ni danda’ama.

Siifsiin Afaan Oromoo haala faffaca’een jiraachuurra gara waaltinaatti yoo deemu hammam milkaa’e?

Obbo Dirribaa Akkuma beekamutti uummanni Oromoo jaarraa tokkoo ol sirna gita bittootaatiin cunqurfamaa turuun isaa ni yaadatama. Cunqursaa bara dheeraa kana keessatti mirgoota hedduu sarbamaa turuunsaas kanuma beekamudha. Kanneen keessaa aadaa, afaaniifi seenaasaa dagaagfachuu, guddifachuu, beeksifachuufi kunuunfachuu dhabuu, afaan isaatiin barreessuu, barachuufi dubbachuu dhorkamuun isaan muraasadha. Afaan Oromoo sirnootaa gita bittootaa darbanii kanneen keessatti hacuuccaafi dhiibbaa irratti taasifamaa tureen baduu baatus waaltinaafi guddina isaarratti dhiibbaan ture baay’ee cimaadha. Haala faffaca’een dhokatee gumbii ykn dagoogoo hawaasa isaa keessa turee afaaniin qofa dhalootaa dhalootatti darbaa tureera. Hata’uutii, qabsoofi aarsaa gootonni Oromoo taasisaniin afaan kun hiree argatee afaan barnoota, afaan hojii, afaan barreeffamaa, akkasumas afaan saayinsiifi teeknoloojii ta’ee ummata isaa tajaajilaa jira. Dhugaan amma jirus kanuma mirkaneessa. Gama waaltinaatti yoo deebinu, waaltinni afaanii adeemsadha. Altokkotti ykn bara tokko keessatti kan raawwatu miti. Afaan tokko ni jira taanaan, hawaasni afaanicha dubbatu ni jira taanaan waaltinni afaaniis yoomiyyuu ni jiraata. Keessattuu Afaan Ummata Oromoo yeroo dheeraaf hacuuccaa jala ture kana bifa addaatiin xiyyeeffannaan kennameefii bal`inaafi gadi fageenyaan itti fufinsaan qorachuufi waaltessuun baay’ee murteessaadha. Qorannoo afaanii keessatti immoo hojiin waaltina afaanii bakka olaanaa qaba. Hojiin waaltina afaanii guddina afaan tokkoo saffisiisuufis ta’ee afaanicha afaan saayinsiifi teeknoloojii taasisuu keessatti gumaacha olaanaa waan qabuufidha.

Kana malees waaltinni afaanii guddina afaan tokkootiif baay’ee murteessaadha. Tokkummaafi jaalala hawaasa afaanicha dubbatuu cimsuu keessatti gaheen inni qabu olaanaadha. Sirna baruufi barsiisuu keessatti gahee inni qabu salphaa miti. Kanaafuu dhimmi waaltina afaanii, afaan tokko afaan saayinsiifi teeknoloojii taasisuufis ta’ee waaltina afaanichaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa ni qaba. Gama kanaan koree waaltinaa Afaan Oromootiin waggootii digdamman darban keessa hojiin hojjetamaa ture baay’ee kan nama jajjabeessufi kan nama onnachiisudha. Koreen kun dhaabbilee mootummaafi miti mootummaa adda addaa irraa walitti bahuun kan gurmaa’e yoo ta’u, jechoota ummata keenya keessa jiran, keessattuu jechoota dagatamanii turan ifa baasuun, akkasumas jechoota saayinsiifi teeknoloojiidhaaf tajaajilan moggaasuun faayidaa hawaasaatiif akka oolan taasisaa tureera. Haaluma kanaan jechoota moggaafaman barruulee Wiirtuu Jildii 1-11 irratti maxxansiisuun ummata bira akka gahan taasifamaniiru. Haala kanaan yeroo ammaa milkaa’inni gama waaltina Afaan Oromootiin jiru gaariidha jechuun ni danda’ama. Waaltinni Afaan Oromoos sadarkaa gaariirra kan jirudha.

Haata’uutii, hojiin hojjetamaa ture gaarii ta’us ammallee rakkoon hin jiru jechuun hin danda’amu. Rakkoon inni guddaan waaltina Afaan Oromoo irratti mul’atu, hojiin waaltina afaanii wiirtuu tokko irraa tamsa’uu dhabuudha. Akka saayinsiin afaanii jedhutti, waaltinni afaanii wiirtuu tokkotti gaggeeffamuu qaba. Kana ta’uu baannaan seera waaltina afaanii kan faallessuufi dogoggora kan uumu ta’a. Haala qabatamaa amma jiruun garuu waaltinni afaanii akkaatuma barbaadameen iddoo adda addaatti raawwatamaa jira. Kun immoo waaltina afaanii irrattis ta’ee guddina afaan tokkoorratti dhiibbaa guddaa ni geessisa. Fkn.Yuunivarsitootaafi Kolleejjoota adda addaa keessatti, akkasumas hayyoota dhuunfaa biratti jechoota moggaasuufi waaltina afaanii gaggeessuun rakkoo guddaa uumeera.

1. Ogbarruun Oromoofi afoolli Oromoo ammam walgargaaru?

Akkuma beekamutti Afaan Oromoo afoolaan dureessadha. Afoolli Oromoo dilbii bara dheeraati; cirracha bishaaniitis. Waraabamee, lakkaawamee, akkasumas dhamdhamamee kan dhumu miti. Afoolli akkuma maqaan isaa ibsutti hambaa abaabileefi akaakileerraa jecha afaaniitiin (orally) dhalootarraa dhalootatti darbaa dhufe; ammas darbaa kan jiru; fuula duras darbaa kan jiraatudha. Akka hayyoonni afoolaa jedhanitti, afoolli muuxannoo jireenyaati. Akkuma ogbarruu barreeffamaa, yaada, falaasama, aadaafi duudhaa ilma namaa ifa baasa. Akkasumas gammachuufi gadda, jaalalaafi jibba, amantaafi shakkii, jabinaafi dadhabina, fedhiifi hawwii hawaasa tokkoo ifa baasuuf afoolli gahee olaanaa ni qaba.

Gabaabumatti, afoolli hima; dubbatama (oral). Himis jecha. Jechi bu`uura. Barreessaa ykn waloo qara. Barreessaanis ykn waloonis barruu ykn walaloo ijaara. Kanaaf afoolli Oromoo ogbarruu Oromootiif bu`uura jechuun ni danda’ama.

2. Guddinni afaanii guddina hawaasichaa waliin ammam wal simata?

Afaan tokko kan guddatu hawaasa afaanicha dubbatu waliini. Guddinni afaanii guddina hawaasaati; guddinni hawaasaas guddina afaaniiti. Kanaaf afaaniifi hawaasni afaanicha dubbatan wal gatanii kan deeman miti. Sababiin isaas afaan mallattoo hawaasichaa waan ta’eef, afaan ibsituu hawaasichaa waan ta’eefidha. Hawaasni tokko dinagdeen, siyaasaan, hawaasummaan, akkasumas saayinsiifi teeknoloojiin guddate jechuun afaan isaan kallattiidhuma kanaan guddate jechuudha.