Ijjolleen Oromoo

_0156855

Ijjolleen Oromoo kan bilisummaa saba isaaniif dhaabatan warra Oromummaa qaban qoofa akka ta’es wal nama hin gaafachiisu. Namooti Oromoodha ofin jeedhan, Oromummaa hin qabne biyya keessaa fi ala jiran tokko tokko meesha motummaa Tigree ta’uun ummata Oromoo fi Adda Bilisummaa Oromoo irratti duulaa jiru. Kaan immoo aadaa kachachalaa, akkasumas dantaa mataa isaniif dhama’u. Kanafu waa’ee Oromummaa fi sab-bonummaa akka gaaritti baruun dirqama dargaggoota Oromoo irra jiru dha. Amma Ijjoo dubbii afur irrattin hasa’uu barbaadada.

Isaanis tokkoffaan uummata Oromoo kan ilaalu, lamafaan Oromummaan maal akka ta’e, sadaffaan Oromummaa fi sab-bonummaan Oromoo hidhata isaan qaban, afrafaan dirqama dargaggoota Oromoo irra jiru kan ilaalu dha. Dura mee waayee ummata Oromoo, jarraa baayyeedhaaf akkaataa issaan itti dinoota ofirraa dhoowwaa turanii fi issaan jaarraa kuudha sagal gara boodaatti humnoota Habashootaa kan faranjiin gargarameen caabe haa ilaallu.

Ummata Oromoo fi Oromiyaa

Ummati Oromoo akka saba tokkootti sirna gadaa jalati of ijaaree waggooti dhibba baayyeef diinoota isaa of irraa dhowwee walabummaan jiraachaa ture. Yeero sana Oromiyaa akka biyaatti ijare. Oromiyaan kan dhalate sirna poolitikaa gadaa jalatti ture. Booda yeero sirni gadaa iddo bayyeetti caacabuun, iddo tokko tokkotti sirni mootii dhalate humni pololitikaa Oromoo laafuu caalqabe. Keessumaa jaaraa kudha sagal keessa sirni mootii Oromiyaa keessaa iddo bayyeeti biqilan sirna gadaa baayyee laffisan. Jaarraa kudha sagal keessa sirni Kaappitaalismii Awurooppaa irraa gara Afrikaatti babalacha ture. Kun Habashootaaf caaraa isaan duraan qabaachaa hin turre kenneef.

Habashooti waggoota dheeraaf humna Oromoo dura dhaabbachuu hin dandeenye qawee, loltootaa fi gorsa faranji irraa argataniin Oromoo dura dhabbatan. Matootii gosaa fi qondaalota Oromoo kan akka Gobanaa Daanciifaa malaan ofitti qabatan. Akka kanaan gara waggaa shantamaa olii Oromoo irratti duulani, Oromiyaa cabsanii biyya Abisiiniyaa kan booda Ethiopia jedhanitti dabalatan. Waggoota shantamman kana keessa Oromoonni miliyoona shanii ol akka dhumaan seenaatu ragaa baha.

Oromiyaa , biyaa Oromoo, diigani bakka baayyeetti qoodanii maqaa adda addaa keenaniif. Shawaa, Haraghee, Wallo, Wallagga, Sidamoo, Arsii, Ilu Abbaboor, Kafaa xaqlaayi gizaati kan jedhuu fi kkf jedhanii moggaasan. Oromoota kaan immoo Gojjaamii fi Tigraayitti kutan. Seenaa, aadaa fi Afaan Oromoo baleessanii ummata tokko iddo adda adaatti hiranii wal lolchiisuu wal jibbisiisuu imaammata godhatan. Har’a illee Oromooti imaammata Habashootaa kanan afaan faajja’an baayyeetu jiru. Yaadaa fi ilaalcha hamaa akkasii amma Oromummaa fi sab-bonummaan bishaatee ijja goodhatutti guutummaatti ballessuun hin salphatu.

