OROMUMMAA -> SABBOONUMMAA -> WAREEGAMA -> WALABUMMAA -> OROMOO

images

OROMUMMAA -> SABBOONUMMAA -> WAREEGAMA -> WALABUMMAA -> OROMOO

13322117_231050647280725_5448273053033727367_nQabsoon Oromoo halkanii fi guyyaa xiinxala itti heddummeessinee busheessuuf yaallu, har’aa sadarkaa eenyullee dura dhaabbachuu hin dandeenyetti ce’aa jiraachuu guyyuu argaa jirra. Yaadi Ummataa bifa kamiitu Qabsoo sabichaa milkeessu keessatti shoora ol aanaa ni qabaata. Dhimma Biyyaa kan ilaallatuu mitii, dhimmi nama dhuunfaayyuu yaadaa fi qeeqa dhaggeeffachuun dirqama. karaa walitti argisiisuu fi wal gorsuu irratti humni ejjannoo jabaa hin qabaatiin, eessallee ga’uu hin danda’u. Gama kiyyaan qabsoo Oromoo irratti yaadoota dhihaatan hedduun hordofeen jira. amma beekumsaa fi hubannoo kiyyaa deebii kennufi kanan yaale nin qaba. Yeroo hedduu yaadaa yk qeeqa na raajuu fi deebii itti laachuufillee kan nama rakkisan yennaan arguu callisuun filadha.kanneen keessaa yaadoota na ajaa’ibsiisantu jiru. Namni Oromoo ta’ee tokko, adeemsa qabsoos haa ta’uu, dhaabbilee siyaasaa Oromoo irratti qeeqaa fi yaada adda addaa inni kennuu, kan diinni kennu irraa adda ta’uu dhabuu isaatu na raaja. Yaada qofaa osoo hin taanee, diina caalaa Qabsoo Oromoo fi ABO biyyeetti makuuf jechoonni itti gargaaraman nama rifaasisa. carraa argataniin ammoo diina yennaa qeeqan jechoonni itti gargaaraman hedduu nama qaanfachiisa. keessa koo na guba. Diinni ABO fi Qabsoo Oromoo maaliif jibba ? jibba isaa kana akkamiin ibsata? ? yoo itti milkaa’eef, Qabsoo Oromoo fi ABO lafa irraa dhabamsiisuuf maaliif hojjata ? wayyaaneen, ABOn shororkeessaadhaa jedhee addunyaa daboo kadhachaa ka jiru, waggaa 25 guutuu irratti duulee, hidhaa fi ajjeechaan , Biyyaa yaasuun kkf hojii gonkumaa borillee akka waliin hin jiraanneetti kan irratti hojjatu diinni diina waan ta’eefidha. Kan diina kana waliin dhaabbatee yerooma isaa eeggata malee diinumadha. Akka walii galaatti diinni Qabsoo Oromoo fi ABO akka itti dhiheessachuu barbaadu ifadha. maarree Ilmaan Oromoo akka diina kanaa taanee Qabsoo Oromoo fi ABOtti duulla yoo jedhan , ani kun nagummaa natti hin fakkaatu. Diinni ABOn yoo bade, bara baraafan jiraadha jedhee akkuma hojjatu, ABOn dhabamuun dantaa keenyaaf nu gargaaraa jennee kan yaadinu yoo jiraanne, kunis nagummaa natti hin fakkaatu.Qabxiin biraa anaaf yeroo hundaa gaaffii ta’uu, Namoota waan dabree irraa barachuu hin dandeenyedha. ABOn ega hundaa’ee kaasee, hololli bifa kamiitu irratti hin gaggeeffamiin hin jiru.ABO keessaa ba’anii kan gananii harka laatanis, kan achi ba’anii yk utaalanii dhaaba abo kkf dhaabaniis lakkoofsa hin qaban. ABOn garuu har’ayyuu ni jira. Hololli holola biraan bakka bu’uu malee, fincilanii ba’anii deebi’anii araaramuu ykn waliin hojjannaa malee waan arginees dhageenyes hin jiru. hanga har’atti. Maarree muuxannoo waggaa 40 irraa kan hin barannee yoom baranna ?waan waggaa 40 yaalamee itti milkaa’uu dide, akka midhaan gaadidduu jalatti facaasanii takkumaan ol ba’anii deebi’anii badanii ta’un kun  maaf dhaabbachuu dadhabee ? kana dubbistootaaf dhiisee sababaa Namoota kanaa mata duree kiyyaan wal simsiiseen isaan barsiisuu barbaada. tarii bakka jiran yoo beekan waan miidhaa geesisu irraa dhaabbachuu danda’uu laata ? jedheen mala dhahuufii barbaade.

