demonstration oromo

Screen Shot 2016-03-24 at 5.02.59 PM

Oromoo Waayyanen yakka Uummataa Oromoo irratti dalaga jiru atataman akka dhabu gaafana

Mootummani wayyaneen ofuma isaatti rakko fi jeequmsa umee Oromoo Uummataa nagaa dhiigaa dhangalasa jira. Heera Federala diigun lafa Oromiyya humnan fudhachuuf murtesun isaa rakko umamee kanaaf sababa ta’uun isaa beekmadha.…
Bara Baraan Miidhama Ummata Oromoon Guddina ofiif Hawwuun Gabroofattotaa Marraa Kana Xumura Itti Gochuun Dirqama Lammummaa ti
Mirga ummatootaa kabajuu dhabuu irraa Mootummaan waraanaa Itophiyaa tan waggaa 24 duraa angoo irraa qaarsifame. Mootummaan waraanaa sun kan itti jabduu biyya humnaan ijaaramte waraanaan tursuu ture. Impaayerummaa isii golguu fi biyya badhadhinaa tahuu agarsiisuuf waaroo soshaalummaa kijibaan haguuge. Ilaalcha/ideology/ raggaafate kanaanis tokkummaa impaayera Itophiyaa waraanaan tiksuuf waadaa ofii seeneen lola labsee waggoota dheeraaf lolee ofiifuu lolaan dhabame. Impayera Itophiyaa ilmaan dhaalsisuuf yaades hin tikfamiin hafee kufaatii mootummaa waraanaan boqonnaan sun qadaadame.

Waggaa 24 of booda deebi’uun haala alas ture wayta ilaalamu, kaayyoon mootummaa waraanaa sanii maqaa tokkummaa, wal qixxummaa fi soshalizimiin ol aantummaa sirna gabrummaa jireessuu fi tiksuu akka tahe irraa hubatama. Wal qixxummaan akka mirkaneeffametti dhihee barihu bara sana lallabamaa ture kan kijibaa fi gowwoomsaa irra dabree hojiin mirkaneeffame hin turre. Sirni siyaasaa fi partii ittiin bulchan diriirfames abbaa irrummaa kan gadi dhaabe, ummatoota gaaffii mirgaa qaban ukkaamsee, mirga mata mataa fi gurmuu guutummaatti kan haqe tahuutti yaadatama.

Mootummaan waraanaa sun mirga ummatootaa humna waraanaa ykn afaan qawween ukkaamsuuf tattaafatullee ummatootni mirga dhaban gonfatuun fedha isaanii waan tureef, kaayyoo mootummaa waraanaa lagatanii qabsoo bilisummaa fi dimokraasii deggeruun ummatootni mirgaaf qabsaawan mootummaa abbaa irree sana hundeen buqqaasan.

Mootummaa waraanaa booda murni aangootti ol bahe qabsoo irra gaafa ture mirga ummataa fi dimokraasiif akka qabsaawu lallabaa waan tureef jijjiirraa fiduu danda’a jedhamee abdatamullee akeekaa fi galii mootummaa isa dura ture irraa guddoo kan hin faganne tahuu ummatootni hubachuuf yeroo itti hin fudhanne. Garaagarummaan yoo jiraate imaammataa fi tooftaa ittiin impaayera Itophiyaa tiksuuf raggaafatani dha. Mootummaan Dargii soshaalummaan tiksuuf oggaa tattaafatu mootummaan Wayyaanee ammoo maqaa dimokraasii fi sirna federaalummaa, mirga sabootaa fi ummatootaa kan beekuu fi kabaju fakkeessee isaa olaantummaa mirga bicuu tiksuuf dhama’uu mul’atu dha.