Oromooti iddo baayyeeti sirna Habashootaa didanii fincilaa turan. Lolli Rayyaa fi Azabo, Afran Qalloo, Shaggar, Baalee f Arsii, Sibuu, Guduru fi kan biraa fakeenya fudhachuutu danda’ama. Keessumaa lolli Baalee bara jaatamoota keessa turee fi dhalachuun Waldaa Macaa-Tuulama biqiluu sab-bonummaa Oromoof gudina Oromummaaf kara saaqaan. Waldaan Muuziqaa Arfaan Qal’oo kan Dirree Dadhawaatti baruma jaatamoota keessa dhalate gabbina Oromummaaf sab-bonummaf qooda guudda gumaachan. Sochii bara baayyeef iddo adda adaatti deemaa turetu bara torbaatamoota keessa dhalchuu Addi Bilisummaa Oromoof haala aanjesse. Addi Bilisummaa Oromoos karaa ykn boochoo Oromummaaf sab-bonummaan ittiin guddatu babalise.

Egaa warra seenaa kana hin beekne, warra Oromummaa fi sabbonummaa hin qabne dha kan Adda Bilisummaa Oromoo jibbu. Olola hamaa halkanfii fi guyyaa irratti oofu. Jaarmootiin politikaa Oromoo walaba ta’an , kan tokko irraa hafe, hundinuu ABO keessaa bahan. Oromummaa, sab-bonumma fi tokkummaa Oromoo cimsuuf jaarmootiin Oromoo agoobara ULFO jedhamu jalatti of ijaranii jiru. Garuu, jabina isaanii hojiin mul’isuu hin dandeenye. Kanaaf ABOs ana malee isa jedhu dhiisee, jaarmooti Oromoo biraas ABO jibbuu fi abaruu dhiisanii tokkummaa Oromoo jabeessuun diinoota irratti babba’uun dirqama ta’a. Jaarmayaa tokko qofa qabaachuun akkuma abbaa irree (dictatorship) baballisuu danda’u, jaarmootii baayyee qabaachun tokkummaa Oromoo laaffisuu danda’a. Oromoo hunduu kana baree politikaa keenya madala (balance), haqaa, walqixxummaaf dimookrasii irratti ijaruu qabna. Oromummaa, sab-bonummaa, tokkumma fi dimokrasiin hundee poolitika Oromoo ta’uu qaba. Bilisummaan daandi kanaan malee hin dhufu.

Oromummaan Maal?

Oromummaan akka ilaalcha seenaa, aadaa, poolitikaa fi sab-bonummaa Oromootti daandi bilisummaa saaqa. Daandiin bilisummaa kun wanta Oromoon marti wal wajiin qaban irratti ijarama. Oromummaan akka ilaalcha sab-boonummaatti Oromoo humna poolitika taasisuun bilisummaa namummaa (human liberation) goonfachiisuu danad’a jedhamee amanama. Akkasumas akka ummati Oromoo waayee ofi baratee, ummatoota biraa wajjin of madaalee, wanta irra hir’ate guuttatee mirga isaaf garaa guutuun lolatu isa kakaasa.

Oromummaan seenaa, aadaa fi kara bilisumaa Oromoo ti. Kanaafuu seenaa Oromoo isa diinni awwaale mul’isuun, aadaa isaa tuffatame deebisee ijaruun, namummaa Oromoo dhitamee bilisoomisuun, Oromummaa dha. Oromummaan ilaalcha ittiin motummaa fi dhaabbattoota (“institution”) koloneeffattoota Habashaa Oromiyaa keessaa ittin buqqisani dha. Akkasumas ilmaan Oromoo dubartii dhiira, beekaa fi wallaalaa, soreesaa fi deegaa utu hin jeedhin, qomoo fi gosaan laga utuu hin lakaa’in, sirna Oromoo kan gadaa fi “dimokiraasii” haqaan akka ijaaran karaa bana.

