ETHIOPIA : WAYYAANEEN MAAF GIBIRA OLIIF GADI DHOOFTI? –

 

ETHIOPIA: WAYYAANEEN MAAF GIBIRA OLIIF GADI DHOOFTI?

19958983_788068501372009_3916184645669153306_n

1. Waayyaaneen Tilmaama Gibiraa kan oliif gadi dhooftuuf daldaltoota humna hinqabne tapha ala gootee dinagdeetiin dursitee saba cabsitee bulchiinsashee dheereffachuufidha. Fakkeenyaf, lafa gabaa guddicha Markaataa’ keessaa akka kanaan saboota biraa duguugdee ariiteetu Ilmaan Tigiraayi qofa dhuunfachiisteetti. Warreen kaan heeyyama isaanii deebi’anii haaromsuu hindandeenyeef cufanii sokkuuf dirqamu. Mee mana Warqee Naannoo ‘PIYAASAA’ jedhamu snaaa dhaqaa daawwadhaa. Ilmaan Tigray qofaan dhuunfatameera. Qaamni Dinagdeen cime tokkommoo cabsee sibituun waanuma beekamu.

2. Qaamonni dantaa biroofi daldala siyaasa qaxxaamuraaf suusa’an tokko tokkommoo waan achi wayyaaneen gootu hunda ofitti micciirratu. Fakkeenyaaf, Miliyoona 20n waan Saatilite Mediya’ cufsiifteef Gibiraan bakka buufachuuf kktktk Yaa xiinxala Waggaa sadii guutuu ittiin mataan Oromoo hadoodee kana. Safuu, …Uummatuma garraamii kana elmachuuf waan hodhamee hindiigamiin hinjiru.

FURMAATA.

1. Uummata oromoo dinagdeen guddachuu isa barbaachisa. Dinagdeen kun kan qabsoo oromoo achi butu; kan meeshaa waraanaa bitu; kan dippilomaasiifi hariiroo biyyoota ollaa faana walitti nufidu kkf. Dinagdee hundumaa Miidiyaaf gadi harcaasnee waggaa kuma 1 har’aa bilisummaa hin eegnu. Waci miidiyaa wayyaaneef fiilmii fakkaata.

2. Uummanni Oromoo biyya alaa jiraatu agoobara siyaasaa tokko jalatti utuu kan dhufu ta’ee ofiisa keessaa namoota amanmoo bakka buufatee hayyoota dinagdeefi abbaa qabeenyaa faana mariyatee humna kaappitaalaan of iajaruu qaba. Yoo xiqqaate utuu guyyaatti namni tokko %1 bilisummaasaaf gumaacheeti, waggaatti meeqa walitti qabuu dandeenya? Ogeeyyiin itti yaadaa; Aktvistoota qabaaxxara xiinxalaatiin NGO ofiisaanii dhaabbachuuf kurkuran kaanmmoo afaan qabsiifadhaa!


TAaajjabbiin Bareedduudha mitiiree?

Dhimma Gibiraa ilaalchisee Ibsi ABO akka kanaa gadii jedha!

NB: Gibiraa fi Qaraxni Bittoota Irroomsu Mormamuu Qaba

(Ibsa ABO)

