HUMNI, XUMURA GABRUMMAA HIN MIRKANEESSINEE, BILISUMMAA HIN GOONFATU !!!!!

Screen Shot 2016-04-01 at 1.13.02 AM

HUMNI, XUMURA GABRUMMAA HIN MIRKANEESSINEE, BILISUMMAA HIN GOONFATU !!!!!

Waaqayyoon gaditti Galanni Gootoota keenyaaf haa ta’uuti, Gabrummaatti xumura gochuuf, malaa fi yaada wal gaafachuu irra geenyee jirra. Har’a akka kaleessaa Abbootiin keenya goota turan jennee of ceepha’uu irraa baanee, dhaloota Gootummaa ija keenya duratti galmeessisu argu irra geenye jirra. Dhaloota seenaa qofaa odeessu irra tarkaanfannee, dhaloota Gootummaa Akaakilee isaa wareegamaan haaromsuu danda’e irra geenyerra. Dhalooti Bilisummaa dhiigaan argachuuf muratee, Seenaa Qabsoo waggoota dheeraa geeddaree, Addunyaan akka dhimma isaa kaaftee fala soqixuuf taasisuu irra geenyee jirra. Dhalooti qubee wareegama baasaa jiru kanaan boonuu qofaa osoo hin taanee, Angafoonni fi abbootiin isaanii gaaffii of gaafachuu qaban hedduun akka jiru nu akeeku isaanii qalbifatu qabna. Wareegama isaanitti firii xumuraa gochuuf birmannaan isaanii fardii ta’uu caalaatti qalbifatanii, sochii Fincila Xumura gabrummaa kanatti makamuuf qophaa’uu fi sochii eegaluun akka irraa eegamuu beekuutu nurraa eegama. Gootummaa akaakilee fi abbootii keenyaa Afaan irraa atu nu hin bu’iin, Gootummaa ijoollee keenyaa dubbachuuf ga’uun eebba ta’uus, Gootummaa ofii osoo hin dubbatatiin dabruun qaaniidha jennee of qopheessuun gamnummaadha.

Dhalooti kun tarii akkasumaan itti fufee jennaan, wareegama ol aanaa kafalutti aanee kaa jiru aakuma of tuultootaaf yaaddofnuu, ofiifis yaadda’uu nu barbaachisa. waan nuuf ga’aa ta’een ala baanaan, waan itti seennu keessaa ba’uu akka hin dandeenye beekuun barbaachisaadha. har’a sochiin Biyya keessaa fi alatti gaggeeffamaa jiru, of eeggannoo fi naamuusa badii biraa akka ofitti hin finneef taasifamuun kan masakamedha. Wareegamni gaafa baayyatu garuu, gara gumaatti ce’ee tarii humni siyaasaa Oromoo kamuu sadarkaa tu’achuu hin dandeenye irra ga’uu waan maluuf, hojiileen daddaffiin hojjatamuu qaban ykn qophiileen gama hundaan taasifamuu qaban tokko tokko akka jiran natti mul’ata. Sochiin bara 2000 kaasee gaggeeffamaa jiru kana nu akeeka.Waan barbaannu bira ga’uuf, akka kaleessaa waggaa 30 fi 20 jennee lakkaawu keessaa baanee jirra. Waggoota muraasa booda waa hedduu ija keenyaan arguuf teenya. Tarii qophii taasisnuuf  illee kan nu hin geenye ta’uu mala. Qophiin nu barbaachisu fixachuu fi sochii har’aa adeemsa qindoomina mudaa hin qabnetti ceesisuun heedduu, hedduu murteessaadha.akkamitti? itti deebina.
