Aadaa oromo Irreechaa

[wds id=”2″]

Ayyaanii Irreechaa duudhaalee Oromoo keessaa tokko

Oromoon ummata aadaa, duudhaa, seenaafi ooltee bultee gabbataa qabuudha. Keessumaa aadaafi faalasaama ummata kanaa gadifageenyaan yoo ilaalan barnootaaafi iccitii jireenyaa lakkaa’amee hindhumne, kanneen qaroominaaf xurree ykn raacitii ta’anii tajaajilaa jiran hedduudha.

Aadaan calaqqee jiruufi jireenya saba tokkooti. Sabni tokko saba kan biraarraa waanti adda godhu ykn kan ittiin beekamu aadaa bultumasaati.

Kunis aadaa uffannaa, fuudhaafi heerumaa, du’aafi awwaalchaa, ayyaanotaafi sirbaa, waliin jireenya maatiifi firaa, nyaataafi dhugaatii, ijaarsa manaafi meeshaa itti fayyadaman, hojiifi hormaataa, taphootaa (ispoortii), akkaataatti dabbasaa (rifeensa) dhahatan ykn filataniifi kkf jennee bakka hedduutti addaan qoodnee ilaaluu ni dandeenya.

Sabni dinagdeedhaan guddateefi siyaasaan qaroome, akkasumas kanneen guddinarra jiraniifi duubatti hafoo jedhaman marti aadaa keessa turaniifi jiraataa jiran, akkuma sadarkaa guddinasaaniitti guddifachaafi fooyyeffachaa adeemu malee kan tuffatanii gatan hinqaban.

Isa beekuuf aadaan qabeenya guddaa kan dhalootarraa dhalootaan dhaalamuufi seenaa ummata sanaati. Qaroominniifi guddinni marti, maddisaa aadaa sabni sun qaburraa burqa. Aadaa ofii gatanii kan ormaa ergifachuun qaroomuu ykn guddachuun hindanda’amu, ykn eenyummaa ofii gatanii kan ormaatiin liqimfamuu ta’a. Kun ammoo aadaa dhablee ta’uun, aadaa saba biraan gabroomuudha.

Ummanni Oromoos aadaa mataasaa kan ormarraa adda isa godhu hedduu qaba. Kan akka sabaatti waliin qabuufi akka gosaatti naannawa naannawasaatti qabu danuudha. Sababoota gara garaatiin irra hedduun aadaa Oromoo dagatamaa haa dhufus kanneen duudhaa durii sana qabatanii tursiisan baay’eedha.

Kan dagatamee ykn balaaleffatamaa ture sana qorachuun mul’isuufi kanneen amma jiran ammoo kunuunfatanii dagaagfachuun ammoo dirqama dhaloota har’aa ti.

Kan har’a akka walii galaatti beekamuufi kan naannawawwan adda addaatti raawwataman hanga ammaa kan beekamu dhaloonni ammaa akka baratuufi hubatu, akkasumas kanneen golee Oromiyaa adda addaatti dhokate ykn awwaalamee jiru qorachuun bakka awwaalamee baasanii sabatti mul’isuufi guddisuun nurraa eegama.

Duudhaaleefi aadaa ummata Oromoo saboota biraarraa adda taasisaniifi ummatichi jireenya guyyuusaa keessatti haalaan leessisurratti xiyyeeffachuun gabaabinaan haala kanaan gadiitiin isin dubbisiisna.

Ayyaantuu/Ayyaantota

Warri ayyaantuu jedhaman osoo hinqaallomiin kennaa Waaqaan kan milkooman, waan hojjetaniifi dubbatan kan fiixa bahuuf, kanneen akka maallimaa, waataa, ekerdubbiftuu, moora laaltuu, dhaha dhooftuufi akkasumas deessiftuufi ogeessota caba waldhaanan maqaa dhahuun nidanda’ama.

Maallima

Maallimni gosa Oromoo keessaa tokko ta’an seenaa mataa ofii qabu. Maallimni gosa angafummaafi kennaa addaa Waaqarraa argatanis ni qabu. Kunis yoo eebbisan dhageessifachuufi warra ‘arraba gurraachaa’ yoo abaaran balleessuu danda’aniidha jedhamee amanama.

Akkasumas yoo caamni hammaate Waaqa kadhatanii roobsuufi roobni yoo guddate caamsuuf kennaa addaa warra qabaniidha. Isaan kun naannawa tokko tokkotti caamsituu jedhaman. Kana malees yeroo ongeen hammaatuufi yeroo roobni yeroosaa eeggatee dhaabbachuu dide jaarii bahanii kadhachuun ykn galma warra qaalluutti jifuu barbaachisu guutanii kadhatu. Kun qabatamaan ummata Waaqeffannaan bulu biratti beekama.