Har’a sabootaa fi ummatoota biyyattii keessaa kan Wayyaanee dura hin dhaabbannee fi hin mormine jira jedhama yoo tahe kanneen sirna raggaafame irraa bu’aa argataa jiran qofa. Kanneeniin alatti kan jiran hundi mirgi isaanii osoo hin daangeeffamiin akka kabajamuuf barbaadan. Kanaafis qabsaawaa jiran. Mormiilee fi tarkaanfiileen ummatootaan bulchiinsa naannoolee adda addaa keessatti fudhatamaa jiran kanaaf ragaa tahu. Gaaffiin sabootaa fi ummatootaas hanga deebii quubsaa fi qajeelaa hin arganetti kan jabaataa fi finiinaa deemu tahuu isaatiifis ragaa qabatamaa tahan.

Har’a ummatni kamiyyuu tokkummaa dharaa fi kijibaan sadarkaa hin sobamne dhaqqabee jira. Ummatootni shiraa fi daba maqaa tokkummaa fi dimokraasiin hojjatamu adda baafatuu irraa rakkina hin qaban. Eenyu haqaaf akka dhaabbate, eenyu bittaa, samichaa fi hacuuccaa itti fufsiisuuf jecha dharaan akka lallabuu fi eenyu bolola aangoo fi sirna hacuuccaa bifa biraa diriirsuuf akka dharra’u adda hin baafatu ykn hin hubatu jedhee kan yaadu ykn amanu yoo jiraate isa ummata keessa hin jirre, yaadaa fi fedhii ummatootaa dhaga’uu fi beekuu hin barbaadne qofa. Impaayera Itophiyaa keessatti jijjiiramni aynaa mirga sabootaa fi ummatootaa kabaju hanga hin argamnetti Itophiyaan hokkora, hacuuccaa fi saaminsa jalaa hin baatu kan jedhamuufis kanumaafi.

Itophiyaa keessatti waggoota dhibbaa ol dabraniif ummatni Oromoo kumootaan qe’ee fi lafa isaa irraa buqqaafamee ari’ameera. Kan Kaaba Shawaa fi Walloo keessatti raawwatame kanaaf raga isa duraa ti. Kan durii kanaa fi kan ammaa gidduu garaagarummaan yoo jiraate, kan duraanii maqaa “Maaqnaat” qaroomsuu jedhuun kan adeemsifame oggaa tahuu kan ammaa ammo maqaa misoomaa fi guddinaan kan geggeeffamaa jiru tahuu isaa ti. Sirni duraanii magaalaa biyyatti handhuura Oromiyaa keessatti gadi dhaabuuf karoorfatee Finfinnee oggaa teessoo godhatu Oromoo hedduu lafa isaa irraa ari’e. Mootummaan ammaas magaalaa dhaale bal’isuuf karoora baafateen qotee bulaan Oromoo maasii isaa irraa ari’atamee mankaraaraa jiru kan duraanii irra dacha hedduun dabalaa jira.

Gochaan farrummaa lammii Oromoo mirga jiraachuu dhabsiisu, ummata Oromoo ammo akka ummataatti eenyummaa isaa dhabamsiisuuf irratti xiyyeeffate kun jarraa 21ffaa, jaarraa ummatootni mirgi sabummaa fi namoomaa akka kabajamuu fi tikfamuuf wayta qabsaawaa jiran kanatti tahuun isaa mootummaan Itoophiyaa kamuu dhabama Oromoo irratti karoorfatee kan hojjatu tahuu caalaatti hubachiisa.

Ummatni Oromoo biyyaa fi qabeenya isaa irratti ajajaa tahuu dhabuu irraa jaarraa tokkoo oliif hiyyummaa fi hacuuccaa jala akka jiraatuuf dirqame. Aadaa isaan akka hin jiraanne, afaan isaan akka hin fayyadamne taasifame. Of tahee akka hin mul’atneef ummata eenyummaa alagaa akka maxxanfatuuf dirqame dha. Aadaa fi Afaan isaa irraa dhorkatamuun, lafaa fi qe’ee isaa irraa buqqaafamuun jaarraa tokkoo oliif deemaa ture har’as bifa irra hammmaataa fi eenyummaa isaa irratti qiyyaafateen karoorfamuun ummatni Oromoo mirga isaatiif akka caalaatti qabsaa’uuf onnachiisa malee jilbeenfatee akka bulu, hacuuccaa fi saaminsa ameen jedhee akka fudhatu hin taasisu.

