Tokkummaa jechuun maal jechudha?

Tokkummaa jechuun maal jechudha?

Waxabajjii 24, 2014 | Dhugasa Ibsa Irraa

Waa’een tokkumma yeroo baay’e ni dubbatama, garu hojiitti hin hiikamu maaliif?
Sababiwwan gurguddoo akka kanaa gadiitti kaasuuf ni yaala:-
1. Hiika tokkummaa sirritti beeku dhabuu
2. Faayidaa tokkummaa hubachu dhabuu
3. Qaamotiin tokkummaa ijaaru barbaadan hundee isaani wal-hubachu dhabuu
4. Qaamotiin tokkummaa ijaaruu barbaadan fedhii qofa qabaachu fi dandeetti dhabuu
5. Qaamotiin tokkummaa ijaaru barbaadan Obsa fi wal-danda’u dhabuu
6. Qaamotiin tokkummaa ijaaruu barbaadan wal-amanu dhabuu
7. Dhiibbaa fi tooftalee qaama alaa irra irratti gageeffamu fi kkf

1) Hiikaa tokkummaa sirritti beeku dhabuu

Tokkummaa haala baay’een ibsuuf yoo danda’ame iyyuu ani yaada kiyyaa gabaabinaan ibsuuf haala kanaa gadiitin qoodeen ibsuuf ni yaala.
1.1 Tokkumma namoota dhunfaa
1.2 Tokkummaa garee
1.3 Tokkummaa Sabaa
1.4 Tokkummaa Biyyaa

1.1 Tokkummaa namoota dhunfaa

* Namni kamiyyu (dhiira, Dubartii, Jaarsa, Dargageessa fi Ijoollee) fedhii fi dandeetti mataa isaani dhuunfaatti ni qabu.
* Haadha fi abbaa tokko irra yoo dhalatan iyyu garagarummaan fedhii fi dandeetti jirachuun isa hin hafu.
* Kanaafu namni kamiyyu maatii isaa keessttis ta’e hiriyoota isaa wajjin gammadee nagaan jirachuu fi gara fuula duratti tarkanfachuuf garaagarumma dhuunfaan qaban akkuma jirutti eegani kan namoota biros kabajuun tokkummaa ijaarachun waliin jiraachu fi tarkanfachu danda’a.
* Fakeenya- jireenya maatii wajjin, hiriyaa wajjin, firaa wajjin, ollaa wajjin, fi kkf ta’u danda’a

1.2 Tokkummaa garee

* Namootni dhunfaa fedhii fi dandeettii adda addaa qaban faayidaa dhuunfaa isaaniitiif carraqiin mataa iaani qofa galma isaan barbaadan kan isaan hin geesifne yoo ta’ee namoota biro wajjin galma waliini baafachuun tokkummaa garee uummachuun waliin tarkaanfachu danda’u.
* Galmi gareen tokko baafachu danda’u gamoota namootni dhuunfaan qaban hunda hin hammatu.Galmoota namootni dhuunfaan qaban keessa galmoota hanga xiqqoo ta’ani fi yeroo gabaaba ta’an qofa ta’u danda’a.Kanaafi tokkumman garee yeroo baay’ee diigamu kan danda’uuf
* Fakeenya-Waliin hojjechuu (Shariika daldalaa dhaabbatani waliin daldaluu,Waliin oomishu, waliin waldaa adda addaa dhaabbachu) kkf

1.3 Tokkummaa Sabaa

Tokkumman sabaa tokkummaa namoota dhunfaa fi tokkummaa garee kan of-keessatti hammatu yoo ta’e iyyuu tokkummaan sabaa kan adda isa godhu qabxilee baay’ee kaasuuf ni yaala.

1ffaa:- Tokkummaan sabaa- bu’urri isaa fi hundeen isaa tokkodha. Fakeenyaaf- Hundeen saba Oromo abbaa tokko irra uumame, Innis nama Oromo jedhamu irra madda jechudha.

2ffaa:- Tokkumman sabaa -Sirna bulchinsa mataa isa ni qaba. Fakeenyaaf -Oromon Sirna bulchinsa Gadaa ni qaba.

