HOME

 

 

Odaan galma bal’aa, dameelee hedduu qabuudha.Odaa mukkeen hedduurraa wanta adda isa taasisu keessaa, iddoo odaan jirubishaan ni jira. Yoo jalatti hin argamnees ta’e, yookiin yoo bishaan burqaa naannoo sana kan hin jirre ta’es, iddoo odaan jiru gadi qotnaan bishaan eelaa dhiheenyatti argamuu danda’a. Odaan mukkeen biroorraa kan adda isa godhu kan biroon immoo,yeroo bonaa mukkeen hedduun, keessummaattu mukkeen gurguddoon akka gaaddisaatti tajaajilan yeroo baala harcaafachuun bifa yoo jijjiirratan, odaan garuu yeroo bonaas lalisaa ta’ee tura. Amalli odaan mukkeen biroorraa addatti qabu kun, ummaata Oromoo biratti fudhatamaa fi dinqisiifannaa guddaa argamsiiseefii jira. Odaan muka jilaati.Aadaa Oromoo keessatti sirna gadaa dabalatee, jilli yeroo gara garaatiifi iddoo adda addaatti gaggeeffamaa tureera; ammas gaggeeffamaajira.

Kanumarraa ka’uudhaan, gosoota Oromoo oromiyaa keessaa iddoo garagaraa jiraataniif mukni odaa muka jilaatiifi gaaddisa namaafi sa’aa ta’uurra darbee, wiirtuulee sirna gadaa Oromoo ta’uudhaan tajaajila.Odaaleen kunneen Oromiyaa keessatti hedduminaan argamu.Haata’u malee, darbee darbee odaaleen Oromoo shan jechuudhaan yeroodubbatamu ni dhaga’ama. Hayyoonniifi maanguddoonni Oromoo ammoo odaan Oromoo shan qofa akka hin taane ni dubbatu.

Haa ta’umalee, odaaleen Oromoo bebbeekamoo ta’an kanneen akka Odaa Roobaa, Odaa Bultum, Odaa Nabee, Odaa Bisil, Odaa Bulluq, Odaa Girjaa, Odaa Adoolaa, Odaa Liibanifik.k.f. jiru. Odaaleen kunneen wiirtuu sirna gadaa ta’uudhaan tajaajila akka turan ni himama. Odaalee Oromoo warreen wiirtuu sirna gadaa ta’uudhaan tajaajilan keessaa muraasni:.

Odaa Bisil: Wirtuu sirna gadaa fi siyaasa Oromoo maccaa yoo ta’u Xuqur incinii Godina shawwaa lixaa aanaa IlluuGalaan keessatti argama.

Odaa Bulluq:Wirtuu sirna gadaa fi siyaasa Oromoo Maccaati.GodinaHorroo guduruu Wallaggaa BULLUQ itti argama.

Odaa Nabee:wirtuu sirna gadaa fi siyaasa Oromoo tuulamaa yoo ta’u, aanaa aqaqii keessatti argama.Wirtuun kun Jarraa 12ffaa/1116/ irraa eegalee seerri caffee gadaa itti tumamee kan giddu gala/odaa/oromoota maraa ta’ee tajaajilaa ture.

Odaa Bultum: Wirtuu amantii fi siyaasa/gadaa/ Oromoo bahaa yoo ta’u Harargee Aanaa Baddessaa keessatti argama.Akka afoola manguddootatti Odaan kun Bara 1193 hundeffame jedhama.

Odaa Girjaa:Wirtuu gadaa Gujii Aanaa Booree keessatti argama.

Odaa Hullee: Wirtuu sirna gadaa fi siyaasa Oromoo maccaa Jimaati.

Odaa Garadoo: Wirtuu Sirna gadaa fi siyaasa Oromoo Wallootti.

Odaa Roobaa: Baalee aanaa Ginniir keessatti kan argamu wirtuu sirna gadaa fi siyaasaa Oromoo maraati.Wirtuun kun bara 1316 irraa hanga 1378tti tajaajila kennejedhama.

Odaa kaarra:wirtuu sirna gadaa fi siyaasa Oromoo Maccaati.Wallagga lixaa Aanaa Innangoo keessatti argama.

 

Hubachiisa:Odalee Oromoo kan nuti hin beekne jiraachu malu egaa waliin qorannee ifa haabaafnun dhaamsa barressitootati.Kan naannoo keessanitti argamuu fi seenaa isaa beektan ammoo Email keenya irratti nuf ergaa.