Ummatni Oromoo ummata eenyummaan isaa beekamee akka kabajamuuf, dhimma isaa irratti fi biyya isaa irratti murteessaa tahuun akka beekamuuf, qabeenya isaa irratti ajajaa tahuun akka dhugoomuuf ummata qabsaawu malee, ummata alagaa irratti ajajaa, eenyummaa ummata kan biroo irratti ejjannoo farrummaa fi qabeenya ormaa irratti ajajaa tahee hacuucuu, saamuu fi lafa akaakilee isaa irraa buqqaasuudhaan dantaa ofii guuttatuu akeeka godhatee sosso’u miti. Kan ajjeefamaa, hidhamaa, qe’ee isaa irraa ari’amaa jiru mirga akka ummata kamiitti iyyuu qabu gaafatuu isaa irraa qofa. Kanneen qabsoo haqaa ummata Oromoo kana dura dhaabbatanis kanneen dantaa ofii fi murna dhaabbataniif falman qofa akka tahan hin shakkamu. Ummatni, jaarmayaanis tahe murni mirgi isaa akka kabajamu barbaadu mirga ummata kan biroos kabajuun irraa eegama. Dirqamas. Mirga ummataa, ummata biraa dhabamsiisuun kabajsiisuun goonkumaa kan hin deggeramnee fi balaaleffatamu waan taheef.

Yeroo ammaa kana ajandaan ho’aa Itophiyaa keessatti afarfamaa jiru maqaa “Integrated Regional Development Plan (IRDP)” gabaabaatti maqaa guddina waloo jedhuun mootummaan Wayyaanee Finfinnee caalaatti bal’isuuf ifa gochuudhaan dhugoomsuuf sosso’aa jiru dha. Kanaafis Master Palan Finfinnee kan jedhuun daba guddaa Oromoo irratti qiyaafateen socho’aa jira.

Wayyaaneen biyyaa fi ummataaf yaaduu irraa karoora kana karoorsuu amansifatuuf addatti ammoo ummatni Oromoo akka fudhatuuf tattaafataa jira. Dhimmi kun hundaan olitti ummata Oromoo waan ilaaluufis ummatni Oromoo karoora kanaan duuba waan jiru gadi faginaan hubatuu feesisa.

Karoorri kun hojii irra oolfamuu jechuun:
1. Mirga ummatni Oromoo lafa isaa irra jiraatuuf qabu sarbuun maqaa guddinaa fi misoomaan lafa isaa akka gadhiisu taasisee hiyyummaaf saaxila. Maatiin akka faca’u taasisa. Alagaan akka irratti duroomuuf haala aanjessa. Magaalaa Finfinnee waggaa dhibbaan ol hundeeffamtee bal’ataa har’a geesse kana irraa midhama sukanneessaa fi lafa irraa buqqifamuun hiyyuumaa fi salphina ummata Oromoo irra hanga ha’raa gahe ilaaluun qofti gahaa dha.

2. Mirga ofiin of bulchuu amma jira jedhamullee caalaatti dhiphisuun ykn haqee bulchiinsa Oromiyaa jalaa baasuun bulchiinsa federaalaa jala galcha.

3. Afaan isaatiin hojjatuu fi dubbisuu qabsoo waggoota dheeraa fi wareegama ulfaataan argate haqee afaan biraan akka hojjatuu fi dubbatu dirqa. Kun tahuun hanguma qabsoon argate iyyuu mirga ummatni Oromoo Heera biyyaa keessatti raggaafame, “ ummatni, sabootnii fi sablammootni hundinuu mirga afaan isaaniitti fayyadamuu, barreessuu fi dubbisuu, akkasumas, aadaa fi seenaa isaanii beeksisuu fi guddifatu danda’u” jedhu faallessee, aadaa isaan akka hin jiraanne, hin guddifannee fi hin tikfanneef ulaa itti cufa.