Qeerroon Oromoo Biyya keessaa Seenaa bara baraa hojjataa jiran ergaa hedduu , hedduu , hedduu jabaa ta’ee nu kudhaamaniiru. Yoo qalbiin jiraateef. Guyyaan Gootoota Oromoo hiikkaa ol aanaa qaba.ebila 15 Gootoonni Oromoo boolla tokkotti akka ajjeefaman kan taasisee, nuuti Amantiin, Gandaan, gosummaan adda mitii , nuuti hundi Oromoodhaa jedhanii waan waliin dhaabbataniif seenaa hin dabarre raawwatanii bara baraan dhala Oromoo hundaa keessatti yaadatamaa jiraatan. kun seenaa qabsoo Oromoo keessatti bakka ol aanaa qaba. Qeerroon Oromoos Seenaa Abootii isaa kana bifa Ilmaan Oromoo boonsuun raawwatanii ykn irra deebi’anii mirkaneessanii jiran. Finfinnee diinaaf dabarsinee hin laannu jedhanii , Amantiin, Gandaan, Gosummaan adda osoo hin ba’iin, Golee Oromiyaa hundaa keessatti wareegama Ulfaataa baasaa jiran . Ijoolleen kun jaallannus jibbinuus, Tokkummaan humna jennee bara baraan dhaadannoo taasisan bira dabranii, Humna Tokkummaa Oromoo Addunyaa irratti mirkaneessanii jiru. bakka jiran wallaaluun heddu nama miidha. Tokkummaan humnaa ! jennee yeroon itti wal kadhannu dabreera. Humna Tokkummaa diinatti argisiisaa jirra. Cabsituun bakkuma ishee haa teessuutii, Biyya Keessaa fi alatti qindoofnee waan barbaannu mirkaneeffachaa jirra. Sammuu waan kanaa hubachuu dhabeetu, ykn wallaaluutuu yeroo hundaa ceephuuf hiriira. Namni maatii isaaf galata hin beeknee , Ummata oromoof galata ni qabaata jettenii hin yaadinaa .Qeerroon sadarkaa maalii irra jiraatee wareegama akka kaffalaa jiruu fi warri nama busheessuu barbaadan sadarkaa maalii irra akka jiran , mee mata duree kiyyaan adda babaaseen isiniif katabaa qalbifadhaa.

