Baaroo Tumsaa

Baaroo Tumsaa

Baaroo Tumsaa

Bu’uuressaa ABOfi Mallattoo Qabsoo Oromoo

mqdefault Baaroo Tumsaa

Baaroo Tumsaa (1942-1978)

Obbo Baaroo Tumsaa bara 1942 dhiha Oromiyaa Wallagga Ona Boojjii Karkarrootti Abbaa isaa obbo Tumsaa Silgaafi haadha isaa Naasisee Cirrachoo irra dhalate. Deeggarsa obboleessa isaa Luba Guddinaa Tumsaafi obboleessa isaa Naggasaa Tumsaa waliin Naqamtetti sadarkaa 1ffaa baratee sadarkaa 2faa ammoo ‘Ethiopia Evangelical college’ Bushooftuutti barate. Yunivarsiitii Finfinnee galee barachuun bara 1966 faarmaasiin sadarkaa B.SC eebbifame. Erga Yunivarsiitii galee kaasee guyyaa tokkollee qabsoo irra kan of hinqusanne Baaroo Tumsaa gumaacha mul’ataa gumaachaa ture. Dr. Mohammed Hassenfi Kuulanii Guddinaa seenaa Baaroo barreesan keessa: Sochii siyaasaa barattootni geggeessaa turan keessatti qooda guddaa nama qabaataa turan yommuu ta’u bara 1964 -1965 Prezidaantii University Finfinnee ture. Bara 1966tti ammoo Barreesssaa “union of the Universty Students in Addis Abeba “ ta’ee hojjetaa ture. Obbo Baaroo Tumsaa barattoota Oromoo, loltuu Oromoo miseensota Paarlaamaafi beektota Oromoo hunda gidduutti quunnamtii gaarii uumuu danda’ee kun ammoo jaarmiyaa gurmeessuuf bu’uura gudda ijaare.

Obbo Baaroo Tumsaa yaada jijjiirama gurguddaa burqisiisuun nama morkataa hinqabne ture. Quunnamtiifi hariiroo gaarii uummata Oromoo keessatti qabu fayyadamee sochoosuun bara 1965 dhaadannoo “lafti Qotee Bulaaf” jedhu hiriira finfinnee qopheessuun Oromoof jijjiirama guddaa kan fide bu’uura qabsoo hundaa nu akeeke. Bara sana keessa uummatni Oromoo, lafa isaa irratti mirga dhabee, bulchiinsa gabrummaa jalatti lammii sadaffaa ta’ee, qabeenyaan saamamaa, siyaasaan hiraarfamaafi aadaa isaatiin tuffatamaa akka ture. Obbo Baaroon sirriitti hubachuun Oromoo barsiisaa turan. Obbo Baaroon yeroo gabaabaa gidduutti, sagaleeniifi afuurri warraaqsa duraan dhaga’amee hinbeekne, golee arfan biyyattii keessatti baballatee akka dhaga’amuuf hooggansi inni kenne mootummaa Hayile Sillaaseetti yaaddoo haaraa akka biqilchu kan taasise ture.

