SEENAA GABAABAA JENERAAL WAAQOO GUUTUU USUU

SEENAA GABAABAA JENERAAL WAAQOO GUUTUU USUU

SEENAA GABAABAA JENERAAL WAAQOO GUUTUU USUU

Gootichi Oromoo Jeneraal Waaqoo Guutuu Usuu , Abbaa isaanii Obbo Guutuu Usuu Cammarrii fi haadha isaanii Aaddee Dhuulloo Alii Hasan irraa bara 1924 Ona madda- Wolaabuu lafa Oda jedhamutti dhalatan. Abbaan isaanii obbo Guutuun ilma dhiiraa (10) fi durba (9) wolumaa
galatti ujoollee (19) qaban turan. Isaan keessaa Jeneraal Waaqo ammoo dubartoota ( 7 ) irraa ujoollee (49) ka horan yoo ta’an , kaniin keesaa (15) lubbuun hin jiran. yeroo ammaa abba dubartii (16) tii fi dhiira (18) wolumaa galatti abbaa ujoollee (34) ti.

Generaal Waaqo ijoolummaa isaanii irraa jalqabanii armi’aayaa, xiiqii fi jibbansa diinaa qabaniif qofa osoo hinta’in Diddaa Gabrummaa tiif faandhooftuu turan.
Bara 1938 ti osoo abbaan isaanii hinbeekin, fuudhanii mana osoo hin bayin gabayanii horii abbaa isaaniitiif obbolleesa hangafaa gurguratanii qawwee bitatan.Sammuun isaanii roorroo gabrumaa fudhataa waan hinta’iniif ijoollee daraboo/hiriyyoota isaanii gurmmeessuun akkasumas gorsu’uun Foolisii mootummaa tumaa turan.
Bara 1943 obbo Muhaammad Gadaa Qaalluu fakkeenna godhachuun Diddaa Gabrummaatti seenan. Bara 1952 akka nama miskiina tokkoo ta’anii uffata Foolisaa nama dhaloota Gosa Raayituu Alii jiloo ka maqaan kirsitaana Shaalaqaa Isayaasi jedhanii mogaafatan
kadhachuun erga ini keneefii booda, isuma uffachuun magaalaa seenanii , kitilaayyota Habashaa sodaachisaa turan. Iccitii dhan gartuulee diinaa irrati tarkaanfii ciccimaa fudhataa turan, bara 1958 Foolisii lama (2) ajjeesan. Baruma kana keessa Foolisoota erga ajjeesaniin booda, gootichi, akkuma tasaa magaalaa Nageelleetti wol gargan. yoo kana , “E-eesa badee?, Atoo Waaqoo !!! “ jedhee gaafata. yoo tana malli qaruutummaa dafee dhufeef. ”Looniin godaanee gammoojjii ture, Damma adii ati jaalttu ka nagaafate kaan siif arge, horii ittiin bitu dhabee fidi” jedheen. Shaalaqaan baay’ee gamaddee ,”xuruu xuruu” Qaaqoo koo!” jedheeQarshii 200 itti kenna. garaa keessa itti kolfaa kiisa kaayatanii birraa deemanii yeroo san rasaasa innaara dachaa lamaatiti guutatee biraa deeme” jetdha.
Ammas baatii tokkoon booda Nageelematti futi wolitti jedhanii . Nagayyumalee utuu hin gaafatin “maali si barbaadaa mitii, damma kee bitee lafa jiraa , horii kraa waan kafalu ittiin feesisuun dhabee “ jedheenii Qarshii 20 amalee irraa fudhate tooftaa kana fakaatu
hedu gargaaramanii diina hifachiisaa turan.