Kana gochuuf ummatummaa Oromoo isaa iddo baayyeetti caacabe deebisee ijaara. Poolitikaa Oromoo keessatti gandaa fi laga laka’uun, nyaaphaf meeshaa ta’uun, ummata biraatti of jijjiiruu yaaluun gadi aantummaa ta’uu mulisa. Oromooti wanta akaanaa beekaas ta’e, utuu hin beekin hojjetan waldhaansoo bilisumaaf godhamutti guufu dha. Keessumaa warri poolitika keessa jiran cubbu akkasi irraa of eeggachun dirqama Oromummaa ti.

Orommummaan dhiiga, gandummaa fi laga irratti hin ijaaramu. Kanaafuu biyyummaa, seenaa, aadaa, afaan, bilisummaa fi feedha ummata Oromoo hundaa irratti hunda’aa. Kun hunduu kan ta’uu danda’u yoo Oromoon aka ummata tokkootti of ijaaree jaarmayaa cimaa fi bishaataan geggeefame qofa. Jaarmaa bishaataf cimaan akeeka (policy) ummati Oromoo irratti walii galan baasee ummata irratti hojjeechisa. Jarmoota Oromoo keessaa kana itti dhihoo kan jiru Adda Bilisummaa Oromoo ti.

Ha ta’u malee innis hir’ina tokko tokko qabu irraa kan ka’e bilisummaan Oromoo amma hara’atti bubbule. Wanta hir’ate baruun, waldhaansoo qajeelchuun, dirqama daraggoota Oromoo ti. Tokkummaa Oromoo jabeessuf jaarmootiin Oromoo ULFO keessa jiranis jaarmaa maqaa irra gara jarmaa bishaata fi ciimaatti dafani of geeddaruu qaban. Kana gochuuf Oromummaaf sab-bonummaa hundeefachuu qabu. Addi Bilisummaa Oromoos rakkoo keessa darbeef keessa jiru qoratee, hubatee, dafee of fooyeesuu qaba. Ammaa kaasee akka mootummatti hojjechuu danda’uu qaba.

Oromummaa fi Sab-bonummaa Oromoo

Oromummaan hundee namummaa Oromoo ti. Oromoon akkuma ummata biraa aadaa, seenaa fi afaan ofii qaba. Akkuma ummata kaani aadaa, seena fi afaan isaa eeggachuu fi guddifachuu fedha. Akkasumas ulifina ykn kabajaa isa tikfachuu barbaada. Kana hunda goochuuf yoookis argachuuf beekumsa bilisaa (liberation knowledge) fi jaramayaa Oromoo walaba qabaachuun dirqama. Jaarmayaa walabi kun immoo kan diina cininee madeessuu danda’u ta’uu qaba. Kan hojjidhaan waldhaanssoo Oromoo gara fuula duuratti tarkanfachiisu ta’uu qaba.

Beekumsa iddo lamatti hiruu dandeenya. Tokkoffaan beekumsa ittin nama of wallaalchisan fi gowomsan ittiin bitani dha. Lamaffan beekumsa dhuugaa irratti hunda’ee dha. Beekumsa bilisa malee Oromummaan daagaaguu hin danda’u. Beekumsi bilisa ta’e Oromoon akka ummataatti kaleessa eessa akka ture, hara’a maal keessa akka jiru, bor eessa akka ga’uu danda’u xiinxalee haqaan mulisa. Beekumsi dhuuga ummati Oromoo mootumma gadaa tokoo jalaati aka bula turee, aka gadaan hundee adaa Oromoo fi seena Oromoo ta’ee, aka Oromiyaan iti dhalatee, wayee ilalicha (Oromo world views), wayee “philosophy,” wayee hundee amanti Oromoo siriti nama barsisa. Utu wayee dubbi cicima kana hin barin Oromummaaf sabbonummaa guutu qabachun hin danda’amu.

Aksumas aka mootumman Habashoota faranjoota wajin wali galani ummata Oromooti roorisa turanif, hara’aalee aka iti jiran nuhubachisa. Kana hundumma xinxalani barun Oromummaaf sabbonumma nukeesati dagagasa. Tofta fi tarsimo bishinan walabummaf aka loolanu nugargara; bilisummaa booda Oromiyaa akkami aka ijaru kara nu saqa. Jireenyi halaga jalaa bulu rakisaf xiiphina aka ta’ee nuf mirkaneesa. Biyaa qabachun, bilisummaaf dimookrasi qabachun jireenya guutuf gamachu ta’u nu yadachisa.