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n Gibiraa fi qaraxa humnaa olii, loogummaa irratti hunda’e bifa duulaan daldaltootaa irratti fe’amaa jiru ni balaaleffata. Addatti ammoo gibirri humnaa olii kun haa tahu jedhamee daldaltoota saboota biroo daldalaa ala gochuu fi saamicha qabeenya isaanii irratti kan akeekkate waan taheef jabeessee morma. Waan taheef, kanneen gibiraa fi qaraxni humnaa olii irratti jigfame hundi, gibirri baasan mootummaa farra ummatootaa kan cimsu, bittaa meeshaa waraanaa mirga ummatootaa ittiin ukkaamsu bitatuu irra kan oolfamu tahuu hubatuun akka dura dhaabbatan ABOn dhaamaaf. Mootummaan kun hanga aangoo irra jiruttis yaaddoon alatti hojjatanii jiraatuun kan hin danda’amne tahuu hubatuun irratti qabsaa’uun of irraa qaarsuun alatti furmaatni biraa kan hin jirre tahuu ABOn irra deebi’ee hubachiisa.
Akeeka ijaaraa fi deggeramaa, loogummaa fi dantaa gareen hin masakamne, biyyaa fi ummatootaaf tolu dhabamuun Itophiyaa biyya hiyyeettii akka taatee turtuuf sababa tahe. Lammiileen mootummaa jiru irraa abdii dhabuu fi egereen isaanii dukkanaa’uu irraa hariiroon ummatootaa fi mootummaa Impaayera kana bitaa jiru gidduu jiru caalaatti addaan fagaatuu malee walitti dhihaatuu hin dandeenye.
Mormiin saamamuu fi cunqurfamuu diduu irraa babal’ataa jiru impaayerittii gara hin hawwamnetti oofaa jira. Rakkoo siyaasaa furuu irra ukkaamsuun tursuuf yaaluu, kanneen gaaffii haqaa kaasan irratti xiyyeeffatuun of danda’oo akka hin taaneef hiyyoomsuuf tarkaanfiin fudhatamu mormii jiru caalaatti hammeesse malee bu’aa argamsiise hin qabu. Sodaa fi bir’uu uumuu yoo tahe malee, mootummaa abbaa irreef mararfannoo fi deggersa ummatootaa hin argamsiifne. Mormiin jiru jabaataa dhufuu irraa sodaa itti buleen mootummaan kun gama waraanaa, tikaa fi dinagdeen of jabeessee ukkaamsaa isaa itti fufuun akeeka isaa waan taheef, qabeenya saaminsaan argatu kana irratti qisaasuun deegaa fi hiyyummaa irra caalaaf karaa akka saaqu ifaa dha. Karoora baasamu hunda keessatti karaa itti ummatoota saaman karoorfatuun galii gabbifatuuf hojjatuun dhumni isaa bareedaa akka hin taane dhokataa hin tahu.
Itophiyaa Wayyaanee jalatti hojjatanii jiraatuuf, qotatanii oomishatuuf, daldalanii buufatuuf Wayyaanee tahuu feesisa. Dhalootaan kan Wayyaanee hin taane mirga qabu hunda wareegee kan ajajame hojjatuun jilbeenfatee jiraatuuf dirqama. Kan saba isaaf dhimmu, saaminsaa fi cunqursaa irratti qabsaa’u, haqaa fi mirga isaaf falmu, mootummaa Wayyaaneen akka bineensa daggalaatti adamsama. Hammeenyii fi saaminsi daangaa dabre maal akka dhalchu tarkaanfii baroota mootummoota dabranii ummatootaan fudhatamaa turanii fi wayta ammaas Wayyaanee irratti fudhatamaa jiru qalbifatuun gahaa dha.

Waggoota dheeraa Wayyaaneen aangoo irra ture keessatti ummatootni cunqurfamoon miidhaa sirna Wayyaanee jalaa baraaraman hin jiran. Ummatoota Itophiyaa maratu saamicha daangaa alaatiin deega, hiyyummaa fi beelaaf saaxilame. Murni hawaasaa gara garaa irratti xiyyeeffatamee tarkaanfii hiyyoomsuuf fudhatamaa tureen qotataan lafa isaa irraa ari’ame; xaa’oo gatii qaaliin itti gurguramu irraa sangoota gurguree gindoo fannisuun hojii humnaatti bobba’uuf dirqame; buusii adda addaa yeroo gara garaatti gaafatamuun jiraachuu dadhabee kan baqa filate lakkoobsaan danuu dha.