3ffaa:- Tokkummaan sabaa -Afaan ittiin waliif galu Afaan tokko ni qaba.
– Fakeenyaaf Oromon Kaaba hanga kibbatti fi Bahaa hanga Lixatti Afaan Oromotin waliif ngala.
– Loqodaan xiqqoo garagarummaa qabaachuun hundee tokkummaa oromo diiguu hin danda’u.
– Garaagarumman loqodaa Baayina uummataa fi balina qubsumaa irra uumamuu danda’a.
– Garaagarummaan loqodaa xixiqoo jira kun immo miidha osoo hin taane faayidaa gudda akka qabu raga bahama jira.
– Fakeenya gabaaba kaasuuf-Yeroo aadaan sirbaa Oromiyaa mara irra tartiiba tartiibaan waltajjitti yoo dhiyaatan Televishini jalaa hin deemin nama jechisiisa.
– Loqodni adda addaa yeroo afaan Oromotin dhiyaatan akka Nadhii Dammaa ni mi’awaa male hin quufamu.
– Kuni immo Saba oromo qofa biratti osoo hin taane sabootaa fi sablamoota Itoophiaa keessa jirani fi Namoota Biyya alaa hunda hawwataa jira.
– Kun fuula dura irratti hojjetamnaan tuuristoota harkisuun Oromiyaaf galii guddaa akka galchuu danda’u abdii gudda ni qaba.

4ffaa:- Tokkummaan Sabaa-aaadaalee bu’urri isaa tokko ta’e ni qaba.

– Kana jechuun aadaa jireenya hawaasummaa (Wal-dirmachuu, wal-gargaaru, walii-yaaduu, wal-qubsisuu, Qabeenya kununsuu, aadaa hojii qonnaa fi horsisuu ) kkf. — Fkn. Oromon aadaawwan bu’ura tan tokko ni qaba
– Oromoon aadaawwan bu’ura tah’an wal-fakkatu haa qabaatu malee baayina uummataa fi bal’ina qubsuma irra kan ka’ee garaagarumman aadaa baay’een ni jirani.Fakeenyaaf aadaa uffataa,aadaa gaddaa ibsachuu, aadaa nyaataa, aadaa fuudhaa fi heerumaa fi kkf
– Akka aadaa sirbaa keessatti ibsuuf yaaletti garaagarummaan aadaale Oromiyaa keessa jiran faayidaa gurguddo baay’ee kan qaban yoo ta’u, miidhaa tokkollee hin qabani.
– Garaagarummaan aadaa jiran kun baay’ee hawwataa fi barumsaa fi leenjii kenuun kan hin argamnedha.
– Qabeenya gurguddoo Oromiyaan qabdu keessa isa tokkoo fi galii guddaa kan argamsisanidha.
– Ciminaan irratti hojjetamnaan fuula dura baay’ina tuuristoota keessumeessu hin dandeenyetu Oromiyaa do’ataa

5ffaa:- Tokkumman sabaa-Amantaa tokko qaba

Sabni tokko bu’ura irra amantaa tokko qaba.
– Fakeenyaaf –Sabni Oromo ka’umsa irra abbaa tokko irra waan uumameef amantaa Waaqefataa jedhamu qaba ture.
– Yeroo booda garu Oromon amantaa biyoota biro irra itti dhufeen amantaa adda addaa qabaachu danda’eera. Kunis Waaqefataa, Isilaama fi Kiristaana.
– Akka seenaa irra hubachuun danda’amutti amantaan Isilamaa fi Kirstaanaa adeemsa keessa gara oromotti kan dhufe yoo ta’u, Oromon amantoota kana kan ofitti fudhataniif karaa waaqa ykn Rabbiin ittiin wal-qunnaman jedhani waan itti amananiif ture.
– Haata’u male garu qaamotni amantoota kana jalqaba irra hooganan maqaa amantoota kanaan sirna bulchinsa oromo keessa seenuun humna oromo dadhabsisaa fi diiga akka turani fi maqaa amantaatin Oromo sodachisani sirna bittaa isaani Oromo keessatti diriirfata akka turan seenaan ni ibsa.

* Tokkummaa Oromo diigan.
* Oromo afaan-faajesani gabrumaa fi hiyummaa keessatti akka kufan taasisan
* Oromon rabbiin ykn waaqa waan kabajuuf ykn sodatuuf qaamotni amantaale gageessan kanatti fayadamuun Oromo qoqodani kufisun akka hin kaane godhan
* Asirratti kan ani kaasu barbaade amantaan Isilamaa fi Kiristaana gaari miti jechuuf osoo hin taane maalummaa namoota amantaalee kana gageessa turani fi hojii isaani kaasu barbaadeni.

Fakeenyaaf mee amantaa kirstaana keessa amantaa Ortodoksii yoo fudhane, Hojiin gageesitootni isaani raawwata turan:-

– Sirna habashoota oromiyaa keessatti diriisu,
– Oromo lafa isaa irra buqisun irra fudhachu,
– Aadaa fi afaan Oromoo dhabamsisu,
– Meesha warana deegartoota isaanif raabsun oromoo akka ittiin doorsisani habashoota jalatti akka bitaman kan taasisa turan hanga tokko tuquun ni danda’ama

Fakeenya amantaa Isilamaa yoo ilaales:-

– Faayidaa fi fedhii arabootaa adeemsisuu irra kan hafe tokkummaa Oromoo egsisuuf tattaffin godhame hin jiru
– Oromotni amanticha hordofan Oromota amantaa waaqefataa fi amantaa kiristana hordofan hunda akka diinatti akka ilaalan taasisuun tokkumman Oromoo akka cabu yaali godhama ture keessatti shoora gudda taphateera.
– Kuni immo kan diinoni Oromoo tokkumma Oromoo cabsuuf yakka hojjetaa turaniif gahee mataa isaa taphateera.
– Oromoon oromummaa isaani dagatani amanticha qofa akka hordofan isaan taasiseera. Kun garu garbumma jala isaan hin hanbisne.
– Diinotin Oromoo qaawwota kanatti fayadamun gabrummaa Oromoo dheeressa jiran

Waa’ee amantaa irratti yaada waligalaa ibsuuf ni yaala:-

* Kaayyoon amantaa dhunfaanis ta’e gareen rabbi ykn waaqayyoo wajjin wal-qunamuuf ta’u qaba.
* Yeroo hunda hoogantoota amantaa xinxalun barbaachisadha.
* Hoogantootni amantaa hedduun(baay’een) kaayyoo dhokataa fi faayida addaa namni biroon hin beekne argachaa hordoftoota amanticha eenyumma isaa dagachisa qiyaasa hin taaneen kan gageessan baayedha.
* Amantaan sabumma fi eenyumma ofi nama dagachisu hin qabu
* Amantaan aadaa fi afaan ofii dagachisu hin qabu
* Amantaan qabeenya ofii saamsisu hin qabu
* Amantaan nama ajeesisuu fi nama hiisisu hin qabu
* Amantaan saba tokko jiddutti garagarumma uumuu hin qabu

Fakeenya tokko haala gaaffiitin ibseen waa’ee amantaa gudunfuuf ni yaala;-

Oromoon kiristana waggaa dhibba ol yeroo ajeefamu, hidhamu, samamu fi cunqursa jalatti yeroo bulu saboota biro kiristaana ta’ani fi biyoota amantaa kiristanaa hordofan irraa gargaarsi godhameefi akka hin ajeefamne, akka hin hidhamne fi akka hin saamamne fi cunqursa jala akka bahan kan godhee beeku jira?????? fkn uummata kaaba fudhachu dandeenya.

Oromon Isilama waggaa dhibbaa ol yeroo ajeefamu, yeroo hidhamu, yeroo saamamu fi cunqursa jalatti yeroo bulu saboota biro isilama ta’ani fi biyoota amantaa Isilamaa hordofan irra gargaarsi godhameefi akka hin ajeefamne, akka hin hidhamne, akka hin saamamne fi cunqursa jala akka bahan kan godhee beeku jira???????? fkn –Somali, Afaar fi Araboota fudhachu dandeenya.

Yeroo dhihoo asi garu jijjirama tokko tokko argaa jira. Kanas akka kana gaditti ni tuqa:-
– Oromoo kiristana irra ajeechaan fi rukuchaan osoo irra gahaa jiru Oromoon Isilama tokko dhaabbate hin ilaalu. Irra ittisuuf human haa dhabu male yaalii akka godhu shakki hin qabu. Kana mirkaneeffachuuf gara baha Oromiyaa deemtani argu dandeessu
– Oromoo Isilamaa irra ajeechaan fi reebichi osoo irra gahaa jiru Oromoon Kiristana tokko dhaabbate hin ilaalu. Kanas bakka adda addaatti arguu eegaleera
Oromoon Isilama Oromoo kiristana fi waaqefata akka amaraatti ilaala ture sirra’u qaba
– Oromoon Kiristana fi waaqefata Oromoo Isilama akka arabootatti Ilaala ture sirra’u qaba
– Isaan kun hundinu wal-walaalu fi diinni kan uume irra waan maddaniif lammaffa dhagahuus arguus hin barbaanu. Oromoon Tokko !!!!!!!!

