MUHAAMMAD IBRAAHIM HUNDEE (BLUE HORSE BUSINESS MAN)

 

23795733_1330247193771353_2462505165199131758_n copy

SEENAA

MUHAAMMAD IBRAAHIM HUNDEE (BLUE HORSE BUSINESS MAN)

Sabboonaa, Bashaasha, Qabsaa’aa (Waraana Bilisummaa Oromoo (Jajjabee), Daldalaa fi Abbaa Qabeenyaa Dhugaatii Anniisaa qabu (Blue Horse Energy Drink owner) tiin beekama.

Akeeki hundee QBO mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo kan uumaman qabu mirkaneessuu dha.   Mirgi hiree murteeffanna kun mirkanawuun cunqursaa fi saaminsa jaarraa tokkootti xumura godhee yoo danda’ame waltahiinsa siyaasaa walqixxummaa fi fedhii irratti hundaawe ummatoota kaan wajjin utubuu dha.

Bara 1991 aangoon biyya Itophiyaa bulchuu gita bittuu Amaaraa irraa Tigirooti fudhachuun mirgi ummata Oromoo fi ummatoota kaan akka kabajamu hin goone.  Jijjiirran tahe kan kabeebsaa, qabsoo bilisummaa qabbaneessuuf kan godhamee dha. Qabsoo bilisummaaf ummatni Oromoo gaggeessu sirna cunqursaa mootummaa irratti kan xiyyeeffate malee ummata kam iyyuu kan hin ilaalle tahuu ABO irra deebi’ee mirkaneessa. Fedhii irratti hundaawanii,  bu’ura ummatooti bilisa tahan tokkummaa siyaasaa ummachuuf godhan ijaaruuf ABO fi ummatni Oromoo murteeffatanii jiru.

Muhaammad Maatii Qonnaan Bulaa fi Horsiisee Bulaa, Abbaa isaa Ibraahim Hundee fi Haadha isaa Aadde Kuulii Tolaa irraa Godina Arsii Aanaa Roobee Saddiiqaa, Ganda Saddiiqaa, Bakka Qarsaa jedhamutti Gosa Amaallamaa irraa dhalate. Maatii Horii, Re’ee fi Lafa bal’aa qaban warra dureessa (Baala-Abbaata) irraa dhalate.

IJOOLLUMMAA ISAA

Horafa daakee, Biyyee laaqee, akkuma Ijoollee Baadiyaa kamuu; Horii, Re’ee fi Jabbiloota tiiksuun maatiif ergamuun dabarse. Ijoollummaa isaan gaafa waggaa 10n gahu, Konkolaataa fe’uumsaa (Eletiree) yaabbatee biyya bade. Gaafa badu horii bobbaasee yommuu deebi’u, jabbiileen midhaan namaa nyaatte. Ijoolleen warra midhaan jalaa nyaatamee, isa tumuuf deemnaan inni humna isaan irra waan qabuuf Ijoollee tume. Galgala yoo manatti gale na reebu jedhee sodaate. Malli inni malate Gootaraa (Gumbii) Midhaanii keessa seenee buluudha. Galgala Gaabii uffatee mana gadi bahe. Malli inni baafate kan biraa, dhokatee gara maatii firaatti baduudha. Galgala akkuma inni gadi baheen, lafti Birraa gara Bona ture. Halkan Daandii Konkolaataa irratti bahee hafuura Gommaa Konkolaataa afuuffate (fuunfate) laftis akka gaazii gaazii itti dhooftee Makiinaan akka dabre bare. Yoo inni lafa fuunfatu, foolii gaaziitin Konkolaataan akka gadi tare beekee jira. Karaa irratti bahee eegee wayta inni ol deebi’u bakka Gommaa dabalataa (Reserve Tire), qabatee itti marame.

Muhaammad Gumbii keessa seenee hin bulle. Konkolootaa fe’uumsaa karaa irratti bahee eeggachuudhaan, duubaan itti maramee yaabbatee Konkolaataa duuka badiinsa qajeele. Duubaan waan yaabbateef akka hin kufneetti tolchee qabatee ol kore. Yeroo inni gubbaa ol bahu, keessa konkolaataa Kophee moofaan guutuudha. Dooniyaan Kopheen ittiin fe’amu Haadduudhaan ciree, Kophee Madaabaraa duwwaa biraatti guurate. Magaalaa Roobee Diida’aa keessa firri isaanii akka jiru waan dhagaheef achi dhaquu fedhe. Maaltu as si fide yoo jedhaniin, warra keennatu akka Kophee kana gurguradhuuf Magaalaa #Diksiis na ergan mala jedhu itti himadha jedhee malate. Erga mana firaa bulee Booda, Ganama Magaalaa DIKSIIS’tti madaba namaa irratti dhaqee Sharaa buufate. Abbaan Gulliitii (Madabii) itti dhufee iddoo ufii irraa ari’ate. Namni bakka ufii irraa kaasanii ariinaan, Karaa Konkolaataa irratti afate. Kara kana irra gatii Bushadhaan Alaada, Shilingii fi Sumuniin warra Karaa Gammoojjii irraa dhufanitti gurguratee Birrii Itoophiyaa 20 argate. Galgala warra Naannoo isaanii Kaddee Suufaa kan jedhaman kan Makiinaa qaban ilma isaanii Kamuu argate. Konkolaachisaan isaanii Kamuu Kaddee Suufaati. Magaalaa Diksiisitti Kamuun wal arganii gaafannaan Maqaa haadhaa itti himate. Abbaan isaanii hojiif waan deddeemaniif, Maqaa haadhaa Aadde Kuulii itti himate. Kamuun warra isaa waan beekuuf gaafa deebinu Saddiiqatti si buufnaa, kori waliin deemnaa jedheenii akka gargaaraa Konkolaachisaatti fudhatee Itiyyaan fide.