Bara 1962 dhiibaan, gidiraafi ajeechaan mootummaa Habashaa ummata isaanii irratti hammataa dhufnaaf kkf ijoollee gana (10) gadii imaa Helgool Waaqoo. Abdallaa guutuu , Alii Jiloo, Yisaaq Suudee Goobana, Muhaamad Butaa Aagaatiif alii Buttaa Aagaa kkf dhibboota ajjeefaman keessaa haga tokko yoo ta’an , tarkaanfii Mootummaa Aabashaa kana hifachuun ummatin bulchitoota naannooo ka Habashaati iyyate. yeroo kana , dubbii kana nugusicha gayee. Finfinnee irraa Koloneel Taaaddasaa taganiif namin jedhamuuf ajajaa woraanaa kutaa Sidaamoo yeroo sanii koloneel Zawudee Xilahun gadi dhufanii Ummata Oromoo naanoo Nageelee Booranaa
jiru mooraa woraantitti wolit qabuun Rakkoon keesan maali jedhanii gaafatan. yoo tana Ummani woliti qaban hundi rakkoon teena isini:- Biyya teena irrati dhuftanii nu ajjeessaa jirtan, dubartii fi daa’imman teena irra deemitanii fixaa jirtan, Qabeena keena saamitanii kaan barbadeesaa jirtan, namoon isin uf jalati qabatanii nuun ajjeeftaniif nuun saamtan maaliin nuun adda jiran? Nuuf isaan Obboleeyaanii maaliif adda nu baaftan? kana hundaa isintuu nutti fidee lafa teena irraa nuu ka’aa” jedhaniin.
Aangawichi mootummaa kunis yoo dhumaatiif saamicha jalaa bayuu barbaadan lafa tana gadi dhiisaa gama lafa teesaniit galaa. Lafti tun teesanii mitii isin kasafitee jirtee lafti teesan Dhaddacha Warraabiif achii gadii deemaa itti galaa jedheen .yoo ka’uu didan
du’aafi saamichi isin irraa hin hafu amoo huminaanuu hinkaatanii beekadhaa”jedheen.
Dhaddachi Warraabi Magaalaa Dooloo tan Daangaa Toophiiyaafi Sumaalee irraa KM 70 gadi fagaati. Ummani nuti lafti teena tanaa gadi dhiifnee Biyya ambaatti wonti galuufi hinjiruu jedhanii ittii iyyinaan “Maal akka Shimbira ganamaa wol jalaa Ciwu Ciwu”jetu jedhee
R/T waraana banachoon humna itti waamate. Ummanilee garjabummaa diinaa kana waan beekuufi hayee, akka jetanuu haa ta’uu ni kaanaa guyyaa baalamaa nuu kenaa jedhaniin.
yeroo kana Gootichi Ilma Oromoo Waaqoo Guutuu murtii dukanaayaa Habashoon Ummatya Oromootitti kenite kana diduun walgayii keessaa dhiitee yoo bayu Konolleni lamaan aariin ija itti baasuun “kootu Eesa deemita “jedhanii waamani.Waaqoo Guutuu garuu waatokko osoo
hinsodaatin Ija isaanii dura dhufee dhaabate.
Kone Zawudeen “ maaliif murtii mangistii fudhatee lafa tana irra hinkaane?” jedhee lolaan gaafate.Waaqoo Guutuulee dalansumaan maaliif ka’a? lsababaan lafa tiyya irraa ka’uuf maali? Lafa tiyya irraa ka’ii eesa deema? jedhee gaafii gaafiin deebisee gaafate.Habashichis
lafti tun tesanii mitti, wanti irraa kaatuufilee lafti isin kasaftee jirti.Lafti teesan Dhaddacha
Warraabii achiti galaa jedheen.
Waaqoo Guutuulee jechaa isaa kana ajaa’ibuun lafa tiyyatuu na kasasaa? Akaakoo Abaaboon irrati jiraanee adha geenee ammaan dura maaliif nu hin kasasin? amoo isinuu wara laga gamaa nuttu dhufee abaa torbatti (7) fiixaa teeyisan hin beeyine isii irraa nyaatyanii nu
nyaataa jirtan isin hin kasafinee maaliif nu kasafitii?” jedheen.Eergamaan mootummaa kun akka jaba dallanuun adaa atii akka lafti tun nu kassaftu yaada qabdaa? Amaaf san hin argatu murti siif keenname fudhate ni baata moo hin baatu?gaafi tana qoofaaf deebii naa keenni jedheen.