Mirgi Abbaa Biyyummaa Oromoo fi Bilisummaan Oromoo waan hin hafne ta’uun mirkanaa’ee jira. Faranjootaa fi diinoota keenyallee, wareegama ijoollee fi obbolaa keenyaan mirkaneessinee jirra. Kun haqa. Gootummaa kanatti kabajaa horuuf, wareegamni ijoollee kanaa gammachuun akka xumuramuuf, qaamni hawaasaa fi Siyaasa Oromoo kamuu waan daddaffiin hojjachuu qabanu danuudha. kana booda dogoggorri keessa keenyatti umamuu ykn hanqinni keessa keenyatti mudatu, diina nu balleessuu caalaa kan ittiin of balleessinu ta’aa. Dogoggorri waggoota dheeraaf argaa turre, akka irraa barannuuf nu fayyadeera. Dogoggorri kana booda hojjannu garuu nu dhabamsiisa. Kana beekuun barbaachisaadha. Dogoggorri umamuu jechuun, waan itti jirru irraa dhaabbachuu jechuudha. Waan itti jirruu irraa dhaabbachuun ykn dubbatti jechuun diinaaf human ta’uudha. Yeroo laachuudha. Kun ammoo shakkii tokko malee, akka inni nu irra deemuuf hayyamuudha. Kana gadi fageessinee hubannee wareegama har’aa kunuunfachaa isa caaluuf qophaa’uun barbaachisaadhaa jedheen amana. Gabrummaatti xumura tolchuuf, diina dursanii argamuun barbaachisaadha. miila tokkon gabrummaa keessa dhaabbatanii, miila tokkon Bilisummaa keessa dhaabbachuun gonkumaa hin danda’amu. Gabrummaa awwaaluuf, awwaalcha isaa gadi fageessuun murteessaadha. Biyye irra dibanii deemuun Bilisummaa hin gonfachiisu. Bilisummaa bulee boora’uu tolfachuudha. Kanaaf akka yaadaa fi ilaalcha kiyyaatti yaadoota raawwatamuu qaban tokko tokkoo kaasee hegaree keenya bareechuu yaadeeraa na ofkalchaa!!! haala yeroo ammaa kana waliin yaada gadi fageenyaa kaasuun ni danda’ama. garuu kan ammaaf nu ta’uu qofaan kaasa.
Wayyaaneen akka mootummaatti jiraachuuf murteessaan jabiina ishee osoo hin taanee, laafina Kenya qofaa barbaadu. Lubbuu dheerachuu fi gabaabbachuun wayyaanee, harka OROMOO keessa jira. haalli kun waggaa 10n dura ta’uu hin danda’uu. Waggaa 5 duras hin ta’u. jabiinni Oromoo har’a arginus osoo waggaa ammanaa dura akkas ta’ee jennee dubbachuu hin dandeenyu. Namoonni waa hedduu dubbatu. Waa hedduu tilmaamu. Tilmaamni  fi ibisi isaanii garuu, waana amma ta’aa jiru achi butuu ykn dhiheessuu hin danda’u. Waan har’a ta’aa jiru yerooma isaatu geenyaan ta’aa jira. Waan Oromoon har’a murteeffate kana raawwachuuf guyyaan isaa har’uma qofa. Qalbiin har’aa waggaa 10n dura jiraachuu hin danda’u. tokkummaan har’aa borittis dabruu hin danda’u. waggaa 10 dura atu ta’ee jennee hawwuus hin dandeenyu. Sadarkaa irra jirrutu kana uume.Oromoon waggaa 20 dura waraana 500,000 osoo qabaatee, bilisummaa goonfata jennee amanna taanaan dogoggorre jirra. Waggaa 20 dura Ummataa fi dhaloota qawwee isaaf jedhamee dhuka’uu kan baqatu ture. inni har’aa garuu kan ofiin dhukaasuudha. Kanaaf wayyaaneen kana ijaan argitee waan jirtuuf, keessi ishee isa akka miidiyaa irratti ittiin of dhiiteessituu miti. keessi ishee burkutaa’ee jira. Wayyaaneen Siyaasa Ummata addunyaas ittin gawwamsitu fixattee jirti.. Oromoon ammoo gaaffiin koo deebii hin argannee jedhee iyyaa turee fi shira wayyaanootaan ukkaanfamaa ture, waan ittiin ukkaamamee ciree ba’ee EU seenee jira. Senaataroota Ameerikaaf Ajandaa ta’eera. Kanaaf wayyaaneen ol kaatee gadi deebi’aa jirti. Nuuti ammoo gadi jechaa kan turree ol ka’aa jirra. Seerri umamaa kanatti yeroo dabalamuu bu’aa maalii akka fidu walitti himuun barbaachisaa miti.