Beekumsi bilisa akka Oromooti of tuffachuu jalaa bahani ummatoota biraas fakkaachuus dhiisan gargara. Oromoon ummatoota biraa gadi aka hin taane hubachisa. Ummati Oromoo ummatoota Habashaa fi faranjootaa gadi illee akka hin tane nu barsiisa. Seenaan, aadaa fi amantii Oromoo kan Habashootaa fi kan faranjootaa gadi akka hin tane nuu dhugoomsa. Oromoo Oromummaa guutuu qabu akka nama tokkotti akka of kabaju, ummata isaa ija ulfinaan akka ilaalu nuti mul’isa. Oromummaan dhuugaa jechuun kana ta’usaa nu yaadachisa. “Barchuma ulfinaa abbaatu of jala baata” isa Oromoon jedhu maal akka ta’e nuuf ibsa.

Oromooti Oromummaa hin qabne garuu kabaja ofiifis hin qaban, ummata isaniifis hin qaban. Ummata biraa fakkachuuf halkani guuyaa kaatu. Qarshif jedhanii meeshaa diinaa ta’urraa dubatti hin deebi’an. Kanaaf Oromoon Oromummaa hin qabne biyyaafis ummataafis gatii hin qaban. Kaleessa Oromooti akkasii Amharaa fi Sumalooti ummata Oromoo irrati bobaasaa turan. Har’ a immoo Tigreen maqaa OPDO jedhuun Oromoo keessaa namoota garaaf bulan ijaarrattee kanuma dalagaa jirti. Oromooti akkasi buddeena, horii jedhanii diinaaf ergamuu ykn muuudamuu bira hin darban. Jarri akkasii akka Oromummaan guudachaa, waldhaansoon cimaa adeemun guuyyaan halkan itti ta’a. Boodi isaaniis salphina, badiisa fi rakkina.

Oromoota beekumsa bilisa qabantu Waldaa Macaa-Tuulama bara jaatamoota keessa, bara torbatamaa keessa immoo ABO ijaare. Jaaramayaan bilisa Oromoo aadaan, afaan, seenaan Oromoo awwala keessaa ba’ee akka dagaagu goodha. Namummaa Oromoo isa tufatame deebisee ijaara. Waayee abbaa biyummaa ummata Oromoo barsiisa. Hawaassa Oromoo isa nyaaphi garagar digee garaa fi dudga goodhe akka isan ummata tokko ta’an barisisee, deebisee ijaara. Yoo Oromooti garagar faca’an caalatti akka isaan garbummaaf saaxilaman itti agarsiisa. Seenaa ofii beekuun, afaan ofii dubbachuun, aadaa ofii guuddisuun, tokkummaa ofii namummaa ofii jabeessuun maal akka ta’e ummata Oromoo keessatti hojiin agarsiisa.

Daandii Waldaa Macaa-Tuulama fi Addi Bilisummaa Oromoo baasaniin Afaan Oromoo qubeen bareefamuu calqabe, seenaaf aadaan Oromoo awwalcha keessaa ba’an guddachuu jalqaban, Oromoon baayeen of baranii waayee Oromiyaa fi abba biyumma isanii beekan falmachu jalqaban. Har’a bilisummaa Oromoo dhugoomsuuf barattooti Oromoo waldhaansoo hadha’aa gochaa jiru.

Oromoota lakkbsaan baayyee hin taaneetu Waldaa Macaa-Tuulama fi Adda Bilisummaa Oromoo ijaare. Baayeen issani lubbuu isanii ummata Oromoo bilisoomsuuf dabarsanii keennan. Kan hafan amma illee wadhaansoo hadhawaa kana biyaa keessaa fi alatti itti fuufanii jiru. Jagnoota Oromoo kumaana laka’amantu waldhaansoo bilisummaa Oromoo irratti wareegame. Kanaaf Dargaggooti Oromoo gaheen keenya maal jedhani of gafatanii deebi hatatamaa ofumaan itti keenuun dirqama seenaa isaan irra jiru dha.

