IBSA IJANNOO KALLACHA WALABUMMAA OROMIYAA (KWO)

Hagayya 2, 2015
IBSA IJANNOO KALLACHA WALABUMMAA OROMIYAA (KWO)
Ummannni Oromoo gabrrummaa jalatti erga kufee kaasee gaaf tokkollee tole
jedhee gabroomfattoota Habashaa jalatti bulee hinbeeku. Ummanni keenna erga
gabroomffattoonni balbala isaa gahanii kaasee humnna qabu hundaan lola ufirraa
ittisuu (War of resistance) dabalatee gootummaadhaan diinota isaa falmaa ture.
Qabsoo Ummata Oromoo haalli seenaa tokko tokko jidduu seenanii yoo bifa biraa
qabsiisanillee (lola xaaliyaanii, sochii Mangistuu Nuway, warraaqsa bara 1974 fi
dhufaatii wayyaanee kan bara 1991) qabsoon teenna waggoota dheeraa kanniin
keessatti kufaa ka’aa yoona geettee jirti. Qabsoon Saba keennaa tun, akka
ammayaatti kan eegalamte bara 1973 hundeefama Adda Bilisummaa Oromoo
(ABO) tiin akka ta’e namiifuu ifa galaadha. Qabsoon bara dheeraaf hoggansa
dhaaba siyaasaa dhabdee kufaa, ka’aa achi geette yeroo jalqabaatif ilmaan Oromoo
gootummaadhaan ka’anii dhimma Saba ufiitiif akkasumas dhimma biyya ufiitif
(Oromiyaaf) falmmudhaaf sagantaa siyaasaa qopheeffatanii waanjoo gabrrummaa
kuffisuudhaf sochiin taasisan, sochii seenaa qabeesssa jennee amanna.
Uummanni Oromoo haqa isaa barbaadachuudhaaf dhaaba ufiitin hogganamee
deemudhaaf fedhiin inni qabu hedduu kan nama dinqisiisu fi ar’allee kan
mul’atuudha.
Haa ta’u malee, qabsoon bilisummaa tan ABO dhaan hogganamtu baroota 1973
hanga 1991 keessatti bu’aa adda addaa kan kallattii ta’ee fi kan kallattii hinta’in
(tangible & intangible results) haa buusu malee sochiin kun bu’aa lubbuu qabu
galmeesisuu osoo hindandayin wayyaneen mootummaa jiddu galeessaa
tooyachuudhaan sirna gabroomfataa dulloome abaaraa sirna gabrroomfataa isa
caalu bakka buusudhaan ummatarratti feete. ABO fi dhabbotiin Oromoo adda ddaa
jalqabarratti motummaa cehumsaa keessatti qooda yoo qabaatanillee waggaa tokko
keessatti dhiibamanii akka mootumicha keessaa bahan taasifame.
Qabsoon Oromoo bara 1992 irraa kaasee hanga ammaatti bifa hoggansi
dhaabolee biyya keessaa bahee biyyoota alaa (diaspora) kessatti hundooftee kan
deemu ta’e. Har’a qabsoon tun waggoota afurtama booda gatantarttee gara kufaatii
deemaa jirti. Yeroo diinni keennaa gama hundaan ukkamsaa isaa cimsee itti
deemaa jiru kana keessatti qabson teenna bacancara akkanaa keessa seenun waan
dhala Oromoo hunda gaddisiiseedha. Kanaaf, sochii fi qabsoo ABO jijjiiramaa
keessatti adeemsifamaa turee fi sochiiwwan qaamoleen adda addaa yeroo dheeraf
