Fincila Dargaggoota Oromoo Irraa Maal Baranna?

Screen Shot 2015-12-19 at 12.54.36

 

 

[easingslider id=”3139″]

Fincila Dargaggoota Oromoo Irraa Maal Baranna?

Fincila Dargaggoota Oromoo Irraa Maal Baranna?

Diddaan gabrummaa hanga gabroomfataan jilbeenfatutti, hanga kan gabroome ammoo walaboomutt hin dhaabatu, hin du’us. Mootummaan Wayyaanee qabsoo bilisummaa Oromoo dhabamsiisuuf dhagaa isheen hin gargalchine tokko hin jiru. Oromoon kutaan, gandaa fi amantiin akka wal qoodee walii isaa irratti duulu taasisteetti; hooggantoota garaa isaaniif bulan bitteetti, kanaanis kan ka’e mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo yeroodhaaf laafistetti. Bakka akeekni ishee fudhatama dhabetti waraanaa itti bobbaaftee hamilee ummataa laashessuu yaaltetti.

Garuu yaaliin ta’e hundi qabsicha yeroof laafise malee ajjeesee owwaaluu hin dandeenye. Kanaafis ragaan, diddaa gabrummaa fi falmannaa abbaa biyyuummaa sabni Oromoo fi dargaggoonni Oromoo yeroo addaa addaa fi bakka addaa addaatti bifa qindaawaa hin ta’iniin gaggessaa turani fi jiran dha.Sochiin diddaa gabrummaa dargaggootaa fi barattoota Oromoo Oromiyaa maratti gaggeeffamaa jiru, wareegamani ijoollee Oromoon ta’aa jiru fi ibiddi qabsoo bilisummaa yoom iyyuu akka dhaamuu hin dandeenye – yaaliin mootummaa Habashaa olee bulee firii akka hin qabne – mirkanneessaa jira. Kanaafuu, ummatni Oromoo, beekaan Oromoo, qabsaawoonni bilisummaa Oromoo, akkasuma Oromoonni garaa isaaniif bitamanillee dhugaa dirree jiru kana irraa maal baranna? Fincilli dhuga qabeessi lubbuu ilmaan keenya hedduu galaafate, galaafachuufis jiru kun maal nutt himaa jira?

1)  TOKKUMMAA: Fincilli Oromiyaa mara keessatti ta’e , OROMOON TOKKO kan jedhuu nu hubachiisa. Oromoon sararaa daangaa diinni sarareen adda akka hin baane nutti hima. “Qotee bulaa naannoo Finfinneetu lafa isaa irra buqqa’e nu hin laallatu” hin jenne. Oromootu lafa isaa irraa buqqa’aa jira jechuun tokkummaan walii dirmate. “Ijoollee Ambootu ajjeefame dhimma keenya miti” hin jenne. Obboolota keenyatu ajjefaman jechuun hiree isaan irra gahe hirmaatan. “Dhimmi isaa Shawaa laallata” jedhee kutaan Oromia biroon harka maratee hin teenye. Akeekni diinaa Finfinnee fi Shawaa qofa utuu hin taane, kan inni itti xiyyeeffate eenyummaa Oromoo dhabamsiisuuf ta’uu hubachuun akka ilmaan abbaa tokkootti, akka Oromootti walii dirmatan.

2)  OROMUMMAA: Oromummaan mallattoo eenyummaa Oromoo ta’uu beekuun, diinni Oromoo bakka Oromummaa Itophiyummaa buusuuf abbalaa jiraachuu hubachuun “WAAWUU, NUTI OROMOO; FINFINNEENIS HANDHUURA OROMIYAA ti” jechuun utuu kutaan, gandaa fi amantiin wal hin qoodin harka duwwaa diina meeshaa waraanaa ammayaa hanga funyaanitti hidhate dura dhaabbatan. “Nuti Oromoo, biyyi keenyas Oromiyaa” jechuun maalummaa isaanii fi biyya isaaniif kufan malee, kun Islaama, sun kristaana, kaanimmoo waaqeeffata jechuun falamii eenyummaa fi abbaa biyyummaaf hin kakaane. Hundi eenyummaa keenya booda dhufuu qaba jedhanii ajjeefaman, madaa’an, hidhaman, jireenya dhaban.

Ijoolleen Oromoo yakka tokko malee mirga eenyummaa fi abbaa biyyummaaf waliin ka’anii, wliinis ajjeefamn. Nutihoo, ammas akkuma kaleessaa kutaa koo, ganda koo, amantee koo jenna moo, “NUTI OROMOO, BIYYI KEENYA OROMIYYA!” jennee faajjii ijoolleen Oromoo ajjeefamaniif qabannee wal cina dhaabannee biyya keenya falmanna?; mirga namummaa sarbamne kabajifanna? Deebiin isaa kan hunda keenyaa ta’uu qaba. Have your say!