Waaqoo Guutuu obsaan uf qabbaneessuun mee murti san deebii sii kennuun dura waan tokko si gafadhaa na deebis jedheen.”Lafa Kurkurru jedhamtu ta karaan Makiinaa irra bahu tana argite beektaa? jedhee qubaan itti akkeekuun gafatee. Amartichiilee Ee ni beekaa jedheen, Kooba ykn Kuyyiisaa takka tan karaa san keesstti baate yeroo hunda Makiinaan irra deemtaan
diigdaan ta isiin ammoo halkaan maraa ijaaramtee bultu ta ganamaa maraa diiddan argitee beettaa? jedhee gaafate.Amartichilee Ee argee jira jedheen.
Waaqoo Guutuu, “Koobuun sun ganama maraa ni diiggamti maalliif baduu diddee?” jedheen, Amartichiis akkamtii baddii baduu hin dandeettu malee! Makiinaan gubbaa irra qofa diigaa hiddi isii lafa jala jira hiddaan buqqisee hin danda’u kanaaf hin badne jedheen.
Gootichillee dubbiin karaa inni fetdhu dhufuu isiitiif jaboo gammaddee, “Gaari’i kan beekuun kee, waan gudda’a, akka wonti hiddi isaa lafa keessa jiru salphaatti hinbadne atuu beettee lafa ati irraa ka’i, yoo didde siballeessaa naan jettu tana Handhuura tiyyatu jalatti awwaalamee jiraa beeki, lafee abaaboo-akaakoo kiyyaatti keessatti awwaalamee jiraa beeki, awwaala abbaa kiyyaattu kunoo armaan gama Bitaatta jiraa beeki, kanaafuu anillee ammaaf manaa siibayee, lagaa ammoo siif hinbayuu, tana beeka’aa jiraatdhu.” jetdheenii yoo inni socho’u hiriyyichi
isaa Abdullaahii Usmaan Guutuu, duukaa bu’e.
“Gabroomfattootni ammoo ummatchaan guyyaa (7) keessatti akka gadi lakklftanii biyyanaa baatan, murtii tana beekaa,” jetdhanii, gadi furan. Jagnootni Diddaa murtii gabroomfattootaatiin bayan Gannaalleen gama cee’anii, Wolaabu keessatti Kadiir Waariyoo Luugoo, Abdurrahmaan Haroo Abdii, Huseen Harcummaa Boruu, Huseen Abdurrahmaan Jaldoo, Roobaa
Hindukkoo, Taa’oo Iggee Muussaa Dooyaa Jaarsoo, Huseen Waaqoo Dhaddee tiin walqunnamuun, murtii gabroomfataan ummata irratti dabarse kana dura dhaabatchu’uuf qawwee (4) qaban irratti (3) dabalatanii bitachu’uun lolaaf uf qopheessan.
Haala kanaan diinaan lola’aa humna cimsataa deemuun, Soomaalee irraas odeessa argatchuu jalqaban.
Waaqoo Guutuu: Kadiir Wariyoo tii fi Huseen Harcummaa futdhatee, Abdullaahii Usmaan, Muussaa Sheekaa, fi Abdurrahmaan Haroo dhhaamsa waliin biyyatti ol deebisee gara biyya Somaalee socho’e. “Ummata keennaan wal ta’aa, Amaara uf irraa ittisa’aa, hafuura
keennallee nuhordofaa!” jetdhanii Eela Baalantichaatti addaan bobba’uun, bakka bu’oota woraana gosoota:Ajjuurana, Karallee, Gurraa, Garri’ii fi w.k.f-wajjiin walqabatanii Bulahawoon Sommaalee seenan. Worri dhaamsaan biyyatti ol-deebi’ellee, Gannaale “Arba-Gabbaa” bakka jetdhamtutti ummata walga’e kan maanguddootni akka Waaqoo Luugoo, Camarrii
Guutuu, Aadam Jiloo, Muussaa Dooyaa, Ibraahim Qurii tii fi k.k.f keessatti argaman qunnamu’uun dhaamsa isaanii dabarfatin.
