Namni ija takka qabu cirrachaan hin taphatu!

 

SABBOONUMMAA: Barruu kaleessaa katabe Osman Abdulatif sagaleetti jijjire. Galatoomi

 

Haasaan Muummichi Ministeeraa Abiy Ahmad dhimma sabboonummaa Oromoo irratti kaase waan laaftutti laallee bira dabarru miti. Dogongora jechaas miti. Amma duras haasaya sabboonummaa Oromoo xiqqeessan haasayaa ture…irra dabarreef malee. Sabbonummaan ( nationalism) Oromoo ni miidhe moo ni fayyade waan jedhu garuu gadi buunee irra deebinee mari’achuun akka barbaachisaa ta’a agarra. Kanaafu armaan gaditti waan jedha.

1. Sabboonummaan maali? Gabaabatti aadaa seenaafi eenyummaa saba ofiitin boonu, akkasumas aadaa, seenaa, eenyummaafi mirga saba sanaa miidhaa irraa eeguuf quuqamuudha. Sabbonummaan Oromos kanuma.

2. Ummanni cunqurfame tokko roorroo jalaa bahuuf waliin qabsaa’uun ( collective action) murteessaadha. Kan gitaan ( class) cunqurfame gitaan jaaramee falma ( class struggle). Fakkeenyaaf waldaa hojjattootaa. Kan koorniyaan ( gender) conqurfame akkasuma. Warri sabaan roorrifames sabaan gurmaa’a. Cunqursaa sabaa jalaa bahuuf sabaan gurmaa’uun dirqiidha. Sabaan gurmaa’uuf ammoo sabboonummaa ijaaruufi cimsuun dirmaqa. kanaafiidha sabboonummaan gaaza qabsooti kan jennuuf.

3.”Sabboonummaan Oromoo saba guddaa xiqqeessitee gandatti deebifte” jedhe Abiy. Kun madaallii dogongoraati. Sabbonummaan Oromoo ganda keessaa baafte malee gandatti hin deebifne. Sabbonummaan Oromoo baroota 1960moota keessa jaaramuun duratti diinni Oromoo ganda gandatti qoodee wal wallaalchisee ture. Har’a daangaa daangatti akka sabaatti walbeekuu bira dabarree kan waliif hadoodnuufi diinnarratti bakka takkaa kaanuuf sababa sabbonummaan cimeefi. Sabboonummaa jechuun ummanni bal’aan tokko osoo ollummaa lafaatifi fira foonii hin ta’in, sadarkaa sammuutti nuti tokko jedhee socho’uu jechuudha. Kanaafuu sabboonummaan Oromoo diinni malkaafi gaaraan qoode tokko godhee, waloon qabsaa’anii salphina keessaa bahanii kabajaa har’aa kana akka goonfatan godhe. Sabbonummaan Oromoo hin xiqqeessine, ni guddise. Gandatti hin deebifne humna itti horeet addunyaatti beeksise.

4. Sabbonummaan rakkoo hin qabu jechuu miti. Sabboonummaa akka humna nuukulaaraatti fudhannee laaluu dandeenya. Humni nuukulaaraa yoo dhooye dhumaatii guddaa akka fidu beekkamaadha. Kanaaf sodaatamas. Gara biraan ammoo nuuklaarri madda annisaa ( source of energy) guddaadha. Humna ittisaa ( defense) biyya tokkoo isaa amansiisaadhas. Maarree balaa nuuklaarri yoo tasa dhoohe uumuu malu sodaatanii Ameerikaan faan ummata isaanii ibsaa dhoorkanii dukkana keessa jiraachisaa jiruu? Ni dhooyaaf sodaatanii qawweee nuuklaaraa hiikkatanii? Lakki. Balaa akka hin uumneef of eeggannoo cimaa gochaa irraa fayyadamaa jiru. Nus sabboonummaa miidhaa inni fiduu malu irraa eeggachaa itti fayyadamaa deemna malee busheessinee of kasaarsuu hin qabnu.

5. Siyaasaa Oromoo keessatti Itoophiyaa tana jijjirree saba biraa waliin jiraachuu wayya moo biyya walabaa dhaabbachuu nuuf wayya yaadni jedhu dhalootuma qabsoo tanaa waliin dhufee as gahe. Garuu karaa lachuunuu bakka gahuuf sabbonummaa Oromoo cimsuu malee busheessuun hin fayyadu. Akkuma amma dura jechaa turreefi amma argaa jirru Itoophiyaa dimokraatessu kan danda’u ummata Oromooti. Ummanni Oromoo kana gochuuf ammoo akka sabaatti jabaa ta’ee gurmaa’ee siyaasaa biyyattii dhuunfachuu qaba. Gurmuu akkasiitiif ammoo sabbonummaa malee wanti humna kennuuf hin jiru. Haaluma kanaan Oromiyaa walabaa jaaruuf yoo deemnes sabbonummaa malee gaazni biraa hin jiru. Kanaafuu Itoophiyaa Oromoofi saba biraatiif taatu jaaruuf sabboonummaa Oromoo xureessuu osoo hin taane daranuu cimsuun humna horachuu malee busheessuun akeekuma sanuu hanqisa.