Daldalaan Itophiyaa keessatti shira Wayyaaneen harkaa fi miilli hidhamee hojjatee akka hin buufanne taasifame lakkoobsaan guddaa. Kanneen fuula kanaan duroomanii mul’atan kanneen mootummaa irraa golgaa argatan qofa. Qaraxaan alatti kan mi’a galfatuu fi baafatuu danda’an, gibira hin baasnee dha kanneen Itophiyaa keessatti duroomanii mul’atan. Daldala empaayera Itophiyaa monopliin dhuunfatuun daldaltoota hedduu kan daldalaa ala taasisan, kanneen deggersa mootummaa qaban, hogganootaa fi qondaalota sirnichaa waliin daldalanii dha. Kana irraahis har’a daldaltootni Itophiyaa keessatti mul’atan dhalattoota naannoo tokkoo ti jechuutu danda’ama. Kanneen dhalootaan saboota biroo keessaa mul’atan yoo jiraatan kanneen gibiraa fi qaraxa humnaa olii akka baasan dirqamuu irraa guddina argamsiisuu dadhaban ykn daldala isaanii babal’ifatuu hin dandeenyee dha.

Bittootni Itophiyaa hundi sirna saaminsaa fi cunqursaa diriirsuu dhaan gidiraa ummatootaan jireenya sadoo jiraatuu galii godhatuun aangootti dhufu. Kana irraas murnoota hawaasaa adda addaa gibira humnaa oliin dararu. Fedhii bittootaa daangaa hin qabne guutuuf jecha gibiraa fi qaraxa humnaa olii irratti murteeffamu baasuunis dirqama hojjataa, daldalaa fi qotataa ti.
Yeroo ammaa kana mootummaan Wayyaanee galii isaa saaminsaan guddifatuuf daldaltoota irratti xiyyeeffatee qaraxaa fi gibira humnaa olii akka baasan irratti murteessee jira. Akeekni murtii kanaas maallaqa argatuu qofa osoo hin taane,

1. Daldaltoota dhalootaan saboota cunqurfamoo tahan gibira itti baay’isuun akka daldalaa ala bahan gochuu fi hiyyoomsuun humna akka hin taane gochuu,
2. Daldala dhalattoota naannoo tokkoon dhuunfatamee jiru caalaatti akka isaaniin dhuunfatamu taasisuun magaalaalee addatti ammoo Finfinnee fi naannoo isii to’achuu dandeessisuu,

3. Mootummaan jireenyi isaa abdachisaa tahuu hanqatuu irraa abdi kutatanii qabeenya daldaltootaa ija dunuufatanii saamuun qabeenya alatti baqachiifataa jiran gabbifatuu dha.

Kun egaan ummatoota Itophiyaa hunda irraa murtii barbaada. Murtii SIRNI WAYYAANEE NU GAHE JEDHANII OF IRRAA DARBATUUF SOCHOO’UU.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n Gibiraa fi qaraxa humnaa olii, loogummaa irratti hunda’e bifa duulaan daldaltoota irratti fe’amaa jiru kana ni balaaleffata. Addatti ammoo gibirri humnaa olii kun haa tahu jedhamee daldaltoota saboota biroo daldalaa ala gochuu fi saamicha qabeenya isaanii irratti kan akeekkate waan taheef jabeessee morma. Waan taheef, kanneen gibiraa fi qaraxni humnaa olii irratti jigfame hundi, gibirri baasan mootummaa farra ummatootaa kan cimsu, bittaa meeshaa waraanaa mirga ummatootaa ittiin ukkaamsu bitatuu irra kan oolfamu tahuu hubatuun akka dura dhaabbatan ABOn dhaamaaf. Mootummaan kun hanga aangoo irra jiruttis yaaddoon alatti hojjatanii jiraatuun kan hin danda’amne tahuu hubatuun irratti qabsaa’uun of irraa qaarsuun alatti furmaatni biraa kan hin jirre tahuu ABOn irra deebi’ee hubachiisa.

Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo