Sirna Gadaa

asoosama-622x330

Sirna Gadaa

Abbootii GadaaUmmanni Oromoo aadaa bal’aafi dagaagaa ta’e heddu qaba. Kanneen keessaa aadaan Sirna Gadaa isa tokko. Gadaan sirna ittiin bulmaata ummata Oromooti. Sirni kunis bakka adda addaatti haala adda addaa qabaachuu nimala. Ta’uyyuu garaagarummaa irra tokkummaa isaatu caalee mullata. Fakkeenyaaf, kan gara Booranaa yoo fudhanne, sadarkaa ja’aafi sanaa ol qaba. Isaanis Kuuchuu, Raaba, Dabballee, Doorii, Lubaafi Gadaa jedhamanii beekamau. Gara Shawaatti ammoo Ittigala, Dabballee, Foolleefi Luba jedhamanii beekamu. Kun kan nutti agarsiisu sadarkaas ta’ee, haalli Sirni Gadaa itti geggeeffamu garaagarummaa laayyoo qabaachuu isaati. Karaa biraatiin ammoo sirni guguddaan haaluma tokkoon kan adeemsifamu nijira.

Sirni Gadaa adeemsa mataa isaa qaba. Fakkeenyaaf yaa’ii Oromoonni odaa jalatti godhatan keessaatti Abbaan Bokkuu karaa mirgaa yoo taa’u, qondaaltonni kaan karaa bitaa akka hangafummaa lammiifi umrii isaaniitti walitti aanuudhaan taa’u. Mariinis yammuu adeemsifamu, kan dubbatan hangafaafi quxisuu umriin waleeganiiti. Namoonni yaa’ii kanarratti argaman hunduu yaada kennuufis ta’e murtii dabarsuuf ilaalcha isaanii ibsuuf mirga guutuu qabu. Garuu murtiin “garee taayitaa gubbaa jiruun” tokkicha darbinaan hojiirra oolchuun garee hawaasa sanaati. Egaa yeroo Abbaan Bokkuu haaraan filatamu akkanumatti geggeeffama. Filannoon yaa’ii sanaan geggeeffamu Abbootii Bokkuu darban keessaa isa umriin hangafa ta’een yammuu ta’u, kennaa sagalee gaafa sanaa kan too’atan luboota taayitaa gad lakkisuuf qophii irra jiran. Namoonni tokko tokko lammii irraa filatamanii akkuma baayyina ummatichaatti bakka bu’uudhaan ergamu.

Haala adeemsa filannoo kanaan luboonni mo’atan guyyaa shanaffaatti taayitaa luboota darban irraa fudhachuun sadarkaa Abbaa Bokkuutti darbuuf ayyaana “Dagaagaa” jedhamu qopheessu. Ayyaanni kun kan dhangaan itti nyaatamee dhugamu, akkasumas waan mo’ataniif kan itti gammadamu. Odaa jalatti walgahiin godhamee aangoon Abbaa Gadaa haaraatti dabarfama. Barri haaraan nijalqabama. Abbaan Gadaa inni darbee Bokkuu (Baallii) Abbaa Gadaa haaraatti kenna. Geeddarri aangoofi mootummaa walharkaa fuudhuu Bokkuutiin erga xumurame booda, mootummaaniifi qondaaltonni haaraan yaa’ii caffee sanaa irratti “seeraa haaraa” waggaa saddeettan dhufan ittiin biyya bulchan tumu.

Mariin seera tumuu osoo hin jalqabiin,Abbaan Gadaa inni haaraan buttaa qalee baala jiidha muka magariisaa irraa cabe dhiiga korma qalame keessa cuubee yaa’icha gidduu dhaaba. Aarsaan dhiiga sanaa ummanni Oromoo dhiigaafi hiddaan tokko ta’uu isaa ibsa. Baalli jiidhaan nageenya, dureessummaafi walhoruu ummata Oromoo ibsa. Marii kana irratti miseensonni hundi akka hangafummaa isaaniitti waleeganii yaada isaanii kennu. Yaanni gumaa qabu yoo dubbatame, alangaa quwaasuudhaan yaada bayeessa dubbachuu isaa calaqqisiisu. Namni hojiidhuma kanaaf ramadame jira.

Adeemsa marii seera haaraa irratti godhamu kun dargaggootaaf bakka itti dubbii dhaggeeffachuu  baratan ta’ee tajaajila. Mammaaksa, hidda dhalootaafi seenaa isaanii wayitii dubbatamu dhaggeeffachuudhaan, dooyaa itti baratan taasifatu. Xumura dubbii irratti namni hunduu yaada isaa guduunfuuf qabxiilee irra darbe yookiin irraanfate yaadatee akka ibsu yeroon nikennamaaf. Caffichi seera irratti marii isaa yeroo xumuru, Abbaan Gadaa haaraan sun garee isaa wajjin ummatas bakka bu’uudhaan waaqa kadhatee, eebbisee, keessummoota dhufan geggeessa.

>
Facebook