Barnoota

Haala Namootaa

Akkaataa qo’annoofi qorannoo ogeessota  xin-sammuutti, haala (amala) namootaa bakka  lammatti qoodu.Inni tokkofaa, Abdii Qabeessota [“Optimist”] jedhaama.  Kana  jechuunis, waan hundumaa  ija gaariin [positives] kan ilaalaniifi fudhatanidha. Fakkeenyaf  ani kitaaba sirraa  ergifadhee, sababa rakkoo yaadaa, hubannoo dhabuufi  xin-sammuu qabu irraa kan ka’een  kitaaba  kana  yerootti siif  hindeebisne. Ati garuu deebii gaarii anaaf qabdu akkam akka ture  atumti  murtii kenni.

Kanaaf  namoota  garee  kana  keessatti ramadaman, namoota biraaf jeecha,  kan mata isaanii dhisuudhan, namoota biroo gaamachiisuuf  kaneen tattaaffii godhanidha.Kallattiin dadhabbii nama biraa irratti hinmurteessan. Dadhabina isaa sireessuuf malee hin qeeqatan.Hinabbaaranis. Garuu ni gaadduuf, garaa laafuuf. Fakkeenyaaf  burcuuqqoo shayyii  ati of –eegannoodhan qabate, yoo lafa bu’ee waan caabeef, sitti hin dheekamaan. Sababiin isaas “rakkoo muldhate  kana booddee maddi rakkinichaa  waan biraa ta’uu  waan danda’uuf. Yookaan harkaa  mucucaatee, yokaan’mmoo isaa gubnaan ta’a”Jedhanii yaadu.

Fakkeenya biroos fudhannee haa ilaaluu:- Mana  reestoorantii (mana nyaataa) tokko keessa seentee,  nyaata ajejattee,erga nyaatte booda, errega kaffaluuf, boorsaa uffatakee keessa harka  keessee,  yeroo sakattaatu,  qarshii dhabda. Batalumatti  naatee daafqitee  jeeqamta. Haata’u malee, abbaan mana nyaata saanaa,haalakee sirriitti hubatee siif gaduudhan, kaffaaltiin kun  akka  siif hafuu godha.Abbaan qabeenyaa mana reestoraantii kanaa, nama haala abdii qabeessadha.(“Optimist”)dha.Rakkookee ija gaariin ilaale.

Waan gaarii hojechuun diina kee’llee akka injiifattu sii gargaara jedhanii yaadu. Namoota yaada qajeelloo akkasii qabaan keessaa yeroo ammaa kana  preezidaantummaa Amaarikaaf dorgoomaa kan jiran Doonaald Trump, Hojii daldala’saanii’rratti yeroo baa’yee  kasaaraa irratti kufanii  turan.Garuu  kasaaraa kufan keessaa ba’uuf jabinaan hojjetanii yeroo ammaa dureessa cimaa/ biliyeenera ta’uu kan danda’an  abdii qabeessa waan ta’aniifidha.

Akkaataa beektoota  xin-sammuutiin  namooti  haala lammaffaa qaban“Jalloota”/namoota waan badaa yaadan/ [ “Pessimist”] jedhamu.Namooti akkasii, waan hunduumaa duukaneessanii kan ilaalaniidha. Sammuu isaanii keessatti namootaaf waan gaariifi qajeelaa ta’e kan hin yaannedha. Namoota waan siirrii ta’eelee,sirrii miti jedhanii, jallisanii faallaa yaadanidha.Waanisaan fayyadu kennuuf yoo waamtan ni didu.Mammaaksa Oromoo keessatti “Ijoollee nyaataaf waaman ergaa seetee diddi”Jedhu. (“ijoolee nyaata akka nyaattuuf waaman iddoo tokkotti erganii hojii nahojjeechiisuuf na waamu jettee diddi “) jechuudha.