  1. DHIIGAAN OROMOO TA’UU :-

Dhalli Oromoo addunyaa kana irra jiraatu dhiigaan Oromoo ta’uu isaa kan harkaa fudhachuu danda’uu hin jiru. yoo abbaan ofirraa mulqe malee. Aadaa , seeraa fi heera Oromoo keessattis , mirga Oromoo ta’uu eenyullee nama irraa mulquu hin danda’uu. Yoo rakkoo qabaate hawaasa keessaa moggeessu malee. Abbaan garuu of irraa kaasuu danda’a. OPDO nni dhiigaan Oromoo ta’an maqaaf Oromoo jedhamu. bitamtummaan , ergamtummaan, diina jala kaachuun, Ummata ofii ganuun, kkf dhiiguma keessaa dhalatanii keessatti kan waliin guddatu miti. qalbiitu waanuma rakasaa akkasiif mo’amee of kenna. Namoonni kun irra jireessi, qalbii keessaa rakkoo qabu. Diinnis namoota akkasii filatee fudhata. Dhiigaan Oromoo ta’ee xiqqoo opdo ykn Nafxanyaa jala kan gore irraa wayyaa kan jedhamu, kanuma callisee jiraatu. Isaa fi yerooma keessa jiruu fi bakka keessa jiruutu addunyaa isaatii. Callisuu isaaniitiin warra ergamtoota irra wayyoodha.Amantiin, Qabeenyaan, Biyya keessa jiraatan irraa, waan isaan barbaadan humna biraa irraa eegu irraa kkf n waa hundaa baqatanii warra jiraatan. Afaan Oromoo ni beekan. Afaan biraas ni beekan. Afaan isaanii Afaan biraan dhiibamun itti hin dhaga’amu. Dhiigatu Oromoo ta’ee malee , aadaan isaanii, jireenyi isaanii kkf halgaa waliin kan badeedha. Kan hormaa dinqisiifachuu fi kan ofiitti warra yeella’aniidha. Bakkuma itti dhihee fakkaatan. Gaddaa fi gammachuun Ummata isaanii isaaniif waa tokko miti. jarri akkasii osoo jiranii , Lammii biyya biraa ta’ee Oromoo ka jaallatu fi Oromoof ka hojjatu yennaa arginu , edaa dhiigaan Oromoo ta’uun qofti ga’aa mitii ? warra nama jechisiisan warri lakkoofsa 1ffaa irra jiranidha. Oromoonni akkasii jaarraa 21 kana keessa jiraachuun isaanii hedduu nama raaja. Waggaa 150 boodallee dammaqu dhabuun isaanii raajiidha.

  1. OROMUMMAA :-

Oromummaan isa dhiiga qofaan Oromoo ta’an irraa adda. Oromummaan dhiiga irra dabree , Oromoo ta’uu mirkaneeffachuuf, waan Oromoon fakkaatuu beekanii ittin buluu fi jiraachuu gaafata. Siyaasa ni hubatan. Waan lammii ofii yaadu qaban. Aadaa , seenaa , Afaan ….saba isaanii ni jaallatan .yeroo tokko tokko aariin ka’aniii dubbatan. Yeroo kaan ammoo keessa ofitti gubachu malee of keessaa baasuu hin barbaadan. Dhimma ummata isaaniif ni quuqaman. Garuu waan quuqaman san sirreessuuf ykn bakkatti deebisuuf murannoo hin qaban.Oromoon eenyun gadi ta’uu hin barbaadan . Oromummaa kan mirkaneessu, Afaan , aadaa , seenaa , duudhaa , safuu kkf beekuu fi ittiin jiraachuu yaaludha. Waan Oromoon Umama isaan  qabu garuu diinaan sarbamee deebisanii ittiin jiraachuu yaaluudha.Addunyaan hundi waan ittin of ibsatu akkuma qabdu, Oromoonis waan ittin of ibsuu qabaa jedhanii falmachuudha. Mirkaneessudha. Gama kanaan Oromummaan jiraatee, Oromummaa kabachiisuuf sochii taasifamu keessatti hirmaachuu fi dhiisuu keessatti kan kufan ni jiru. Oromummaa guuttachuu qofti waan nu takaalee jiru keessaa ba’uuf nu hin gargaaru. Oromummaa guuttatanii wareegama kan sodaatan, Oromummaa guuttatanii sabboonummaa horatanii diinatti dubbachuu kan dadhaban hedduutu jira. Oromummaan dhiigaan Oromoo ta’uu irra taree, Oromoo ta’uu kan jedhuf deebii laachuuf kan tattaafatu ta’uu of keessaa qaba.