Xuumura

Oromummaa f sab-bonummaa qabaachuun fedhii ummata Oromoo eeguun mul’ata. Fedhiin ummata Oromoo maalfa’ii? 1) Nyapha jalaa ummata Oromoo baasuuf of ijaaruu, qabsaa’uu. 2) Tokkumma ummata Oromoo ijaaru, tiksuu. 3) Safuu, namummaa fi kabaja ummata Oromoo tiksuu. 4) Oromiyaa bilisoomsuuf karaa danda’ameen halkanii fi guuyyaa hojjechuu. 4) Ummata Oromoo iddo hundatti dammaqsuu, ijaaru fi akka inni haqa isaf falmatu kakaasuu. 5) Gadaan Oromoo akka inni bifa haaraan ijaaramu gochuu. 6) Waldhaansoon Oromoo walqixxumamaa fi dimookrasii dhugaa irratti akka ammaa kaasee ijaramu carraquu. 7) Rakkina Oromoota gidduu jiru ifatti irratti mari’achuun karaa dhugaan hikuu. 8) Beekumsa bilisa horachun beekumsa cunqursaa hundeen buqqisuu. 9)Afaan, seena fi aadaa Oromoo xiinxaluu, beekuu fi guudisu. 10) ABO fi ULFO karaa maraan gargaaruu.

Fedhi ummata Oromoo dhugoomsuuf, dargaggooti Oromoo of ijaaruuf waldhaansoo ummata isaniif baayee hojjechuutu irraa eegama. Halkani guuyaa barumisatti jabachuun, waayee Oromoo fi biyaa lafaa barachuun dirqama dargaggoota Oromoo ti. Nama waa beekutu biyaaf bu’aa baayee buusuu danda’a. Garuu, barumis Oromummaa fi sab-bonummaa hin qbane oofittummadha. Namootiin tokko tokko maqaaf baratanii har’a meeshaa Tigree ta’an warra Oromummaaf sab-bonummaan sammuu isaani keessa hin jirre dha. Dargaggooti Oromoo yaada yaraa kana akka qomoo, laga, fi amantiin Oromoo hiruu irraa of eeggachuun barbaachisaa dha. Har’a yaadoota salphaa akkasiin kan macha’aan baayeetu jira. Warra akkasii ifatti dura dhaabbachuun dirqama seenaa ti.

Dargaggooti Oromoo jagnooti kuma kumaan laka’aman lubbu isaanii keennuun Oromummaa fi sab-bonummaa akka ijaaran hubachuu qabu. Fakkeenyaaf, jagnoota Oromoo warra akka Haile Mariam Gamada, Mamo Mazamir, Elemo Qilxu, Magarsa Bari, Baro Tumsa, Mohe Abdo, Demise Techane, Nadhi Gamada, Sanbato Lubo, Gamachis/Zakkaariyaas Mulata, Gutama Hawas, Saartu Yusouf, Ibsitu Marga, Aradoola Abdalla, Juukii Bareento, Mohamed Aman, Dr. Temesgen, Lama Warqee, Dagaga Baissa, Ebissaa Adunya, Kasahun Habte, Yoseph A. Batii, Hunduma Kaba, Balcha Tola, Musxafa Idris, Waqo Tola, Terefe Qumbi, Gudisa Anissa, Shamsi Shambo, Zara Shek Bakiri, Sofiya Mohammed, Jaraa Uddessa, Roba Hanale, Bulti Gurmessa, Alamu Kiisii, Mammee Qasim, Kadir Adam, Hassan Rashid, Surur Ismael, Zahari Ali, Chalala Bekele, Tesfaye Nega, Yegazu Edea, Kumala Mirkana, Tesfaye hundessa, Habib Kadir Gobana, Lamessa Boru, Jirenya Ayana, Badhasa Dilgassa fi kan hafan Oromummaaf sab-bonumma dagagasuuf jagnummaan qabsa’anii wareegama seena qabeessa wareegaman.