Egaa yaa dubbistootaa! isin garee kaam akka taataan of-sakatta’aa.Namooti “Yaada Qajeelaa”(Optimist) ta’an maqaan isaanii bifa gaarummaan ka’a.Namoota’rraas jaalalaafi kabajaa qabu.Namooti “Yaada jalloo” (Pessimist) ta’an’mmoo maqaan isaanii bifa badummaan ka’a. Hawaasa jiraatan keessatti jaalala hin qabani.Sammuun namaa inni qajeelaa, wantoota haraaraa nama qabsiisaniinis baduu danda’a.Isaan kunniin keessaa qorichaafi baalli sammuu nama hadoochan haala namootaa’rratti dhiibbaa guddaa uumuu danda’u.Mee kanatti aansinee dhimma kana haa ilaallu.

Qorichaafi Baala  Saammuu Haddoochan

 Qorichawwaniifi baala Haraaraa (Araada) Nama qabsiisan

Sadarkaa adduunyaatti, namooti tokko tokkoofi hawaasni, rakkoowwan qoricha dhorkamanii isaan muudataa jira. Qoricha hin hayyamamineen fayyadamuudhaan,namooti dandeettii isaanii akka hindhugoomsine / humna keessa isaanii, guutumaan akka hin mul’isine/ kan isaan ittisuufi  guddina hawaasaafis guufuu ta’an jiru.Gabaabumatti qorichawwan kunniin, fayyadamtoota, maatii,uummatafi hawaasa irratti,rakkoo hamaa kan geessisanidha.Addunyaa’rratti qorichawwan seeraan dorkaman,to’annoo ala ta’anii,kan omishaman,bifa daldala seeraa alaan kan daddabarfamanidha.

Fak. Kookeeyin,Heeroyiin,Hashish,Jiimaa,Baarbitureetiis,Seedatibees,Tiimboofi dhugaatii alkoolliidha .Jiimaan ykn  Caatiin  akkaataa dhaabbata fayyaa  adduunyatti  [ WHO]  Qorichooti jaboo (“Hard Drugs”) jalatti kan ramadamu yoo ta’u, sababa keemikaala “ Kaatooniin”  jeedhamu  waan of-keessaa qabuuf  sadarkaa 6faa irratti argaama.

Warri qoricha fudhatan,  baayinaan  qoricha fudhachuu isaanii’rraa kan ka’een, sammuu isaanii’rratti miidhaa uuma.Egaa kun dhukkuba qoricha sammuu hadoochu waliin uumaamu ta’uu’saa argsiisaa [  is a form of substance-related disorder} Kaneen Sammuu  haddoochan,  fakkeenyaaf, qorichooti,tiimboo, alkoolliifi keemikaala  sammuu namaa hadoochan sababoota  adda addaaf fudhachuu, Wantoti sammuu haddoochan, keessa qaama uumamaa /fiisiyooloojii fi miira fayyadamtoota ykn warra biroo irratti dhiibbaa  kan fidudha.Wantoota sammuu haddoochaniifi  yekka hojjetan, qoricha sammuu nama hadoochu kan fudhatan / drug dependence abuse  jiddu  wal quunnamtii cimaatu jira.Fayyadama qorichaan kan ka’een  umurii jireenyaa kan gabaabsuufi bara  omisha  namoota  hedduus kan baleessudha.

Akka  Gabaasa Dhaabbata fayyaa adduunyaa A.LA bara  2013 tti,  tilmaamaan namooti    qoricha sammuu haddoochaniin  fayyadamaan  kan 187, 000 ta’an umuriin  osoo hinga’iin  du’u.  (premature death). Addunyaa  irratti  A.L.A. bara 2012 tti, tilmaamaamaan namooti   umurii 15-64 gidduu jiran kan milliyoona  162 _324 ta’an,dhibeentaa 3.5fi dhibeentaa 7.0  qorichawwan dhorkamoo  rakkoo sammuu fidan[ “Illicit Drugs”] keessumaiiyyu “Kaanaabis, opoid, Kookeeyin,“amphetamine–type stimulants group” jedhamaniin,bal’inaan kan fayyadamaan ta’uu’sanii  qorannoon ni ibsa. Sadarkaa addunyatti, namooti umuriin isaanii  waggaa 15 ol,  Alkoolliifi wantoota sammuu haddoochan kan fudhatan, billiyoona 2,yoo ta’an, Kan timboo xuuxan’mmoo billiyoona 1.3, Qorichoota birootiin kan fayyadamaan’mmoo milliyoona 185 ol akka ta’an  gabaafameera. [Madda: WHO, 2002].