  1. SABBOONUMMAA :-

Sabboonummaan Oromummaan jiraachuun duuba kan nama keessatti umamuudha. Sabboonummaan isa amma namoota hedduun ittin of ibsatan kanaa miti. Dhiigaan OROMOO ta’anii, Oromummaa qabaatanii jennaan sabboonaa nama jechisiisaa jedhanii kan of mooksuu barbaadan hedduudha. Sabboonummaan kanaan hin ibsamtu.Sabboonummaa jechuun Rasaasa diina dhahuuf qophaa’ee jechuudha. Sabboonummaan wareegama barbaachisu baasuuf of qopheessuudha. Sabboonummaan isa hin dammaqinee dura ka’ee saba isaaf dhaabbachuuf hamilee fi dirqama guutuu kan qabuudha. Sabboonummaan Oromummaa ofiin boonuudha. Oromummaa irraa diina ittisuuf dhaabbachuudha. Kan ittin of dhaadhessan miti. wareegama bifa kamiitu kafaluuf of qopheessuudha. Namni sadarkaan sabummaa isaa sabboonummaa irra ga’ee, waa’ee saba Sanaa waan itti himanuu, waa’een siyaasaa itti himanuu hin jiru. ofiin beeka. Maal akka barbaachisuu fi irraa eegamu ni beeka. Kanaaf sabboonummaatti osoo hin ceenee, wareegamatti of laachuuf yoo jarjaran qabsoo keessaa dheessuu fi deebi’anii diinaa fi afarsitu ta’uutti gadi deebi’an. Sabboonummaa jechuun waan OROMOO dubbisanii waltajjii dhiphisuun of ibsuu miti. sabboonummaan amalaa fi adeemsa mataa isaa qaba. sabboonummaan waan nu keessa jiruun ibsama osoo hin taanee , waan nuuti hojjannuun, waan nuuti ummata keenyaaf kafaluuf qophoofneen madaalama. Uffata aadaa uffachuun, afaan akka dansaatti dubbachuun, kkf Oromummaa ni mirkaneessan. Sabboonummaa garuu mirkaneessuu hin danda’an. Sabboonummaan Uffata aadaa uffachuu, Afaanii fi aadaa ofiin jiraachuu, Qabeenyaa ofii jiraachuu fi qabaachuu ibsuu qofaa osoo hin taanee, tikisuu waardiyyaa ta’uu, lubbullee kennutti hidhata.waan ittiin Boonan jiraachisuu, lubbu itti horuu faa’aa hammata.

  1. WAREEGAMA :-

Sabboonummaa duuba/booda kan jiru Wareegama kabajaa saba ofiif baasantu jira. Wareegama jechuun bifa hedduu qabaachuu danda’a. inni kun irra jireessa Lubbuu ofii dabarsanii keennu irratti xiyyeeffata. Wareegama qabeenyaa , yeroo, maallaqaa, humnaa kkf hundinuu qabsoo tokko keessatti kanneen barbaachisaniidha. Kun hundi Sabboonummaa irraan dabranii raawwataman. Wareegamuun of kennuu jechuudha. Saba ofiif kabajaa olaanaa qabaachuudha. Ofirra nama jaallachuu, dabarsanii of kennuu kkf of keessaa qaba. wareegamni jireenya qananii keessaa fi wareegamni rakkoo keessaa tokko miti. kabajaan isaan qaban illee garaagarii . akka walii galaatti Sabboonummaan yeroo hundaa hamilee namaaf ta’ee, hanga walabummaa Biyyaatti waan danda’anii qabsoo saba ofii waliin dhaabbachuuf murachuudha.

  1. WALABUMMAA    6.  OROMOO

Qabxiilee hafan kanaa kutaa 2ffaa keessatti itti deebi’a. kana malees ani eessa keessattin ramadamaa jedhaa of gaafadhaati sadarkaa irra jirtan irraa ol butachuun Walabummaatti dhihaachuu ta’uu hubadhaati gama hundaan of qopheessaa. Ani warra qabsoo busheessen ramadeen isinitti deebi’aa. Achi keessaa akka ba’anis abdin qabaa. HORAA BULAA !!!