karaa adda adddaatin taasisaa turan walitti qindeesudhaan Jilli Qabsaayotaa ABO
yeroo isaa eeggatee adeemsifame kana iratti rakkoolee qabsoo bilisummaa
Ummata Oromoo qunnaman kana dhabamsiisudhaaf dirqama jiijiiramni hundee
akka taasifamu waliif galamee jira.
Haaluma kanaan nuti qabsaayonni falmii bilisummaa Saba Oromooti fi
Walabummaa Oromoyaatif dhaabanne baati Adolessaa 2015 guyyaa 20 iraa
kaasee biyyota adunyaa adda addaa keesatti teessuma/kora adeemsifachuudhaan
akkasumas kora isa guyyaa dhumaa Magaalaa Minneapolis, MN (USA) keessati
Adoolessa 30 fi 31 bara 2015 adeemsifannen yaa’iwwan keenna hunddayyuu
miliidhaan xumuranneerra. Guduunfaa koroota keennas ilaalchisee waan irra
geenne ibsa ijjannoo kanati aanu baafanneerrra:
1 Haala fi sadarkaan qabsoon Walbummaa Oromiyaa irra geette xiinxallaa
gadi fagoo fudhachuudhaan, qabsoo tana bacancaraa fi gatantara keessaa
baasudhaaf dhaaba haarawa qabsoo tana hafuuraa fi yaada akkasumas sochii
haarawaan finiinsu uumun waan barbaachisaa ta’ee argameef dhaaba Kllacha
Walabummaa Oromiyaa (KWO) jedhamu hundeesineerra.
2 Xiyyefannaan kallacha Walabummaa Oromiyaa (KWO) gabrrummaa bara
dheeraaf Uummata Oromoo irra ture araarama tokkoon malee irratti
qabsaayudhaan Saba keenna bilisummaa isaa, biyya teenna Oromiyyaammo
Walabummaa isii mirkaneesudha.
3 Haala kanaan sirnni gabrromfataan Uummata keennaa fi Sabootaa fi
Sabllammota adda addaa waada kijibaati fi heera gowwomsaa gatii waraqaa
seerichi iratti barreefamee hin geenne qabuun Uummattota ukkaamsuu
dhisee, mirgoonni diimokraasii, mirgoonni ilmma namaa, mirgoonni haqaa
akksumas mirgi hiree murteefannaa Saboota hundaa haal duree tokko malee
akka kabajaman jabeesinee waamicha dabarsina.
4 Biyya Impaayera Itoopia keessatti falamitonni dimokrasi, mirga Sabootaa fi
mirga ilma namaa manneen hidhaa jiddu galaa, maanneen hidhaa poolisi
biyya guutuu keessati, manneen hidhaa naannolee, kaampiwwan waraanaa,
kaampiwwani fi jiddu galeesota leenjii polisootaa fi waraanaa keessatti
namoonni kuma dhibbaatamatti lakkaawaman murtii malee fi murtii
dharaatin hidhamanii tumaman, torcharii seerri addunyaa dhoorgen haala
suukkanneessaa ta’een balaan kana hinjedhamnne irratti raawwatamaa jira.
Kanaafuu, hidhamttonni kun haal duree tokkoon malee akka gadi
lakkifaman waamicha goona.
5 KWOn shorarkeesummaa bifa kamiinu dhufu hadheefatee balaalleffata.
Waanjoo gabrrummaa uummata keenna irraa fonqolchuudhaf qbsoo