6. Muumichi Ministeeraa Itoophiyaa tokko taate namni itti waliif galee jiraatu jaaruu akka barbaadu dubbata. Kana gochuuf ammoo sabbonummaan Oromoo akkuma taaytaatti isa baafte amma boodas humna itti hortee akeeka isaa galmaan gahuuf gargaarti malee hin gufachiiftu. Sabbonummaan Oromoo Itoophiyaa haaraya sabaafi sablammiin walqixxummaafi jaalalaaan keessa jiraatan uumuuf humna guddaadha malee balaa miti. Itoophiyaan sabboonummaa Oromoo hin fudhanneefi hin hammenne dimokraatawuu dhiisaatii akka biyyaattuu ittin fufuu hin dandeessu. Sabboonummaan Oromoo bakka ukkaamsan bira dabree jira, ukkamsuuf yaaluun dhoohinsa guddaa uuma.

7. Warri ummata Oromoo cunqursaa Oromiyaa saamuu fedhan gaafuma sabboonummaan Oromoo dagaaguu eegalerraa olola jibbaa oofaa turan. Yeroo tokko fottoqxuu ( secessionist) yeroo kaan dhiphoo jechuun kolaasuuf yaalaa turan. Sabboonummaan Oromoo garuu olola isaanii baruma baraan cabsaa kunoo har’a harka kennisiiftee jirti. Warri sabboonummaa Oromoo xiqqeessaa ture bu’aa argame hubachuudhaan har’a sabbonummaa saba ofii jaaraa jira. Yeroo injifannoo akkanaa keessatti nama qabsoon tun olbaafteefi dhaaba Oromoo hogganu irraa ilaalcha farra sabboonummaa Oromoo dhagayuun hedduu kanaaf nama gaddisiisa.

8. Sabbonummaa Oromoo xureessuun dhaabas ta’ee nama siyaasaa Oromoo keessatti milkaayuu barbaaduuf balaa hamaadha. Dhaaba siyaasaa Oromoo hogganaa sabboonummaa Oromoo tuquun akka awutoobuusii yaabbatanii deemuu barbaadan takka taankara gaazaa ishii uruuf yaaluuti. Uruufis hin milkooftu. Imaltoonni kaan sitti hin dhiisan. Yoo milkooftee urte ammoo konkolaataan sun gaazni waan jiguuf fagoo hin deemu.

9. Lammaa Magarsaa OPDO ummanni xireeffatu akka hiree ammaa kana argattu gochuu kan danda’e sabbonummaa Oromoo ofitti fudhatee humna waan godhateefi. OPDOn akkuma dur ‘ dhiphummaa’ jechaa turte sabbonummaa Oromoo xureessutti yoo deebite halkan tokkotti sabaan xireeffamti. Ofii jedhii mi’aayi!!

10. Muumichi Ministeeraa dhugaadha Itoophiyaa guutuu hoggana; saba cufa walqixa tajaajila. Garuu siyaasaa keessatti milkaayuuf hundee ofii jabeeffachuu malee muufachiisuun kasaaraa guddaa qaba ( never loose your base) Itoophiyaa bulchuuf of ta’uu dhiisuun hin barbaachisu. Inumaatuu sabbonummaafi Oromummaa cimaa qabatanii dhaquutu biyya saniifi faaydaa qaba. Ilaalchonni warra kaanii yaalamanii kufanii jiran. Amma dabareen kan Oromummaan yaaluuti.