Murni gama biyya ollaa deeme, qondaalota Somaale’ee Bulahawoo irratti qunnamu’uun yaada isaanii erga hubatchiisaniin booda, Xayyaaraan Moqadishoo geessu’uun, ajajaa Foolisaa Motummaa Soomaale’ee Kol. Umar Muhaammad H/Masallaa simatee quphachiisuun dhimma
isaan deemaniin erga irraa hubateen booda, gara Jen. Daa’ud Abdullee, M/ra ittisa biyyaatti
geesse.Jeneraaltchillee qormaata fetdhu irratti dhuunfaa fi gamta’aan adeemsisee, haala ummata kanniinii erga hubateen booda, Waaqoo Guutu’uu addatti waamee,”Mootummaan Habashaa: Mootummaa dullatti bara dheeraa bulchiinsa irra turtee, isin dhiisii nutuu
Mootummaan Somaalee humna isaaniin nulolchiisuu dandeettu gayaa hinqabnuu, woraanni mootummaa Toophiyaa guddaa akka ta’e isinuu hima’aa jirtanii waan humna keessaniitii olii kanaan loluuf yaaduu dhiisa’aa, waan sibarbaadchisaa hundaa siif gotdhaa, taa’ll asuma quphatdhuu, taa’ii yeroo itti eggatdhuu,” jetdheen.
Waaqoo Guutuu, mootummaasn Toophiyaa woraana guddaa qaba jetchuun kee dhuga’a, garuu nuti gurmuu guddina isaa dadhabnee usuu hin, meeshaa woraanaa keessattu
rasaasa dhabuu keenbnaaf malee, yoo meeshaa woraanaa argatne, rabbiin gargarsifatnee akka uf irraa kaasuu dandeennu ummata kiyya irraa abdii qabaa, rakko jiru’uu dadhabatdhee biyyaa hinbaanee, laaftee jabaatteellee manuma oo’aa keessaa bayee, amma diina maangudoo, dobartii fi daa’imman teenna bakka hundatti fixa’aa jiru fi qabeenna keenna saamu’uu fi barbadeessa’aa jiru kana hanga dhoofnee uf keessaa baafnu tti jireenni ani mataa mataa kiyyaan argatdhee ittiin jiraatdhu tokkollee naaf hinjiru, mootumma Habasha’aa ‘Guddo’oo’ hindandeettan,” jettu tana akka dandeetnu sitti garsiifnaa, yoo qawwee guddoollee naaf dhabde, rasaasuma Albeenii fi Minishirii naaf kenni,” Ammallee isin obboleewwan keenna tokkoo, rabbiin isin gargaaree, rakko gabrumma’aa hamtuu san jalaa isin baasee, namni miila lamaan dhoqqee seene miila tokko dhiqatee tokko hindhiisuu, nuti miila keessan tokko kan dhoqqee keessatti hafee, dhoqqee gabrummaa habashaa kana keessaa waan dandeettaniin nugargaara’aa, nubaasaa,” jetdheen. Jen. Daa’udillee yaada isaa kana xiinxallu’uun hubatee, “Wonti ati nuun jette,dhugumaa! ammoo nutillee marga qacalee reef baya’aa jiru, nibeektan, wonti guddoon isin gargaarru jiraatchuu dhabaatus, waan humna keennaa isinii gootna, mee hangasiif gama Bulahawoo tti ol-deebi’aatii na’eegaa, “ jetdhee gara kol. Umar deebise.
Guyyaa gabaabaa keessatti kol. Umar jara kaawwan Bulaahawootti gaggeesse. Waaqoo fi Kadiiriin Maqdisho’otti hambise. Isaan ammoo, afaan Somaalee faaratti beeekuu dhabuu irraa kan ka’e, hafuu isaanii kanatti, “Maali’iif nuhambisan?” jetdhanii yaaddayan.