4. Galii dinagdee ummatni Oromoo/Oromiyaan naannoolee Finfinneetti dabalamuuf abuuraman keessaa argatu dhabsiisee dinagdee biyyaa irratti dhiibbaa dhalcha.

5. Maqaa guddinaan tarkaanfii fudhatamuun ummatni Oromoo moggeeffamee kanneen lafa irraa saammatanii fi qubatan aadaa fi afaan isaanii akka fudhatu dirquun Oromummaa dhabamsiisa.

6. Maqaa misoomaan tarkaanfiin fudhataman hundi naannoo faaluun jireenya ummata Oromoo fuula duraa gaaffii jala galcha.

7. Ummata Oromoo qabsoo hadhaawaan tokkummaa isaa mirkaneesse Bahaa fi Dhihatti qoodee gurmuu isaa laaffisuun bittaa alagaa irratti saarsuuf karaa saaqa.

8. Dhawaataan magaalota biroo Oromiyaa keessa jiran liqimsaa deemee ummatni Oromoo saboota biraan liqiifamaa akka deemuu fi eenyummaan isaa dhabamuuf karaa bana. Kanneen malees kan biroo hedduu tarrisuun ni danda’ama.

Karoorri Finfinnee maqaa guddinaan ummata Oromoo buqqisuudhaan bal’isuuf yaadame itti fufa karoora gabroomfattootaa bara Minilik eegale tahuun ifaa dha. Karoorri bara dheeraa kun Oromoo irraa dhaabbatuu dhabuun miidhaa Oromoo irraan geessise hubatuun hin ulfaatu. Finfinnee alagaan bal’ifatee keessa jiraatu kan dhugoomte Oromoo buqqaasuun akka tahe ummata Oromoo Gullallee, Ekkaa, Laga Xaafoo, Laga Daadhii, Aqaaqii, Sabbata, Sulultaa fi bakkoota biroo hedduu irraa buqqa’ee biyya isaa irratti akka lammii 2ffaatti akka jiraatu, hiyyummaatti gatamee fi maatiin faca’e akkasumas jiruu gadoo irratti bobba’uun of jireessuu irratti bobba’e ilaaluu qofti gahaa dha.

Kanaaf tarkaanfii seeraan alaa heera biyyattiin ittiin bulti jedhamu cabsu, jireenya Oromoo gaaffii jala galchu, qabsoo walabummaaf godhu itti dheeressu ykn ukkaamsee hambisuuf akeekkatee fi alagaa irratti goobsu kun guutummaatti dura dhaabbatamuu qaba. Tarkaanfii tuffii ummataaf qabuu fi seeraan olitti of ilaaluun Wayyaaneen fudhatamu eenyummaa Oromoo dhabamsisuuf tooftaa geggeeffamaa jiru waan taheef, ummata Oromoo qofa osoo hin taane kanneen mirga dimokraasii, wal qixxummaa ummatootaa fi mirga namoomaaf falman hundaan mormamuu fi dura dhaabbatamuu qaba.

Addatti ammoo abbaan dhimmaa ummatni Oromoo karoora shiraa, isa dhabamsiisuuf farreen ummataan karoorfame kana tokkummaa isaa cimsee jabinaan dura dhaabbatuu malee furmaatni biroo kan hin jirre tahuu hubachuun barbaachisaa taha. Kaaroorri kun akka guutummaan fashalu qabsaawaa waliigala furmaata mayii kan tahe walabummaa Ormiyaaf qabsoo finiinsuuf socho’uun Oromoo irraa eegama.

Bara Baraan Miidhama Ummata Oromoon Guddina ofiif Hawwuun Gabroofattotaa Marraa Kana Xumura Itti Gochuun Dirqama Lammummaa ti!

Injifannoo Ummata Oromoof!