Eker-dubbiftuu

Warri kun kanneen lubbuu warra du’ee afuuraan dubbisanii maatiifi qe’eesaaniif dhaamsa ykn gorsa kennan. Yeroo namni tokko maatii keessaa lubbuun dabarte osoo mijuu dhibaayyuu hinbaasiin dura qe’ee warra eker-dubbiftuu kanaa dhaquun dhaamsa ekeraa dhagahu.

Eker-dubbiftuun aara gaayyaa ykn ixaana ilaaluun ekeraa dubbisuuf kennaa Waaqni qoodeef niqaban. Akkasiin ekeraan nama du’ee sun du’aa isaaf/isheef waan sababa ta’e, dhibaayyuu akkamii, eenyu harkaa akka fudhatu, gara fuula duraatti maatiin sun maalirraa of eeggachuu akka qaban dhaamtiif.

Moora Laaltuu

Isaan kunis kennaa addaa kan namni biraa ijaan arguu hindandeenye moora horii, barruu harkaa, siinii bunaa, aara gaayyaafi aara ixaanaa laaluun waan namaaf oodan niqaban. Akka mammaaksa Oromootti “Oromoon ooda bula” jedhama. Fakkeenyaaf warra moora ilaaluun beekaman keessaa naannawa Shawaatti moora naatoo, moora galataa bayyaniifi kan amma lubbuun jiruufi hojii kanaan beekamu Moora Shunee ni eeramu.

Kana malees kanneen harkisaaniifi afuurrisaanii namaaf dawaa ta’u, namoota sababa balaatiin caban waldhaanan, dhukkuba adda addaatiif dawaa kennaniifi rakkina adda addaatiif gorsaafi gargaarsa kennaniifi kkf ni juiru.

Ayyaana

Ayyaanni hiikoo waan hedduu of keessaa qaba. Coraa, milkii, guyyaafi sirna waa ulfeessuu/kabajuufi kkf. Ayyaana jechuun mil’uu Waaqaan kan namni tokko hariiroo uumaafi uumama gidduu jiru hubatu, kan Waaqaan kennamu, kan eenyuyyuu namarraa mulquu hindandeenyeedha.

Ayyaana Waaqaa, ayyaana namaafi ayyaana uumamaatu jira. Waanti hundi ayyaana mataasaa qaba. Ayyaana ofiitiin bula. Ayyaana ijaan arguun hindanda’amu. Ayyaana ayyaanaan beekan malee ijaan hinargan. Nama cubbuu hojjateefi du’e qofaatu ayyaanni irraa godaana. Gaaddidduu dhabeessa ta’a. Ayyaanni safuu eeguun tikfama. Hundeen utubaa Waaqeffannaa kan akka fedhiifi seera Waaqaatti dhala namaafi uumama qajeelchu safuudha.

Safuun seera uumaa jalqaba ture, gara fuulduraattis kan jiraatuudha. Safuun seera hariiroo dhala namaa gidduu jiru, hariiroo dhala namaafi uumama gidduu jiruufi hariiroo waa hundaa, fedhiifi seera Waaqaa eeguudha. Kanaaf, safuun Seera Yayyabaa walitti dhufeenya uumaafi uumamaa qajeelchu, sirneeffamaafi naqatoo uumamaa tiksuu to’atuudha.

Safuu eeguun dirqama jireenyaati. Safuun hintumamu, ni eegama, nikabajama. Safuun waan baay’ee of keessaa qaba. Safuu cabsuu jechuun cubbuu hojjechuudha. Cubbuu hojjachuun immoo, nagaa namootaa ykn hawaasaa booressuudha. Safuun mirgaafi dirqama ummanni ittiin waliin jiraatuudha. Safuun seera Waaqaafi Lafaati.

Booranticha

Boorantichi ayyaana warri abbootii (ayyaana dhiira warra mana bahee) waggaa keessatti yeroo tokko akka amantiitti maatiin ykn balballi tokko qe’ee angafaatti walgahee kabajuudha. Guyyaa kabaja ayyaana kanaa mijuufi dhangaan qophaahu gosa adda addaati. Yeroofi akkaataan itti kabajamu naannawaa naannawatti xiqqoo addummaa qabaatus jifuufi duudhaan guutamuu qabu tokkuma.

Ateetee

Ateeten ayyaana haadhaati. Ayyaana dubartiifi hormaataati. Oromoon kan dhugeeffatu ateetee ayyaana sanyiifi hormaataa kan dubartiin facaafattuudha. Dubartiin ayyaana kana kan facaafattu ayyaanni haadhashee isheefis tolee akka dhalashee qajeelchuuf uumamaan Waaqa kadhatti.