siyaasaa fi hidhannoo ni fininsa.
6 “Seerri shorarkeesummaa” Motummaan wayyanee baafatee biyya ittiin
unkuraa jiru, nagaya uummataa eeguf osoo hin taane taa’ita isaa eegsisuuf
kan tolfameedha. Seerri sun seera labsii yeeroo hatattamaati (Marshall law)
malee seera namoota dhunfaa, garee adda addaa fi Sabootaa fi
Sabllammoota eeguf, bu’aa fi mirgoota isaanii eeguf bayee miti. Kanaaf,
seerri ukkaamsaan kun haal duree tokko malee hatattamaan akka diigamu
waamicha dabarsina.
7 Heerri Motummaa wayyaanee gatii waraqaa iratti barrefamee hin gayu.
Heerri kun mataa isii wayaaneedhaan yeroo dhibba irra dedebi’amee
capheera. Heera hujiirra ooluu hindandeenne kan sobaa tayeera. Kanaaf,
heerri kun diiggamee uummattonni karaa bilisa ta’ee fi addunyaan marti
arguun dhiibbaa tokkoon malee hiree isaanii ufin akka murteefatan akka
taasifamu waamicha goona.
8 Ummanni Oromoo, ilmaani fi dhalli Oromoo hundi bakka jirtanitti
tokkummadhaan mirga keesannif dhabaadhaa, abdii kutannaa keessaa bahaa,
mirga uumamaa keessaniif qabsotti seennaa jenna.
9 Biyyi Oromiyaa kan Oromoti. Tuffatamaa fi ukkaamsaa biyya teennarratti
fe’ame kana cacabsinee biyya teennarratti dimokraasii dhugaa, haqaa fi
dhugaan uumamaa akka lalisan Sabni keenna bakka jirutti olola diinaatiin
osoo hin gowwomne walabummaa biyya isaatif murannoon akka qabsaayu
waamicha lammummaa dabarsina.
10 Kan Oromoo ta’e, kan Oromummaa fi Oromiyaa jaalatu fi qabsaayonni
Oromoo hundi sababa adda addaa tarreesuu dhiisanii, ufii walitti garagaluun
wal diiguu dhiisanii, gabrrummaa fi gabrroomfattotarratti akka xiyyeefatan
waamicha goona.
11 Sabootaa fi Sabllammonni mirgi isaanii ukkaamsame hundi shira
wayyaaneen xaxxuun osoo hin jilbiifanne akka mirgoota keessaniif bakka
jiratn hundatti qabsoofttan waamicha goona.
12 Humnoonni dimokraasii dhugaatif dhaabbattan, humnoonni mirga hiree
murteefannaa sabootaatif dhaabatan, humnoonni wal qixummaa fi
bilisummaa amantiitif dhaabatan, warri sirni haqaa kan dhugaa tayee fi bilisa
taye akka jiraatu amantan hundi, sodaa dhiisudhaan bakka jirtanitti akka
qabsooftan waamicha dabarsina.
13 Sirni gabromsaan wayaanee, saamicha daangaa hinqbnneen ummata keenna
hiyyoomsuu bira dabree, lafa isaarraa buqqisee alagaa irra qubsiisudhaan
Oromiyaa qubsumaan addaan diigudhaaf summii inni facaasaa jiru cimsinee
balaalefanna.
Oromiyaan Ni Walaboomti!
Injifannoo Saboota Cunqurfaman Hundaaf !
Bilisummaa, Haqa, Mirga Ilma Namaa!