Akka ragaan biiroo qorichaafi yekkaa mootummoota gaamtoomanii adduunyaa A.L.A bara 2013 ibsetti, adduunyaa’rratti tilmaamaamaan namooti miliyoona 246,ta’an qoricha dhorkamaniin fayyaadamaniiru.BiyyaU.S.Ameerikaa keessatti namooti qorichawwan, dhugaatii alkooliifi timboodhaan fayyadaman kan lakkoofsi isaanii baayi’ee ta’e, du’aaf kan saaxilaman  yoo ta’uu; wagga waggaan   namoota  500,000  olitti  lakkaa’amaniif sababa du’aa  ta’eera.Biyya Ameerikaa keessatti, nama afuur keessaa tokko alkoolii, timboo ykn qoricha sammuu nama hadoochaniin fayyadama.

Fayyadamni qorichooti seeraa alaa,  sababa guddina/ babal’ina/  magaalootaa, industriifi baayy’ina uumataan dabalaa deema.Keessumaa biyyoota guddachaa jiran keessatti, gara fuula duraa baroota dhiyoo dhufan keessatti,dhibeentaa 25 niin ni dabaala jedhamee tilmaamama. Biyyoota kunniin keessatti feedhiin fayyadama qoricha seeraa alaa, kana caalaa dabalaa akka deemu, mootumoota gamtoomanii adduunyaatti,dhaabbati farra qoricha sammuu nama hadoochanii gabaaseera.

Qorichootaafi baala sammuu namaa hadoochan ilaalchisee oddeeffannoon amanamaa, baldhaafi waliigala ta’e Afrika keessa  hinjiruu. Haatu’u malee, ragaan muraasi jiru akka ibsutti,  Afrikaa dhihaafi giddu-galeessa keessatti, “ canaabis”  jeedhamuun hanga dhibeentaa 12.4 kan ta’an itti fayyadamu. Rakkoowwan qorichooti sammuu nama hadoochan  fayyaa irraatti geessisan keessaa, dhibeewwan kan akka HIV/AIDS, dhukkuba tiruu “hepatitisi B fi C”jedhamaniif nama saaxila. Yeroo baayi’ee deddeebisanii qoricha hedduu fudhachuun, gara du’aatti nama geessa.Namooti qorichawwan kana bifa lilmeen fudhatan, namoota hin fudhanne caalaa  daachaa 15 oliin,  du’aaf ni saaxilamuu. Qorichooti seeraan dhorkamaan kan  “controlled drugs” jedhaman  kunniin, aadaa/ /duudhaa/, haala jireenyaafi diinagidee biyyaa irrattis miidhaa ni  fiduu. Akkasumas qorichoota miidhaa fidan kunniinin fayyadamuun, dandeettii waa adda basuu, hubannoo/murtee, xiyyeeffannaa/ fedhiifi qaama ofii too’achuu irratti rakkoo guddaa fidu.

Itiyoophiyaa keessatti qorichooti sammuu nama hadoochan fudhachuun akkuma biyyoota guddachaa jiranii rakkoon isaan fidan dabalaa dhufeera. Walitti dhiheenyi addunyaa (globalization)fi dinagideen gabaa bilisaa, rakkoowwan kunniin akka itti caaluufi akka  babal’atuuf karaa baneera.Biyyoottan kan akka Itiyoophiyaa, waanjoo  koloneeffattootaa jalatti yoo kan hin bitamne  ta’anillee, balaa kana irraa baraaramuu hindanda’an.Rakkoowwan qorichi/baala/ sammuu namaa hadoochu kun gara fuula duraatti  gufuu  guddaa  uummata addunyaa mudatuudha.Biyya keenya keessatti yeroo baayi’ee kan fayyadaman  alkoollii,Hashiishiifi jiimaa yoo ta’an, kan itti  fufu immoo kaanabiisiifi kkf. dha  [ fakk. Beenziinii].