Ateeteen Saddeetatti kabajamti. “Saddeettan Ateetee jedhama”. Kana jechuun waggaa lamatti al tokko kabajamti. Birraa keessa ykn yeroo midhaan (jarmiin) alaa walitti qabamee galu ykn arfaasaa yeroo roobni roobee margi dagaagee loon quufse ykn yeroo sanyiin faca’uu jalqabu ta’a.

Ateeteen loon mataashii qabdi. Loon ateetee jedhamu. Dhadhaa finnan loon sanaatiin sirna ateetee bulfatu. “Waanti hundi Faanshoo Ateeteeti” jedhu. Ateeten ayyaana hormaataa haa taatu malee irra jireessishii bal’inaan aadaa calaqqisiisa.

Wadaaja

Wadaaja jechuun firummaa, aantummaa, walmararfachuu, walii yaaduu, waliibirmachuu jechuudha. Kanas warra ykn maatii tokkotu bulfata. Guyyaa kana ayyaantuu warra dhahaafi faaruu ayyaana kanaa beekan afeeruun Waaqasaanii kadhachaa, faarfachaa, galateeffachaa bulu. Ayyaanni kun bakka tokko tokkotti ayyaana ‘jaalaa’ jedhama. Ji’a ji’aan, waggaatti al lama ykn tokko ayyaaneffamuu danda’a.

Ayyaana Irreecha Malkaa fi Tulluu

Irreechi sirna aadaa Oromoo gamtaadhaan tulluufi malkaarratti ba’anii waaqa kadhatanii, faarfataniifi galateeffatan. Karaa biraatiin Irreecha yommuu jennu hiika (yaada) birootis niqaba. Kunis marga ykn coqorsa sirna ayyaaneffannaa tokkoof ykn araaraaf yoo deemamu harkatti qabatamus ni ibsa. Akkasumas hiikoo gara warra waa beeku bira deemanii namaaf himamu tokkoof kaffaluu (galchuu) ta’uu danda’a. Akkasumas Irreessa jechuun aangessuu jechuus nita’a. Ayyaanni Irreechaa waggaatti yeroo lama birraafi arfaasaa kabajama.

Taaboree/ Ukee

Ayyaanni kun ayyaana ijoollee dhiiraa kanneen umriinsaanii waggaa 16 gadi ta’an waggaatti altokko kabajaniidha. Guyyaa ayyaana kanaa mijuufi cunqoo qophaa’eef erga sooratanii eebbifatanii booda dirreetti waliin bahuun Qaccee dhukaasu ykn wallaansoo taphatu. Yeroofi akkaataan ayyaanni kun ittikabajamu bakkaa bakkatti adda adda ta’uu mala. Kanaaf qorannoo barbaachisa.

Ingiccaa/Qunnii durbaa

Ayyaani kun ayyaana ijoollee dubaraati. Waggaatti yeroo tokko walitti dhufanii ayyaaneffatu. Guyyaa jala bultii ayyaana kanaa shamarran ollaa waliin miidhagdee gara lagaa ykn dirreetti bahuun gosa margaa Qunnii jedhamu buqqifatu.

Dhaqaafi galaa sirboota ykn wallee wallisan niqabu. Galgalasaa Qunnii buqqifatanii manatti galan sana battee dhahu. Inni dhahame kun Ingiccaa jedhama. Ganamasaa ingiccaa kana akkuma duraa gurmuun waliin ollaarra deemuun Ingiccaa utubaa ykn gorroo manaatti hidhu. Yeroo kana dhangaa adda addaa affeeramuun dhadhaas muudamanii eebba fudhatu. Xumurarra Galma Ayyaanaa ykn waltajjii tokkotti walgahanii gamtaan sirna ayyaana kanaa sirbaafi wallee gara garaatiin kabajanii oolu.

Gannii/Qillee

Ayyaanni kun ayyaana looniin beekama. Bakka tokko tokkotti ammoo akkuma ayyaana biraatti fudhatama. Gara Maccaatti akkitti beekamuufi Tuulama keessatti akkasumas naannawa gara kibbaafi bahaatti adda adda ta’uu danda’a.

Guyyaa ayyaana kanaa mooraa looniitti marqaa marquun itti facaafatanii hormaatasaaniif eebbisu. Akkitti waanti kun raawwatu hedduufi bal’aadha. Guyyaa kana Qilleefi Gugsii fardaa taphachuunis ni beekama.

Kana malees ayyaanoti guyyaa lafaa (ayyaana dachii), guyyaa sanyii (jaarii)fi kkf hedduun kan maqaa hindhahiin godinaalee Oromiyaa garagaraa keessatti yeroo adda addaatti kan kabajaman ni jiru jedha nuti toora intarneetiirraa arganneefi kan dubbisnerraa arganne.