Mootummoota Oromiyaa durii keessaa

Cristofano_dell’Altissimo,_Portrait_of_Lebnä-Dengel._c._1552-1568

 

 

24526927Mootummoota Oromiyaa durii keessaa
 
Guyya har’aas Oromiyaa Kibba Lixaa yaadaan isin geessinee seenaafi mootummoota #Gibee (Shanan Gibee) irraa isin barsiifna. Haaluma kanaan mootummoota nannawaa biraa isiniin qaqqabsiisa .
 
Ummanni Oromoo naannawaa kanaas akkuma ummata Oromoo naannawaa biroo mootummaa mataasaanii hundeeffatanii ofiin of bulchaa turan. Mootummoota Oromiyaa Kibba Lixaa keessaa shanan Gibee isa tokko. Adeemsiifi sochiin mootummoota Shanan Gibee kun bara 1800-1860 gidduu ciminaan olaantummaa qabaachaa turan. Kunneenis: Mootummaa Limmuu, Guumaa, Geeraa, Goommaafi Jimmaa jedhamuun beekamu.
 
Mootummoonni kunneen bakki qubatasaanii laga Gibee gamatti ture. Baroota mootummoota shanan Gibee kana keessa Sadachi karaa Kibbaatiin laga Gibee qabatee mootummoota shanan Gibeetti aanee sochoo’aa ture. Horteen Sadachaa kun mootummoota shanan Gibeetti otoo hin makamiin dura akkuma qubattoota Oromoo birootti sirna Gadaatiin bulaa ture.
 
Ijaarsi mootummoota shanan Gibee kunneen bulchiinsaafi siyaasa baay’ee wal fakkatu of keessaa qabaachaa turan. Mallattoon mootummoota kunneen caalaatti amartii warqii qubatti keewwachuun kan beekaman yoo ta’u, darbee darbees gonfoo baallee guchii mataatti, lootii warqii gurratti kaawwachuun beekamu. Akkasumas eeboo qara lamaa baatanii deemuunis mallattoosaanii isa biroo ture.
 
1. Mootummaa Limmuu
—————-
 
Qubsumni mootummaa Limmuu Bahaan laga Gibee, Lixaan mootummaa Guumaatiin daangeeffamee argama. Gara Kibbaatiin Jimmaan yammuu daangefamu, Kaabaan ammoo naannawaa Guumaafi Geeraa gidduutti argama. Bakki teessuma mootummaa kanaas Magaalaa Saqqaa jedhamun beekama ture.
Hundeeffamni mootummaa Limmuu mootummoota shanan Gibee dura akka ta’es ni himama. Mootichi kun ilma Buukkoo jedhamuuf, Buukkoon ammoo ilmasaa Baffoo (Abbaan Gomool) jedhamu bakka buufachuu wal duraa duubaan Mootummaa Limmuu bulchaniiru.
 
Naannawaa bara 1825tti Abbaan Gomool kan du’e yoo ta’u, ilmisaa Abbaan Boogiboo aangootti darbee bulchaa ture. Abbaan Boogiboo maqaa biroo Ibsaa jedhamuun kan beekamaa ture yoo ta’u, bara bulchiinsasaa keessaa Mootummaa Limmuu siyaasaafi daldalaan baay’ee ijaaree ture.
 
Abbaa Boogiboon amantii Islaamaa waan fudhateef barsiisonni amantii Islaamaa hedduun qubsuma Limmuu keessatti socho’aa ture. Mootiin kun daandii daldalaa babal’ifachuufis hedduu carraaqaa ture. Daandii daldalaa guddaa Goojjamirraa laga Abbayaa cehee Guduruufi naannawa Gibee walitti hidhu kan wal qunnamsiise tureedha.
 
Akkasumas daandii kana dhuunfachuuf hamma laga Abbayaatti waraanaan rukutuu eegale. Gara bahaatiinis Agalloon loluu yoo eegalu, gara kibbaatiin Mootummaa Jimmaa dhiibuutti ka’e. Wayita kana mootummaan Jimmaa Abbaa Jifaaris warana eegale.
 
Mootummoonni lamaanuu waggaa shaniif eddii wal rukutanii booda araaraan lolichi dhaabbachuu danda’e. Haaluma kanan Mootummaan Limmuu ilma moototaatiin waggoota dheeraaf kan ture yoo ta’u, mootummaa kana yeroo dhumaaf bulchaa kan ture Abbaa Gomoolidha. Abbaan Gomol amantii Islaamaa jajjabeessuu malee daangaasaa babal’ifachuuf tattaffiin inni taasise hin ture. Sana boodas ALA bara 1891tti Minilik waraanasaa kan Dajjaasmaach Waldee jedhamuun ogganamu Limmuutti bobbaasee dhuunfasaa jala olchate.
 
Mootummaan kun eddii mootummaa Minilikiin qabamee booda Abbaan Gomol Minilikiin gabbaree buluu eegale. Amantii Islamummaa dhiisuunis kiristaanummaa fudhate. Maqaasaas Fiitawuraarii Dajjaasmaach Sillaasee jedhamun mooggafame.
 