WAYYAANEEN SIYAASI ISHEE FASHALEE JIRA:-
wayyaaneen yeroo mootummaa ta’uuf warra dhihaan marii gaggeessaa turtee fi ABOtti karaa cufaa turtee waadaan seenaa turtee lakkoofsa qabaatu baatuus, waa sadiin biyyee nyaattee jirti .
  1. Biyya Itoophiyaa jedhamtu keessatti kana booda sagaleen dhukaasaa hin dhaga’amuu, gaaffiin Ummatootaa deebii ni argataa,
  2. Ummatoonni Biyyatti kana booda gargaarsa jalaa ba’anii , Biyya Dinagdeen of dandeessu taatii, beelli guutummaatti bade, of irra dabarree warra beela’ee daara baafnaa,
  3. Lammiileen Biyyattii kana booda kan Biyyattii keessaa baqatan osoo hin taanee, kan waggoota dheeraaf Biyyaa baqatan kan itti deebi’an taatii
  4. Akka 4ffaati dabalamuu kan danda’uu, Biyyoota Afriikaaf fakkeenya taanee, madda nageenyaa, madda beekumsaa fi qaroomiinaa taanaa jedhame hundumti isaa qabatamaatti jalaa fashalee jira. Kana dhugeessuuf ragaan tokkolee hin barbaachisu. Kun fashaluu isaa kan mirkaneessu, warri waadaa seenteefii turte har’a ifatti ishee sardaa jiraachuudha.
MAQAA GOOLESSUMMAAN SHIRRI WAYYAANEE XUMURAMEE JIRA.
Ilmaan Oromoo wareegama hanga har’atti, addatti yeroo ammaa kafalaa jiraniin, Maqaa Goolessummaan Gaaffiilee Ummatootaa Ukkaamsuuf yaalaa turtee xumuramee jira. Wayyaaneen,  dhaabbilee Siyaasaa ishee dura dhaabbatan ykn gaaffii Mirga Abbaa biyyummaa Ummata isaanii kaasan, warri dhihaa fi Ameerikaan maqaa goolessummaan bara baraaf balleessuuf waltajjii irratti dhiheessaa turte irratti, har’a ofii gaafatamuu eegaluun ishee, xumura siyaasa ishee mirkaneessa. ABOn gaaffii Ummata Oromoo osoo hin taanee, kan namoota muraasaa kaasaa jiraa, ajandaa Biyya diiguu of duubaa qabaa jettee kan iafaajjaa turtee, har’a gaaffiin isaa kan Ummata OROMOO ta’uu isaa dhalooti har’aa wareegama ulfaaataa kafalee mirkaneessee jira. Faranjoonni kana booda kan yaadan, dhibeen biyya Sanaa wayyaanee ta’uu qofaadha. Ummati Oromoo dhiiga ijoolleen isaa dhangalaasaa jiraniin kan dhugeeffatee jiru, Mirga isaa deeffachuuf sochii taasisuu fi diina of irraa ittisuuf tarkaanfiin fudhatu kamuu, Gooleessummaatti kan isa hin ramachiifne ta’uu qofaadha. badii Biyya sana keessatti dhalatuuf kan itti gaafatamu har’a abbaa godhateera. Kun ammoo wareegam qaalii ijoolleen Oromoo kafalaa jirtuun mirkanaa’ee. Seenaa dubbachuu fi sabboonummaa ofii himachuun qofaan miti. wareegama lubbuudhaan dhhugoome. .