11. Ilaalchi Abiy kan isaa qofa natti hin fakkaatu. Waanuma akka jaarmaayyi dhiibaa jirantu muldhata. OPDO fi EPRDF dhaabbilee sabummaa irratti jaaramanirraa gara biraatti cehuuf akka yaalaa jiran ni beekna. Kora Hagayya dhufu taa’amurratti EPRDF adda ta’uu irraa gara paartii jijjiramuuf ( from front to party) akka karoorfate Shifarraa Shugguxee dhiheenya kana dubbatee jira. San dura Sibahaat Naggas dubbachaa ture. Ibsa ejjannoo Koreen Jiddu Galeessaa OPDO baase keessattis wanti kun calaqiisee jira. Itoophiyaa keessa cunqursaa gitaa ( class exploitation) malee kan sabaa hin jiru waan jedhu kaayan. Kuni soba qofa osoo hin taane tarsiimoo siyaasaa dogongoraati. Itoophiyaa keessa cunqursaafi loogin sabaa kaleessas ture har’as hammatee itti fufee jira. Hin dogongorinaa! Gara fuulduras sirnuma dimokraatawaa keessattuu siyaasaa biyya akka Itoophiyaa sabummaa irratti kan hundaaye ta’eeti itti fufa. Wayyaaneen yaada kana kan ooftuuf warra ishii waan sirritti diinaggeen humna itti jaarteefi jirtuuf of dhoksuufi. Sabni keenya garuu walqixxummaa fiduuf har’a qofa osoo hin taane borus itti qabsoo itti fufuu qaba. Kanaaf ammoo sabboonummaa isaa laaffisuu osoo hin taane daran cimsachaa deemuun barbaachisaadha.

12. Tooftaa qabsoo amma godhamaa jiru keessa tokko OPDO wayyaanee jalaa bilisoomsuun meeshaa qabsootti jijjiiruudha. Hojii tooftaan tun gaafattu keessaa tokko OPDO keessaa jallaa dhabamsiisuu takka jallisuun, kan jabaa ammoo ajjabeessuudha. Kun caasaa isaanii jalaa hamma gubbaatti itti fufa. Kanaafuu warreen jechaafi gochaanis qabsoo Oromoo faalleessan irratti qabsaa’uun cimee itti fufuu qaba.

13. Muumichi Ministeeraa kun wanti Baahir Daaritti haasaye akka waan dogongora arrabaa ta’eetti warri fudhatan jiru. Miti. Ilaalchuma isaatu sani. Waan kana akeeku akka hudeddutti dubbataa ture. Ilaalchi dogongoraa kan isas saba kanas miidhu waan ta’eef sirreeffachuu qaba! Alagaa gammachiisanii firoomfachuuf saba ofii muufachiisuun kasaaraa siyaasaa qaba. Alagaan hamma fedhe har’a harka siif dhawu bor xiqqoma muufachiifnaan sitti garagala. Kana ammoo torbaanuma dabres agarree jirra. Tarsiimoon sirri saba ofii jabeeffachaa kunuunsaa ormas kabajaan itti dhihaachuudha. Yoo constituency kee jabeeffatte orma birattis kabjaa dhugaafi yeroo dheeraa argatta. Mummichi ministeeraa saboota biyyatti walitti dhiheessuuf akka yaalu naaf gala. Garuu ammoo sabbonummaa Oromoo busheessuufi warra kalee ummata keenya lafarraa duguugaa ture faarsuun tokkummaa inni yaadu san hin fidu; daranuu madaa dur tuttuqee ummata walitti buusa

14. Akkuma Lammaan jedhe sabboonummaan Oromoo nuuf bu’ura waa hundaati. Motora sochii cufaati. Ummanni keenya humna waraanaa hin qabu. Fira biyya alaa hin qabu. Oromoon waluma qaba. Of ta’ee akka sabaatti galma ga’uuf ammoo sabboonummaa isa barbaachisa. Aggaammiin sabboonummaa isaa irratti godhamtu aggaammii saba kana laaffisuufi diiguuf xiyyeeffatteedha. Ofirraa haleeluu qaba. Wanni fedhes dhufu Oromoon sabboonummaa isaa gonkumaa laaffisuu hin qabnu.

15. Dhumnarratti Muummichi Ministeeraa kun akka alaa faarfamu kana osoo hin taane mudaa hedduu qaba. ( mudaalee san tarreessuu hin fedhu; jaallan isaa ni beekan garii ammoo duruu mumul’achuu eegalan). Mudaan isaa sun saba keenyaafi biyya san akka hin miine dammaqinaan hordofuu; warri itti dhiyaattan dhugaadhaan gorsuu, nuti warri irraa fagoo ammoo cimsinee qeequun barbaachisaadha. Warri itti dhiyaatu osoo beekanii caldhisanii faarsinaan, nuti warri fagoos mirqaana yeroo cabsuu diddaaf afaan qabannaan walfudhannee qilee dhaqna.

Waliigalatti maddi humna qabsoo Oromoo tokkicha. Sunis tokkummaa isaati. Hapheen tokkummaa kanaafi gaazni isa oofu ammoo sabboonummaadha. Kanaafuu namni ija takka qabu cirrachaan hin taphatu akkuma jedhan, Oromoonis warra sabboonummaa isaa laaffisuu fedhan cimsee dura dhaabbachuun fashalsuu qaba.

SaveSave

Leave a Reply

Your email address will not be published.