Hedduu rifatan, gaddan. Tanuma keessa Jen Daa’ud guyyaa lammataa Helekooptera ufiitiin Waaqoo fi Kadiiriin Gara Bulaahawootti fudhate. Amma Jen. Daa’ud hooganoota gosoota woraana hundaa waliin jiran walitti qabee, Jen Waaqoon hooganaa isaanii godhee itti file ykn muude.Qawwee Dhoombir (40) Matirayyasii Toomaas (2) fi Boombii (3)
kenneefii, “yoo isin silaafuu woraana Amaaraa hindandeettanii, Mallayyoo Foolisaa ykn hiituma
mudhi’iillee boojitanii naaf fiddan fuula dura waan kanaa olii akka isin gargaaruu fi bifaa fi baay’inni qawwe’eellee kanaa ol akka ta’u waadaa siif gala,” jetdhee gaggeessa. Amma Waaqo nama (3)n qawwee (42) fi boombii (3) fe’atanii galu’uuf gaala barbaadachutti
jiran, Camarrii Guutuu woraana nama (40) qabatee dib-jetdheef. Gammachuu gudda’aan qawwee walii hiratanii, itti gaafatamtoota woraana kaanii wajjiin taa’anii mari’atan. Sochii isaaniifillee maqaa baafatan. “HIZBII” ufiin jetdhan. Namuu gama biyya isaa sosso’e, woraanni Waaqoollee OROMIYAA-BAALE tti qajeele.
Humni Waaqoo Guutuu Oromiyaa seene, maqaa isaa kama qawwee isaa baafate, “DHOOMBIR “ufiin jetdhe.Bara 1963 malkaa Annaa tti seensa ji’a caamsaa irratti woraana Amaara kan isaan gaada’aa jiru, lak. (600) ta’u, shaalaqaa Buzunaan durfamuun waliin walsiman. Lola ganama saa’aa 10:00 irraa jalqabee saafaya booda 2:30 tti adeemsifameen, humna diinaa irraa namni (43) reeffa ta’ee madoon (100) olitti lakkaawamte. Yeroo duraatii fi qawween Oromo’oo akka Amaara ajjeeftu hoji’iin mul’dhatee, deeraa fi ujoolleen daaw’atte. Guyyaa kana qawwee M1 ykn Furgoo (8) kan akaqakuun isaa hinbeekamin (13) booji’an. Shaalaqaa Buzunaan dursa woraana ufii baqatee Bidiretti gale. Gootota Diddaa-Gabrummaatiif bayan keessaa lola kana irratti
goototni (2) woreegaman. Isaanis: Ahimad Muhaammad Baladee fi Nuur Yisaaq Dhaddee turan.
Falmiin bifa kanaan jalqabee bal’dhinaan itti fufee kutaa Baalee wolakkaa ol akkasumas
Sidaamoo koonyaa muraasa gabrummaa Habashaa jalaa bilisoomsee woggaa (8)f bulcha’aa ture. Haluu baafatnaan Hayilee Sillaasee birmachuu meesha’aa fi beektota faranji’iitiin gargaaramee garjabeennaan hamma bar a1969 ummata Oromoo beeraa fi ujoolee (315)
qilee keessatti fixuun diniina ummatatti kenne.
Kunis:-
“WAAQOON FIDUU, YKNf AMMOO
UMMATA HARKA ISAA BOOJUU JIRU KEESSAA
DHIIRA UMURII (15) OLII JIRAN FIXUU”
jetdhee maanguddoota waamu’uun itti hima. Dhiibba kana irraa kan ka’e,”anaaf jetdha lubbuun ummata kiyyaa hindhabaminii.” Onkololeessa 1970 Motummaa H.D tti harka kennatan.
Haaluma kanaan, gootichi Waaqo qoratamanii Nugusicha waliinillee dubbatan. Badii biyyaa irratti raawwatameef gutumaa-guututti tan mootumma’aa ta’uun itti walii galamee, amma booda biyya waliin bulchina,” jetdhan. Aango’oo fi bulchaa llee mirkaneessanii fii Jen. Waaqollee biyyatti deebi’an. Hga dhuma 1975 biyyuma keessa turanii 1976 humna woraana Soowraa Ykn
Jaanaddee ijaaramee ol bobba’e Magaalaa Bidiree keessaa bahuun isaaniitti makaman. 1976-1983 ittigaafatama adda-addaa irratti humna Soowraa hoogganaa turan.