2. Mootummaa Guumaa
——————-
 
Mootummaan kun jalqaba jaarraa 18fafi 19fa keessa akka ijaarame himama. Qubsumni mootummaa kanaa gara Bahaatiin Mootummaa Limmuutiin, gara Lixaatiin qubsuma Iluu Abbaa Booraatiin, gara Kibbaatiin mootummaa Goommaafi Geeraatiin daangeefamee argama ture. Kaabaan ammoo naannawa qubsuma Iluu Abbaa Booraa, Jimmaafi Arjoo gidduutti argama.
 
Magaalaan Mootummaa Guumaa qubsuma Dambii jedhama. Boodarras magaalaan Dambii maqaa Moowwee Guumaa jedhamuun moggaafame. Gosoonni mootummaa kana jalatti buluun beekaman Dagooyyee, Adaamiifi Badii jedhamu.
Mootummaan kun yeroo tokko ijaarsa Sarbaaroodaafi Jiilchaa jedhamuun bakka lamatti qoodamee ture. Ijaarsi Sarbaaroodaa qubata Sayyoo wayita dhuunfatu, Jiilchaan ammoo Dambii dhuunfatee ture.
 
Sarbaaroodaan bara bulchiinsasaa dheereffachaa otuu jiru Namichi adamoodhaan beekkamu Adam jedhamu intalasaa sossobuun fuudhee ijoollee irraa horate. Boodarras namichi Adam kun Sarbaadooraarratti fincila kaasuun aangoo qabate. Bulchiinsasaa keessatti hawaasa amantii Islaamummaa fudhachiisuun Guumaa bulchuu itti fufe.
 
Sana boodas aangoonsaa ilmasaa Jiilchaatti darbe. Jiilchaarras ilmasaa Oonchootti kan darbe yoo ta’u, innis mootummaasaa babal’ifachuuf mootummoota ollaasaa jiran Goommaa, Geeraafi Jimmaarratti lola kaase.
Oonchoon lola ollootasaarratti kaase otoo hin xumurin adduunyaarraa boqote. Erga boqotee boodas aangoo ilmasaa Jaawweetti darbeen ALA bara 1841-1879tti mootummaa Guumaa bulchuu danda’eera.
 
Haaluma kanan aangoo walitti daddabarsaa mootummaa Guumaa bulchaa yoo turaniyyuu, ALA bara 1885tti lola waggaa lamaa mootummaa Minilik waliin adeemsisuun aangoo harka mootummaa Minilik galuu danda’eera.
 
3. Mootummaa Gommaa
——————
Qubsumni mootummaa kanaa Sayyoo jedhama. Boodarras qubsumni kun mootii Abbaa Booqaa jedhamuun gara Aggaarootti jijjirame. Mootiiwwan mootummaa Gommaa wal duraa duubaan bulchaa turan Abbaa Manoo, Abbaa Raagoo, Abbaa Boogiboo, Abbaa Reebuu, Abbaa Morkii, Abbaa Jifaar, Abbaa Booqaafi Abbaa Duulaa turan.
Mootummaan Gommaa shanan Gibee keessaa qabeenyaan kan beekamu yoo ta’u, ALA bara 1886tti waraana Minilik waliin taasiseen waggaa dheeraaf harka hin kennine ture. Boodarra garuu mootummaan Minilik koloniisaa jala olfachuu danda’eera.
 
4. Mootummaa Geeraa
——————–
 
Mootummaan Geeraa magaalaa Geeraa keessatti hundaa’e. Jalqaba magaalaan mootummaa Geeraa Callaa (Gaattiraa) jedhamtee waamamaa turte. Kana malees qubsumni Geeraa qabeenyawwan bosonaa, bunaafi dammaan beekamtuudha.
Mootiiwwaan mootummaa kana bulchaa turanis wal duraa duubaan Tulluu Gonjii, Abbaa Boosoo, Abbaa Raagoo, Abbaa Magaal tokkoffaa, Abbaa Raagoo lammaffaa, Abbaa Magaal lammaffaa, Abbaa Boogiboo, Tulluu Gonjii lammaffaafi Abbaa Boosoo lammaffaa turan.
ALA bara 1887tti gaggeessaa waranaa Minilik kan ta’e Baashaa Abbooyyeetiin booji’amuun bittaa Minilik jalatti kufuu danda’eera.
 
5. Mootummaa Jimmaa
——————
 
Mootummaan Jimmaa karaa Bahaatiin qubsuma Yeemiifi laga Gojabiin yammuu daangefamu, gara Lixaatiin mootummaa Gommaafi Geeraatiin daangefama. Gara Kibbaatiin mootummaa Kafaafi laga Gojabiin, gara Kaabaatiin ammoo mootummaa Limmuutiin daangefamee argama ture.
 
Moototni mootummaa Jimmaa bulchaa turan 19 akka gahanii turan kan dubbatamu yoo ta’u, mootiin inni jalqabaa Abbaa Faaroo jedhama ture. Abbaa Faarootti aanee Abbaa Magaal ture. Mootiin kunis gaggeessaa cimaa mootummaa Jimmaa babal’isuuf baay’ee carraaqaa turedha.
 