Jimaan / caatiin/ keemikaala sammuu garmalee dadammaqsu/ kakaasuu/ of keessaa qaba. Itiyoopiyaa keessatti bal’inaan  itti fayyadamni isaa sadarkaa lammaffaa irratti argaama. Jimaan biyyoota akka Itiyoopiyaa, Keenyaa, Yemen, Afrikaa kibbaafi Maadagaskaar keessatti kan biqiiluu yoo ta’uu, barmaatiilee Jimaa qama’uun kun osoo biyyoota kunniin  keessa qoofatti hin dangeffamin,  karaa kooluu galtootaan /godaantotaan/ gara biyya US.Amaarikaafi Awuuropaaatti’llee  babaldhateera.

Miidhaa baalli /qorichowwan/ sammuu hadoochanii- Akkaataa qorannoon agarsiisutti  rakkoo bal’aa faayyaa hawaasaafi diinaagdee irratti  inni fidu guddaadha.Innis qaama namaa keessaa, sammuu, jeequmsa sammuu’rratti miidhaa guddaa fida.Sababii kanan yaallii of-ajjeesuu gochuu, dhukkuba qaamaa, haala hojii qaamaa dadhabsiisuufi jeequmsa irribaa namatti fida. Timboo xuuxuufi dhugaatii alkoolii dhuguudhaan rakkinni dhufu’mmoo; nyaata hamma barbaadamuu gad-nyaachuu/ hirdhina nyaataa/, deddeebi’anii dhukkuba sammuun dararamuu, balaa HIV fi dhibee qaama saalaaf saaxilamuu, dhibee tiruu,amala hamaa ykn yekka adda addaaf kakka’uufi rawwachuu, kkf.Ijoolleefi dargaggooti/shamarran/ baala/qoricha/ sammuu haddoochu kunniiniin, akka hin fayydamne/akka hinsaaxilamneef/ hawaasi, manneetiin barnootaa,warri ijoolleefi dhaabbiileen mootummaafi miti mootummaa dhimma kanaa wajjin hojjetan, itti gaafatama guddaa qabu.Kundirqama hundumaati.

Wantoota haraaraa kanaaf balaa ta’aniifi fala isaa.

pastedGraphic.png

Walumaa galatti, akkaataa gabaasa barruulee qorannoo Qorichaafi Alkoollii Afrikaa, A.L.A 2007’tti;  “Itiyoopiyaa keessatti rakkoon baala/qoricha/ sammuu haddoochu, haalan baay’ee yaaddessaa  ta’aa  dhufuusaa agarsiisa. Rakkoon kun baadiyyaafi Magaala, dhiiraafi dhalaa, ga’eessotaafi dargaaggoota, biyyoota misoomaniifi hinmisoomne, osoo hin jedhin  miidhaa cimaa  geessisuu irratti argama.Rakkoon baala/ qoricha/ sammuu haddoochanii,biyya Itiyoophiyaas dabalatee akka sadarkaa addunyaatti bifa weeraraan tatamsa’uu irratti waan argaamuuf,caalisun fala hin ta’u. Kanaafuu, balaan kun dhaloota abdii borii irratti  kan agaameefi ajjeessaa kan jiruu waan taheef,rakkoo kan dhabamsiisuuf  qaamni mootummaa, mit-mootummaa, hawaasni, mootummaan biroo, biyyooti addunyaa maartinuu  hariiroo  cimsuudhan   kan irratti duulan, yeroon isaa ammadha.Beektonnis/hayyotis/ qo’annoofi qorannoo gad-fageenyaan adeemsisuudhan furmaata fiduuf akkasumas  rakkoo kana dhabamsiisuufi ittisuun  itti danda’aan, yeroo yeroodhan  hubannoofi beekumsa uummataa  foyyeesuu qabu.

Hailu Dhuguma (MA.PH )