Seenaa Obbo Baaroo Tumsaa akka ani barreessu kan na dirqisiisee waan lamatu jira. 1ffaan Namoonni yeroodhaaf seenaa sana dhoksuu barbaadantu jiru, 2ffaa waan dhokfamee jiruuf seenaa barreessitoonni sirriitti bal’inaan qoratanii barreessuu irraa of qusatanii namni hojii nama kana sirriitti Afaan guutee dubbachuu sodaatee ture. Kun anaaf naa liqinfamuu dide, Obboo Naggasaa Tumsaa illee waa’ee obboleessa isaa miidiyaa hunda irratti akka hojii isaatti akka hindubbatamne naa ibsanii jiru. Seenaan Jaal Baaroo Tumsaa namni sirriitti hinbeeku, sababni isaa yeroo dheeraaf dhoksamaa ture, yeroo turaa adeemu ammoo ni hirraanfatama achuman dhokata, kana qofa utuu hintaane Dhaabni isaa utuu ibsa ga’aa hinbaasin namootni waa’ee isaa ibsuuf ni rakkatu turan, inni guddaan ammoo Obbo Baaroo Tumsaa jireenya isaa keessatti nama aangoo barbaaduufi nama na arga na arga jedhu ykn Protocal isaafi maqaa isaa dhaadessaa adeemu utuu hintaane nama akka Ogeessaatti duuba taa’ee hojjechuu jaallatu waan ta’eef namoonni alaa hedduu hinbeekan. Namoonni baay’ee Obbo Baaroo Tumsaa bu’uuressaa ABO ta’uu isaallee sirriitti hinbeekan, Obbo Dheeressaa Qixxee garuu Baaroo Tumsaa bu’uuressaafi Hoogganaa ABO qofa utuu hintaane mallattoo ABO ture jechuun ragaa ba’u. Kana uummatni Oromoo beekuu qaba kan jedhuun waan Prof. Mohaammadiifi Aadde Kuulanii Guddinaa barreessan kana hubanoofi ragaa ani qabuun gabaabsee barreessuu yaale.

Qabsoon Obbo Baaroofi hiriyoonni isaa Oromoon lafa ofii irratti garba ta’ee, alagaan humna qawween itti dhufee, biyya isaa dhabe sana deebi’ee akka dhuunfatuuf, qabsoon yeroo jalqabaaf eegalamee, kabajamuu mirga dhala namaafi bilisummaaf daandii qabsoo saaquun, kunoo haala har’a keessa jirruun nu gahuu danda’e.

Obbo Baaroon Nama seenaa qabeessa Maamoo Mazammir yeroo barataa ture Maccaafi Tuulama keessatti gumaacha akka godhu ijaaruun hanga inni wareegametti jaalummaa gaariin waliin qabsoo godhan Obbo Baaroon bara 1966 barnoota yuunivarsiitii akka xumureen hojii kan jalqabe Ministeera fayyaatti itti gaafatamaa gola Faarmaasii ta’uu seenaafi seera hojii faarmaasii biyya Itiyoophiyaa akka jirutti jijjiiruu danda’ee jira. Faarmaasiin Itiyoophiyaa hanga Har’aatti seera inni ittiin hojjetu bu’uura isaa dura kan qopheesse obbo Baaroo ta’uu isaa Manni faarmaasii biyyaatti ragaa ba’u. Obbo Baaroon yeroo muraasa booda yuuniversiitiitti deebi’uun barsiisaa Faarmaasiifi Barataa Seeraa ta’uun eegaluun isaa sochii barattoota yuuniversiitii keessatti barattoota gurmeessuufi siyaasa barsiisuuf haalli mijateef. Obbo Baaroon hoogganaa barattoota yuuniiversiitii ta’uun, gochaa gaarii faarmaasii Itiyoophiyaa keessatti hojjeteen, hariiroofi quunnamtii gaarii Maccaafi Tuulama keessattifi paarlaamaa biyyattiifi waraana biyyattii keessatti qabaachaa tureen muuxannoo kana irraa argateen dhimma ba’uun ABO hundeessuuf haala mijeesseef.

Bara 1967 keessa Waldaan Maccaa fi Tuulamaa yommuu cufamu, mootummaan Hayile Sillaasee murtii du’aa obbo Maammoo Mazammir irratti raawwate, Jeneraal Taaddasaa Birruu ammoo Galamsootti akka hidhamu godhe hogganoota hafan tamsaasetti guci sochii bilisummaa akka hindhaamne gochuu irratti gaheen obbo Baaroo boonsaafi seena qabeessa akka ta’e beekama.