Yeroo san Konkolaataa irraa kufee miidhamuu qofa osoo hin taane, yoo miidhamuu isaa arge, maatiin naan lola kan jedhu sodaa qaba. Maatiin akka naamusaan guddatuuf waan reebaniif /dhaananiif inni immoo, dhaanamuu jalaa bahuuf biyyaa baqate. Itiyyaa erga dhaqanii Baanaa Kamuu irraa fudhate achuma Konkolaataa keessa. Ganama ka’ee isuma waliin Adaamaa dhaqee jalaa miliqe. Kamuun Meeshaa fe’ate Hurutaa Deemee, Hurutaa irraa Roobeen waan deemuuf, uf duuba na deebisa jedhee jalaa bade. Magaalaa kana keessatti na qabanii na galchu, ani asuma taa’ee baradha kan jedhullee mataa keessa na jira jedhee waan ta’eef,  sodaatee Magaalaa keessa jalaa bade. Mana nyaataa tokko hulaa dura dhaabatee wayta namni ol seenuu duuka ol seenee Sirba Iskittaa TV Itoophiyaa irratti taphatamu laale. Kunis isaaf calqabaa arge waan ta’eef, “bada jara kiyya sila namni akkamitti TV keessa seenee Sirba” jedhee tv duuba naanna’ee laale. Yeroo kana Ummanni Hotela keessa #hooh jedhee itti kolfe. Yeroo inni tv laaluu Hidhattoonni gara 5nii gahan shaayii dhugaa TV laalaa jiru. Isaan keessaa ajajaa dhibbaa Waraana Dargii kan ture, #Taaddasaa… itti dhufee “ati eessaa dhufte” jedheen. Muhaammad’is “ani ilma Hidhataa (Wataddaraa) ti” jedheen. “Abbaan kee hoo eessa” jennaan, “Abbaan koo Waraana Xiyyaara (Roophilaa) Asmaraa oofa” jedheen. Taaddasaan amma Muhaammad’n fuudhee Abbaa itti barbaanna jedhee Kaampii Hidhattootaa fide. Borumtumaa isaa buufata Hidhattootaa, Elekooftaraan Bishooftuu (Dabra Zeeyti) fide. Inni achi fidee jennaan Maqaa jijjiiratee itti himate. Maqaa dhugaa yoo itti himate beekamuu danda’a waan ta’eef, Maqaa hidhataa Naannoo warraa ture kan Waraana keessatti qaamaan miidhamee qe’eetti galee himate. Maqaa nama akkasii barbaadanii dhaban.

Muhaammad abbaa hin arganne waan ta’eef, Taaddasaan natu guddifata jedhee fudhate. Taaddasaan Suuqii Lapherraa (Suuq badarat) Meeshaa Kophee itti haxaayan biteefii akka Kophee hojjatu godhe. Kanuma keessa Taaddasaan Mooyyaalee Booranaatti ramadamee, Elekooftaraan fudhatee Mooyyaaleen deeme. Amma achitti Waraanaaf ergamaa ture. Mooyyaaleetti Waraanni Baqattoota lamaa kan Arsii Itoophiyaa irraa gara #Keeniyaa deemaan qabanii biratti tuman. Muhaammad ammas Afaan Oromootin malee, Afaan Amaaraatiin baay’ee hin dubbatu. Bara 1987 – 1989 Keeniyaa keessa ture.

AMALA JIREENYA ISAA

Ijoollummaa irraa kaasee amalli isaa bashaasha fi bohaarsaa ture. Qalbiin isaa qaruutee fi abshaala ture. Taphataa, bashannanaa fi bashaasha tahuun isaa namoota firaa fi ollaa bira darbee, akka namoota biyyoota adda addaatti akka ce’u isa taasise. Tapha isaa keessa KISAARAA Hanzaraarii taphachuun beekama. Hanzaraarii yoo argate, taphachuun mooyata. Moo’ameera jedhee, hin taa’u. Yoo moo’ameellee uffata namaa irraa ciratee taphataanii oolee gala. Erga mooyee boodallee, galgala galee Uffata irraa cireetti hodhaaf. Mana keessatti Hanzaraariin Uffata irraa yoo citte akka inni irraa cire maatiin isaallee ni beeku.

Kutaa 2ffaa… itti fufa..
Galatoomaa! 

Horsiisee Bulaa

23843187_549138132090080_6325006114429665621_n 24058809_549138075423419_5641390801447837943_n

GAAFFIIF DEEBII OBBO MAHAAMMAD IBRAAHIM,ABBAA QABEENYAA “BLUE HORSE”WAJJIIN TAASIFAME KUTAA XUMURAA

 

OMN:Qophii Keessummaa Gaaffiif Deebii Obb. Mohaammad Ibraahim, Abbaa Qabeenyyaa “Blue Hourse” wajjin