Walimagalatti “ Hidda malee xannachi hin dhiigu “ akkuma jedhame Oromoon amantaa adda addaa yoo hordofe iyyu wal-male fira bira hin qabu.

* Amantaan kan dhuunfaa fi kan rabbi wajjiniiti
* Oromummaan kan saba Oromoo hunda wal-wajjiniiti.
* Oromumman kan eenyummaa fi kan kabajaati
* Oromumman wabii aadaa, afaan, amantaa, Qabeenya fi Bilisummaan ittin mirkana’udha
* Oromumman mallatto eenyumma addunyaan hundi ittiin nu beeku qabanidha

Kanaafu, akkuma aadaa fi Loqodoota bay’ee nama gammachisan fi nama hawatan qabnu amantaaleen jiranis haala bu’a qabeessummasaatin itti fayadamu qabna male haala diinota keenyaaf karaa banana fi tokkumma Oromoo hin diigneen of-eeganoon itti fayadamu qabna.

6ffaa:- Tokkumman sabaa –Qubsuma walinii daangaa tokko keessa ni qaba

Sabni daangaa tokko keessa waliin qubate kabajaa fi ulfina waliin qaba.Yoo daangaan isaa hin kabajamne:-

– Eenyummaan fi kabajaan sabicha ni mulqama, ni salphata
– Tokkummaan is ni diigama
– Ni ajeefama,
– Ni hidhama,
– Qabeenyi isaa ni saamama,
– Aadaan isaa fi afaan isaa ni dhabama,

Walumagalatti gabrumma jalatti galuun qaama isa garboofate tajaajilu jala seena
Qaamni isa garboofate sabicha addaan qoqoodun diina walitti gochuun akka wal-waraanan taasisa.

Walumagalatti tokkumman saba wabii eenyummaa sabaa, aadaa sabaa, afaan sabaa, qabeenya sabaa, amantaa fi tiksee daangaa sabaa fi kkf

1.4 Tokkumma Biyyaa

Tokkummaan Biyya kabaja tokkumma sabaa irratti kan huda’udha. Yoo tokkumman sabaa hin kabajamne tokkumma biyyaa jirachu hin danda’u. Sababin isaas Biyya tokko keessa sabootni baay’een jiraachu waan danda’aniif mirgi saboota kana wal-qixatti kan hin kabajamne yoo ta’e sabni jiru hundinu daanga isaa keessatti mirga isaa gara kabachifachuu deemu danda’a.

Tokkummaan biyyaa akka eegamu yoo barbaadame:-

* Sabni hundinu wal-qixa murteessu qaba
* Hidhaan dhaabbachu qaba
* Ajeechaan dhaabbachu qaba
* Saamichi dhaabbachu qaba
* Hundi wal-qixa misoomu qaba
* Wal-gowomsuun dhaabbachu qaba
* Of-tuulummaan dhabamu qaba Anatu siif beekan hafuu qaba
* Mirgi yaada ofi ibsachu kabajamu qaba, kkf

Xumuura yaada kiyyaa

Tokkummaan wabii qabu, Injifanno argamsisu, kan saba kabachisu fi diina naasisu ijaaruuf akkuma kanaa olitti ibsuuf yaale

– Faayidaa tokkummaa sirritti hubachun barbaachisadha
– Qaamotiin tokkummaa ijaaru barbaadan hundee isaani wal-hubachu barbaachisa
– Qaamotiin tokkummaa ijaaruu barbaadan fedhii fi dandeetti horachu qaban
– Qaamotiin tokkummaa ijaaru barbaadan Obsa fi wal-danda’u qaban
– Qaamotiin tokkummaa ijaaruu barbaadan wal-amanu qaban
– Dhiibbaa fi tooftalee qaama alaa irra irratti gageeffamu waliiwajjin ofirra ittisu
– Kutannoo qabaachu
– Wal-jaallachu
– Wal-deeggaruu
– Wal-marii’achu
– Dhaamsi kun hundinu Oromof akka ta’e beeku qabdan

Walumagalatti waa’een tokkumma namoota dhunfa, kan garee, kan sabaa fi kan biyyaa akka kanaa olitti ibsamanitti hiikuuf yaaleera. Dogoggoroota yoo qaabataniif dhiifama isin gaafadha.Tokkumma Oromootiif bu’a ni qaba jedheen waan yaadeef yaada kana kenuuf yaaleera. Isini immo akka gabbistan abdii ni qaba.