ABO-JIJJIIRAMA JENERAAL KAMAAL GALCHUUN HOGGANAMUU KALLACHA WALABUMMAA OROMIYAA (KWO) JEDHEE OF MOGGAASE
August 2, 2015
jeneral_kamalUmmannni Oromoo gabrrummaa jalatti erga kufee kaasee gaaf tokkollee tole jedhee gabroomfattoota Habashaa jalatti bulee hinbeeku. Ummanni keenna erga gabroomffattoonni balbala isaa gahanii kaasee humnna qabu hundaan lola ufirraa ittisuu (War of resistance) dabalatee gootummaadhaan diinota isaa falmaa ture.

Qabsoo Ummata Oromoo haalli seenaa tokko tokko jidduu seenanii yoo bifa biraa qabsiisanillee (lola xaaliyaanii, sochii Mangistuu Nuway, warraaqsa bara 1974 fi dhufaatii wayyaanee kan bara 1991) qabsoon teenna waggoota dheeraa kanniin keessatti kufaa ka’aa yoona geettee jirti. Qabsoon Saba keennaa tun, akka ammayaatti kan eegalamte bara 1973 hundeefama Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) tiin akka ta’e namiifuu ifa galaadha. Qabsoon bara dheeraaf hoggansa dhaaba siyaasaa dhabdee kufaa, ka’aa achi geette yeroo jalqabaatif ilmaan Oromoo gootummaadhaan ka’anii dhimma Saba ufiitiif akkasumas dhimma biyya ufiitif (Oromiyaaf) falmmudhaaf sagantaa siyaasaa qopheeffatanii waanjoo gabrrummaa kuffisuudhaf sochiin taasisan, sochii seenaa qabeesssa jennee amanna.

Uummanni Oromoo haqa isaa barbaadachuudhaaf dhaaba ufiitin hogganamee deemudhaaf fedhiin inni qabu hedduu kan nama dinqisiisu fi ar’allee kan mul’atuudha.

Haa ta’u malee, qabsoon bilisummaa tan ABO dhaan hogganamtu baroota 1973 hanga 1991 keessatti bu’aa adda addaa kan kallattii ta’ee fi kan kallattii hinta’in (tangible & intangible results) haa buusu malee sochiin kun bu’aa lubbuu qabu galmeesisuu osoo hindandayin wayyaneen mootummaa jiddu galeessaa tooyachuudhaan sirna gabroomfataa dulloome abaaraa sirna gabrroomfataa isa caalu bakka buusudhaan ummatarratti feete. ABO fi dhabbotiin Oromoo adda ddaa
jalqabarratti motummaa cehumsaa keessatti qooda yoo qabaatanillee waggaa tokko keessatti dhiibamanii akka mootumicha keessaa bahan taasifame.

Qabsoon Oromoo bara 1992 irraa kaasee hanga ammaatti bifa hoggansi dhaabolee biyya keessaa bahee biyyoota alaa (diaspora) kessatti hundooftee kan deemu ta’e. Har’a qabsoon tun waggoota afurtama booda gatantarttee gara kufaatii deemaa jirti. Yeroo diinni keennaa gama hundaan ukkamsaa isaa cimsee itti deemaa jiru kana keessatti qabson teenna bacancara akkanaa keessa seenun waan dhala Oromoo hunda gaddisiiseedha. Kanaaf, sochii fi qabsoo ABO jijjiiramaa keessatti adeemsifamaa turee fi sochiiwwan qaamoleen adda addaa yeroo dheeraf karaa adda adddaatin taasisaa turan walitti qindeesudhaan Jilli Qabsaayotaa ABO yeroo isaa eeggatee adeemsifame kana iratti rakkoolee qabsoo bilisummaa Ummata Oromoo qunnaman kana dhabamsiisudhaaf dirqama jiijiiramni hundee akka taasifamu waliif galamee jira.

Haaluma kanaan nuti qabsaayonni falmii bilisummaa Saba Oromooti fi Walabummaa Oromoyaatif dhaabanne baati Adolessaa 2015 guyyaa 20 iraa kaasee biyyota adunyaa adda addaa keesatti teessuma/kora adeemsifachuudhaan akkasumas kora isa guyyaa dhumaa Magaalaa Minneapolis, MN (USA) keessati Adoolessa 30 fi 31 bara 2015 adeemsifannen yaa’iwwan keenna hunddayyuu miliidhaan xumuranneerra. Guduunfaa koroota keennas ilaalchisee waan irra geenne ibsa ijjannoo kanati aanu baafanneerrra:

Haala fi sadarkaan qabsoon Walbummaa Oromiyaa irra geette xiinxallaa gadi fagoo fudhachuudhaan, qabsoo tana bacancaraa fi gatantara keessaa baasudhaaf dhaaba haarawa qabsoo tana hafuuraa fi yaada akkasumas sochii haarawaan finiinsu uumun waan barbaachisaa ta’ee argameef dhaaba Kllacha Walabummaa Oromiyaa (KWO) jedhamu hundeesineerra.

Leave a Reply

Your email address will not be published.