Barattootni Oromoo gumii “walbarraa” jalatti walitti qabuun, akkasumas “Walda Dhidheessaa” jedhamuu ijaaruu Maccaafi Tuullamni akka hinbadne godhee jira. Bara 2001-2002 WFDO bu’uurressuuf waraqaan ala wixinee dhufee fuudhee Obboolessa obbo Baaroo Tumsa obbo Naggasaa Tumsaa bira yeroon deemu fakkeenya Baaroo Tumsaa akkan ta’u seenaafi hojii Baaroo na barsiisan. Itti dabaluun Sagantaa WFDO ani qopheesse sun namni dura dubbise isaan ture, Dhaabni sun dhaabbachuu akka qabu naa mirkaneessan garuu, mootummaan waan si shakkuuf jaarsolii of dura qabadhuu deemi, akka Baaroo hayyuu ta’ii gorsii ijaari malee aangoof jettee dura of hinqabiin naan jedhanii Obbo Bulchaa Dammaqsaatti sagantaa kana akkan kennu na godhan. Yeroo lammataa gaafa Maccaafi Tuulamni Cufamu bara 2003/2004 Uummatni Oromoo bakka itti walitti qabamu dhabuu Obbo Naggasaatti deebi’een ammas gargaarsa yeroon gaafadhu amma waan Baaroon bara 1967 gaafa Maccaafi Tuulaamni cufamee hojjete sun hojjechuun dirqama keeti Jaarsoolii siif barbaanna jedhan. Hundaa’uun WFDO akeekaafi tooftaa Baaroo Tumsaa waggaa 30 dura itti fayyadametti fayyadamuu yaale, ABO waliin quunnamtii nu qabachuu qabnullee Tooftaafi hariiroo Baaroo Tumsaa ture. Gara seenaa obbo Baarootti yeroo deebinu.

Waldaa Dhidheessa keessas hayyoota kutaafi beektota Oromiyaa hedduutu ture. Oromoota ijaaruun, barsiisuufi siyaasaan akka dammaqan gochuun bu’aa guddaa qabaachuu isaa kan hubate obbo Baaroon, maandheewwan hedduun gurmaa’anii Oromoota golee Oromiyaa hunda keessaa walitti fiduun rakkoo uummata isaanii akka mari’atan bu’uura hundeesse. Yuuniversiitii keessatti “Sagalee Diddaa Gabrummaa” (Voice Against Tyranny) qopheessee barattootaa fi Oromoota Miseensoota WMT faca’anii fi dhokatanii jiraatan gargaaruu fi jajjabeessuun illee hojii isaa ture.

Bara 1972 Afaan Oromoo qubee Laiiniitiin barreessuuf, hirmaatni dubbii (grammar) isaa qoratamee akka barreeffamu gochuuf Haayile Fidaafi Abdullahii Yusuuf bakka jiranitti Mitikkuu Tarfaasaa deemee akka isaan quunnamu gochuun ga’een Baaroo Tumsaa guddaa ture. Qormaatafi Barreeffama biyya keessaa funaanuun, Mitikkuu Tarfaasaa gara Jarmanii deemee Haayilee Fidaa faa waliin akka hojjatu baasii isaa danda’uun kan ergan obbo Baaroofi Guddinaa Tumsaa turan.

Bara 1973 Maandhiilee duraan obbo Baaroon ijaaraman hunda biyya keessaa biyya alaa jira, akkasumas J/Taaddasaa Birruu waliin wal quunnamuudhan, hariiroo uumuufi marii gochuun Walgahii ABO bu’uuressu qindeesse. Seenaaniifi guci qabsoo ABO gaafa sun qabsiifame. Walga’ii kana irratti kanneen argaman: Baaroo Tumsaa, Magarsaa Barii, L/Kol.Damisee Dheeressaa, L/Kol. Kabbadaa Qajeelaa, Abbiyyuu Galataa, Addisuu Bayyanaa, Leencoo Lataa, Yusuuf Bakariifi Diimaa Noga’oo turan. Baaroon Sochii sadarkaafi caasaa hunda keessatti qooda fudhachuu, qindeesuu, gurmeesuu, to’achuufi hoogganaa ture. Miseensootaafi mandhee dirqamatti utuu hinbobbaasiin dura sirna naamusa eeggachuu qabaniifi iccitii isaan eeggachuu qaban hubachiisaa ture.