ADEEMSI DIPPILOMAASII WAYYAANEE DHUMATEERA:-
Wayyaaneen sochiilee Ummatootaa kanaan dura sababaa adda addaa uumuudhaan dura dhaabbachuu fi kijibuudhaan hojiilee dippilomaasii hedduu hojjachaa turte. Hiriira mormii adda addaa jala deemtootaan qopheessuudhaan, gaaffii warra haqaaf dhaabbatanii haguugaa jiraatte. Dhaabbileen siyaasaa Biyyoota alaa keessatti dhageetti akka hin qabaanneef, maallaqaanis haa ta’uu shira adda addaan, karaa itti cufaa baate. Kun hundi har’a dhumateera. Balballi dhaabbilee mormitootaa fi sagalee Ummatootaa irratti cufamee ture har’a banamee jira. Ajjeechaa fi hidhaan akkasumas reebichi ijoollee irratti, Ummatoota irratti raawwatamu har’a saatalaayitaan waraabamee wayyaaneen akka afaan qabattu taasifamee jira. Gargaarsi karaa dippilomaasii argamu hundumtuu shakkii keessa galee gabaasaan kijibaa ifatti ba’ee jira. Dhiigaa fi sochiin hawaasa OROMOO Biyya alaa har’aa gurra dhaggeeffatuu fi Biyya isa simatu argataa jira. Kanaaf wayyaaneen gama kanaan kasaaraan irra ga’ee danuudha.
WAYYAANEEN SABOOTA BIRATTI MAAL TA’UUF JIRTI ?
Saboonni Biyya Itoophiyaa wayyaaneen sobanii jiru. wayyaaneen Dorsifamaniiru. Oromoon Biyya isaa dhuunfannaan isin liqimsaa jettee waggoota 20 oliif gawwaaffatteetti. Waadaan seenameef hafee, waadaa habjuun beela’anii dheebotaniiru. Jireenya wabii hin qabneen mankaraaraniiru. Kun hundi har’a xumuramee jira. Siyaasi ishee guutummaatti fudhatama dhabeera. Ummatoonni habjuu wayyaanee waggaa 5,5n lakkaa’amuu dhiisanii isa waggaa 30 fi 50 tilmaamanii kan isaan baasu fi dhaloota isaaniif tolu yaaduu eegalaniiru. Hammeenya OROMO irratti raawwattu kun bor isaaniif akka taa’uu hubataniiru. Kanaaf hegaree isaanii tolfataa jiran. kun wayyaaneef balaa guddaadha. Sadarkaa kana irra geenyaan saboonni kun Oromoof humna dabalataa akka ta’an hin shakkiitu. Saboonni kun gama hundaanuu Oromoon walitti bu’uun maal akka ta’ee akka dansaatti hubatanii jiru. gaaffii fi fedhiin oromoo maal akka ta’ee tolchanii beekaniiru. Beeku irra dabranii gaaffii Oromoo kun dhugaa ta’uu itti himuu eegalaniiru. Shirri maqaa daangaa Oromiyaa waliin qabaniin hojjachaa jirtuu gutummaatti bishaan dhugee jira.Kun ammoo, umurii wayyaaneef kan xumuraati jechuudha. Yaadi wayyaanee saboota of bira hiriirsitee Oromoo cabsuuf yaaddee gutummaatti burkutaa’ee jira. Siyaasi gama kanaan eeggatu xumurateera.