Innis ALA bara 1830tti kan boqote yoo ta’u, ilmisaa Sannaan (Abbaa Jifaar) aangoosaa bakka bu’e. Abbaan Jifaar maqaa sadiin Sannaa, Abbaa Jifaariifi Mahaammad Ibni Daawud jedhamuun beekama ture. Innis goota waan tureef humna loltuusaa guddisee daangaa mootummaa Jimmaa haalaan babal’iseera.
Kana malees Abbaan Jifaar mootota gosa naannawaa Jimmaa qubatan hundumaa mo’atee of jalatti galfateera. ALA bara 1844ttis mootummaa Yeemitti duulee mo’ate. Lola yeroo dheeraa tureen Abbaan Jifaar mo’achuudhaan waggoota 25f aangoosaa cimsachaa ture, ALA bara 1855tti addunyaarraa boqote.
 
Wayita Abbaan Jifaar boqotetti ilmisaa inni lammaffaa Abbaa Reebuu abbaasaa waliin waan tureef qubeelaasaa harkaa fuudhee kawwachuun abbaa aangoo godhee of muude. Wayita kana angaftisaa Abbaa Gomool aangoon anaaf mala jechuun lola obboleessasaa lammaffaarratti banee waggaa tokkoof aangoo dhuunfate. Obboleessisaa lammaffaan Abbaa Reebuus humna waraanasaa cimsachuun angafasaarratti lola banuun waan mo’eef, Abbaan Gomool aangoo gadhiisee baqatee biyyaa bahe.
 
Abbaan Reebuu mootummaa Jimmaa babal’isuu barbaadee loltoonnisaa hundinuu lolaaf akka qophaa’an ajaje. Kan hin lollees qabeenyi lafasaa harkaa fuudhamee kanneen lolaniif akka kennamu labsii baase. Laabsiisaa hojiirra waan oolcheef ummataan kan jibbame ture.
 
Waggoota afur aangoorra turettis bara lolaafi falmiin kan ture yoo ta’u, mootummoota ollaasaa waliinis waldhabaa ture. Wayita kana mootummoonni kanneen akka Guumaa, Geeraa, Goommaafi Limmuu walta’anii waranaa kan irratti banan yoo ta’u, ALA bara 1859 lolarratti addunyaarraa boqochuu danda’eera.
Yeroo kanatti ilmi Abbaa Magaal jechuunis obboleessi Abbaa Jifaar Abbaa Booqaan aangoo dhaale. Abbaan Booqaa nama amantii Isilaamaa hordofu waan tureef yeroo bulchiinsasaatti masgiida hedduu ijaarsisaa ture. Quraanni isilaamaas biyya bulchiinsasaa keessatti akka barsiifamu taasise. Haala kanaan waggaa sadii eddii bulchee booda ALA bara 1862tti boqote. Sana boodas aangoon Abbaa Magaal lammaffaa, Tulluu Abbaa Jifaar lammaffaa walduraa duubaan aangoo qabatan.
 
Tulluu Abbaa Jifaar lammaffaas bulchiinsa mootummaasaa cimsee qonnaafi daldala babal’isee ture. Caasaa bulchiinsasaas bakka adda addaatti qooduun aangoo adda addaatiin muude. Fakkeenyaaf
 
Abbaa Duulaa- ittisaa biyyaa kan ilaallatu
 
Abbaa Miizan- kan daldala to’atu
 
Abbaa Kellaa– kan ashuuraafi dhimma alaa hordofu
 
Abbaa Gurmuu- ittaanaa mootiifi kkf turan.
 
Isaan kunneen gadittis bulchitoota gandeenii ta’uun muudaman. Haala kanaan mootummaasaa bifa bal’aatiin ijaare. Masaraansaas sirnaafi qulqullinaan baay’ee beekama ture.
 
Galatooma!
sharii godhii
 
Seena mootummoota nannawa biroos kan akka Leeqa (Naqamtee), Walloo, Gujii( akko mannooyye), Hararii Arsi baalee wallagga shawaa biyyota biraas isiin genya.
By;Quba-Qabduu Bariisoo Waabee
www.maddaseena.com
www.meeshaalee.nl
www.sagaleeoromo.com

 

Country  Ethiopia Region  Oromia
Colleges and Universities  Jimma University, Rift Valley University College

(Oromo: , Amharic: ?), also spelled Jima, is the largest city in southwestern Ethiopia. It is a special zone of the Oromia Region and is surrounded by Jimma Zone. It has a latitude and longitude of 7°40?N 36°50?E. The town was the capital of Kaffa Province until the province was dissolved. Prior to the 2007 census, Jimma was reorganized administratively as a special Zone.

Map of Jimma

Screen Shot 2016-04-06 at 6.12.30 AM

Cristofano_dell’Altissimo,_Portrait_of_Lebnä-Dengel._c._1552-1568

What is now Jimmas northern suburb of Jiren was the capital of a large Oromo kingdom until the late 19th century. Originally named Hirmata, the city owed its importance in the 19th century to being located on the caravan route between Shewa and the Kingdom of Kaffa, as well as being only six miles from the palace of the king of Jimma.