Egaa dargaggooti Oromoo dhalooti ammaa akeeka isaan wareegamaniif bakkaan gahuuf qabsaa’uun dirqama seenaatu irra jira. Maqaa jagnoota Oromoo hunda asii irratti barreesuuf iddoon hin ga’u. Warra kana fakeenyan kaase. Dhiiga jagnoota kummootaatu har’a Oromummaa fi sab-bonummaan akka lalisu godhe. Oromummaa fi sab-boonummaa bara 1991 keessa ummata Oromoo bira ga’e. Jagnootii baayeetu itti wareegame, hidhame. Tolatti hin argamne. Sammuu Oromoo isa Habashooti laaqan, lasheessan, fi doomisan deebisanii ijaarun salpha hin ture. Har’a illee hojjin kun hin dhumanne. ABOn kana hunda wan hojjeteef uutuba waldhaanssoo Oromoo ta’eera.

Oromoo bilisa baasuf, ABOn dhadhabbii issa baree of fooyeesun dirqama. Dhadhabisa ofii beekee dafee of hin sireesiu taanaan ummata Oromoo bilisa baasuu hin danda’u. Ummati Oromoo marti dhaaba kana ciimisuun, waldhaansoon sireesuun dirqama. Dhaabi kun kan Oromoo maraa ti malee kan namoota geegeessanii qofaa miti. Waldhaansoo keesatti hirmachuun, sirna dimookraasiif seeraan buluun, geeggeessitooti ABO akka Isaayasiif akka Malas ta’urraa ammaa kaafnee dhoowuu qabna. Isaan kabjna, isaan jallanna, garuu akka isan hawa ummata Oromoo maraa irrati hojjeetan mirkaneesun kan keenya.

Seera gadaaf dimookiraasii afaanumaf akka Habashootaa duubbatan hin barbaannu. Amma irraa kaafnee gorsuu fi eeguu qabna. Wanti jennu hunduu hojiin mul’achuu qaba. Seerri hundee Oromummaaf sab-bonumaa ta’uu qaba. Gati seera beekuuf, Oromoon “Seerri ilmoo irra nama marara” jedha. Waldhaansoo keesatti hirmachuun wanta sirrii hin tane qajeelchaa adeemuu qabna. Waldhaansoo ala teenyee komi baayisuun gatii hin qabau. Kana dargagooti Oromoo akka gaaritti hubachuu qabu.

Bilisummaan Oromoo abjuu jagnoota Oromoo har’a dhugoomaa jira. Iti dhihaachaa jirra. Ijoolleen Oromoo baayeen kana hoji irra olshaa jiru. Kaan qawwee qabatee, kaan harka quula dhaabbatee waldhaansoo fininsaa jiru. Ummata dammaqee, of bare, of ijaare du’a hin sodanne kan qabsoo iraa deebisu ykn dhoowuu hin jiru. Motummaan Tigree iyyuu kan beeka. Dargaggooti Oromoo dirqama guuddaa isin irra jiru hubachuudhan ka’uu qabdu. “Kan kunoo jedhan kunnooti hin jedhin hin hafan” jedhama mitii ree! Bilisummaan Oromoo dhiyaachaa jirti, akka isheen daftee argamtuuf halkani guuyaya hojjechutu nu iirraa eegama.

Dargagoota Oromoo Waldaa Dargaggoota Oromiyaa Minnesota keessatti ijramtaniif kan hin ijaramin, har’a as kan jirtan Waaqayyo ija irraa isin haa hambisu! Guddadhaa mul’adhaa. Sochi barattoota Oromoo Oromiyaa keessaa karaa dandeesan hundaan gargaruun dirqama keessan. Waldaa keessan asitti cimsaa waldaan dargaggoota Oromoo adunyaa akka ijaartaniif waamicha isiniif godha. Galatoomaa!