WAYYAANEE FI, HUMNA TIKAA, POLISII FI WARAANAA :-
Wayyaaneen jireenyi ishee miidiyaa irra qofa ta’ee jira. Badiin hojjattu hundi ammoo hegaree wayyaaneef akka hin tollee isaanuu beekanii jiru. humnoonni Biyya keessaa hajajamuu diduu fi Ummataaf loogu irraa, humna aga’aazii fi Waraana Somaaliyaa buqqisanii ijoollee irratti bobbaasuun, keessa wayyaanee kan ifa baasuudha. Waraanni har’a jiru ilmaan sabaa keessaa ijaarame. Irra keessa malee , kan qawwee  baatee jiru, ilmaan sabootaati. akkuma isheen humna namaa diigduu, kan humna ishee diiguu fi kan isaa keessatti iajaaru ni jira. Humni kun waan Biyya keessatti ta’aa jiru, Biyya inni eeguuf lubbu isaa kennaa jiru, sirni inni lubbu isaa kennee jiru, maatii isaa maal gochaa akka jiru ifatti argaa fi dhaga’aa jira. Fincilli har’aa kun sirri ta’uu warra dubbachuu danda’an irra ga’uu wayyaaneen argitee jirti. Kanaaf waraanni kun gaaf tokko gara UMMATAA akka goru haqa ta’eera. Humna polisaa fi tikaa hanga dhumaattu sirna jiru waliin yoo ta’an, humna Ummataa jala hin dhaabbatan. Yoo waan hamaan dhufee, Hunda dura kan sirnicha ganee manatti galu isaanii. Maaliif jennaan shirootaa fi hammeenya hojjatan ni beekan. Kanaaf wayyaaneen gama hundaan dhiphuu fi waan qabduu fi dhiisuu keessa jirti. Kan ijoollee waggaa 7 rasaasaan ajjeesisuu fi barattoota kaaraateen akka dhahan taasisu abdii kutannaa kasaaraa kana irraa madduudha.
QABXIILEEN KANNEEN WAYYAANEE KEESSATTI MAAL UUMAN? UMMATA TIGIRAAYI KEESSATTOO ?
Sochiin Oromoo guddachaa dhufuu irraa sodaan wayyaanee keessatti uumee, guyyu mul’ataa jira. Addatti saba Tigiraayi keessatti uumaa jiru ammoo akka malee guddaadha. Warri waggoota muraasa dura adeemsi wayyaanee kun deemee deemee saba Tigiraayi balaaf saaxila jechaa turan balbala isaanii ga’uu himaa jiran. Akka dhaga’amaa jirutti akka saditti jiran.
  1. Warri Angoo irra jiran kan yaadan,
  2. Warra durumaan adeemsi kun itti hin tollee fi ifatti qeeqaa jiran,
  3. Warra Dingdeen isaanii dachee Oromiyaa fi saboota biraa keessa ta’ee ykn warra duroomanii qabeenyaan isaa yaaddeessitu.
  4. Akka 4ffaatti kan ka’an, sabootuma keessatti guddataniif kanneen loogan. Wayyaaneen akkuma ummata Tigiraayiif falmee, saboonni biraas falmuu akka danda’anii fi dhageetti atu argatanii warra jedhan.
Yaadoonni kun saba sanaaf furmaata ni ta’uu? yoo jennee, deebiin isaa, yoo deebii quubsaa rgatan furmaata ni ta’uudha. Yaadoonni sadan duuba irra jiran bubbulee, yaada isa tokkoffaa irratti humna ta’uun waan hin hafne. oduun keessaa muliqaa jiran kana mirkaneessa. Hegareen isaanii yoo isaan yaaddeessee karaa qajeelaa argachuu danda’u. yaadi kun hundi furmaata isaa waliin isaan harka jira. Yoo duubatti deebi’uu Oromoo habjoochaa jiraatu ta’ee, kasaaraa isaanii bara baraa baadhatu. Jabaachuu Oromoo isa dhumaa hin eegnuu yoo jedhan ammoo, filannoon isaanii maal ta’uu akka qabu nu irraa eegu hin qaban. Kana irraa kan hubannuu, caalaatti jabaachuun akka nu barbaachisuudha. Maal keessa jiruu? isa jedhu ilaaluuf keessa isaanii ilaallee malee, isaan qajeelchuuf keessa isaanii ilaaluuf mirga itti hin qabnu. Waan ta’aa jiran irraa garuu jabiina keenya gilgaaluu ni dandeenya. Barreeffama koo har’aa kana irraa kaanee, maal gochuu qabna? akka dhaaba siyaasaatti, akka Hawaasaatti, akka miseensaatti, akka dhuunfaatti, akka beekaatti, akka ogeessaatti kkf jennee wal gorsuuf ammoo kutaa 2ffaatti walitti deebina.

GALATOOMAA !!!

HORAA BULAA !!!!!!!!!!!!!