– Ajajaa woraanaa ta’uun,
– Itti gaafatamaa dantaa haajaa alaa ta’uun
– Itti aanumma’aan gaggeessa’aa turan.
Akeekni Jen. Waaqoo Bilisummaa Ummata Oromooti. Kunis kan mirkanaa’u tokkummaan Ummata Oromoo yoo eegame jetchu’uun, Dhaaba Adda Tokkummaa Bilisummaa Ummata
Oromoo /ATBUO/ bara 1989 ijaaranii dura bu’ummaan hooganaa turan. Bara 1991 Motummaan Dargii jige,”rakkinna Ummata Oromoo karaa nagayaatiin haafuramuu,”jetchuudhaan Mootummaa cee’umsaatti dhaabilee dabalaman keessaa jaarmayaan Waaqoo Guutuu isa tokkoo dha. Diinni qoosaa hinbeekuu, murtii nagayaa diignaan isaanis bara 1992 chaartera keessaa bahanii qabsootti deebi’an. Bara 200 tti humnoota
Oromoo qindeessuun /ULFO/ dura taa’ummaan gaggeessanii jiru. Waldhabbii jaarmayaalee Oromoo jidduu jirus furuuf qoodda goddaa kennanii jiran. Dhaamsa Ummataa dura taa’ummaan gaggeessanii jiru. Waldhabbii jaarmayaalee Oromoo jidduu jirus furuuf qoodda goddaa kennanii jiran. Dhaamsa Ummataa ergan keessaas, “Yaa ummata keenna gaafa beekaan hinheddumaatin waljala yaanee, diina keenna uf irraa dhoofne. Ardha ammoo, beekaan heddummaatee, waldhagayuun dhabamtee, ummata keennaallee waa gotdhuu hanqatne. Ardha tokko ta’aa
jirra, dhaabbilee Oromoo (6)n walii galtee uuma’aa jirra, Ummatni keenna waan guddaan gadii baanaan nu eegaa jiraa—mee gaara dorrobe nuhingotdhinaa. Bara durii gaarri dorrobee maal dhala jetdhanii uduu eegan, lilmmoo dhale, gaara dorrobee lilmmoo dhale nuhingotdhinaa,” jetdhanii ummata isaaniitti dhaamatanii turan.
Amma ammoo, fayyaa irraa kan ka’e dadhabanillee, bakka ciisaniiyyuu waanuma bilisummaa Oromoo wirdii gotdhan amriin tarabbiiti dhaamsa isa dhumaallee dabarfatanii gara mana isaanii kanumaruu irraa hinhafneef godaananii jiru.
DHAAMSA:-
Tokkummaa keessan diinni isin hindiigin! Namni mana tokko ijaaru citaa walhinsaamuu,
-BEEKKADHAA!
-TOKKUMMAAN TIKSAA!
-TOKKOOMTAN MALEE BILISUMMAAN HINDHUFUU!
-TOKKO TA’AATII BIYYA KEESSAN BARBAADAA!
ANI WAAN QOODA KIYYAA UF IRRAA GEESSEE BIYYA
KEESSAN HINGATINAA!
Jeneraal Waaqo ji’a (3)n darbaniif dhukkubsata’a isaanii yaalachaa turan. Kana nuu dhaamuudhaan Gurraandhala bultii sadi bara 2006 addunyaa tana irraa deemanii jiru.
Nutis, “Guutuu ummata Oromo’o, Jaallan qabsaawota isaanii fi maatiin isaaniillee, rabbiin nama jeeynataa isaaan haagodhuu, isiniifillee jajjabinaa fi obsa isinii haakennu,” jetna.
KOREE GAGGEESSITUU IRRAA