Bara 1974, yeroo mootummaan Hayile Sillaasee kufee, Dargiin aangoo qabatu Baaroon koree (komishinii) qaama ministeeroota durii qoratu keessatti filame. Kun ammoo loltuu Oromoo waliin hariiroo gaarii uummate. Baaroon ABO dhoksaan akka balaa irra hinbuuneef dhaaba seera qabeessa ECHAT (Ethiopia Chikun Hizbooch Tigil) ijaarsa Tokkummaa uummatoota Cunqurfamoo Ethiopia jedhamu gaaddisa ijaareef. Akeekni ijaarsa kanaas qabsoo Oromoo qabsoo uummattoota kibba Itiyoophiyaan waliin qindeessuufi ABO’f dawoo kennuu dha. Hoogganaa ijaarsa kanaa ta’ee Biiroo Barreessaa ijaarsa ummataa seene. Tooftaan kan WFDO ijoollee Oromoo dararamaa turan lubbuu hambisuuf itti fayyadamee ture har’allee itti fayyadamuun gaarii ture. Baaroon ABOs ta’ee ECHAT bu’uuressaafi hoogganaa qofa utuu hintaane nama waan hunda caalaa uummata Oromootti aansee ABO dhaabbilee kan akka mucaa dhalatutti kunuunsaa akka ture Hiriyoonni isaa lubbuun jiran akka Dheeresa Qixxeefaa ragaa ba’u. Baaroon yeroo ECHAT dhaabe rakkoo uummata Oromoo irra dabarsee ilaaludha, uummata akka Oromoo rakkataniifi garboonfatan fira godhachuun Oromoo duukaa ijaaree ture, kun har’allee tooftaa Baaroo kana deemuu qabna, uummata Kuush hunda of duukaa gurmeessuu qabna. Dhaabbilee siyaasaa Oromoo Habashaa jala rurruuqamuu mana sabaafi sablammii hunda fira godhachuun waliin ijaaramuu qabna. Kana gochuuf ammoo dura ijoollee Oromoo dhaaba isaanii walitti tokkoomsuu qabu.

Bara 1976 Baaroo Tumsaa mandheelee dhoksaan ijaare hunda sochoosuun, ijoollee Oromoo qaroo bakka hunda irraa quunnamuufi walitti fiduun taa’umsa ABO inni dura Finfinneetti bara 1976 akka ta’uufi sagantaan siyaasaa dhaabichaa akka mallattaa’u, barruuleen dhaabichi siyaasaa isaa ittiin tamsaasuu danda’u “Bakkalcha Oromoo”, kan dargaggoota ammoo “warraaqa”, kan qaama waraanaa, “Sagalee Bosonaa”, moggaafamee sagantaan siyaasaa dhimma Oromoo irratti akeekkatee fuula tokkoon akka eegalu kan taasise murna obbo Baaroon hogganaa tureen akka ta’e seenaan hojii isaa ni mirkaneessa. Baaroon sirna mootummaa jala, finfinnee taa’ee hogganootafi waraana akkasumas, caasaalee dhaabichaa adda addaa lafa bal’aa Oromiyaa irra diriirsee ture. Hoogganni ABO gaarii tokko akka bahatti bobba’u godhame.

Bara 1977 keessa Baaroon murna kutaa harargee keessatti qabsoo hidhannoo geggeessaa turetti gootummaan makame. Qaamni dhaabichaa dirree bahaa ture rakkoo jajjaboo hedduu keessa waan tureef Baaroo Tumsaa fi Magarsaa Barii Walgahii naannoo sanatti Gurraandhala 1978 ta’u qopheessuu eegalan. Erga bobbaa waraana Xoophiyaa of irraa ittisanii booda sirna dhaabichaa sirreessuu itti fufan Caamsaa 1978 bakka Baaroo Tumsaafi hoogganoonni biraa dirqama kana irra jiranitti miseensuma dhaabichaan dhukaasni banamee Baaroon Wareegame.